Obbooleettiin pirezidaantii Koriyaa Kaabaa Ameerikaa akeekkachiifte

Madda suuraa, Getty Images
Obbooleettiin pirezidaantii Koriyaa Kaabaa Ameerikaa jecha cimaadhaan akeekkachiifte.
Obboloottee qixusuun Kiim fi kan baayyee cimtuudha jedhamuun beekamtuu Kiim Yoo Joong Ameerikaan wayita maa kanatti waan biyya ishee aarsuu yoo raawwatte 'isheef wayyoo' jettee jirti.
Kiim Yoo Joong keessattuu Koriyaan Kibbaafi Ameerikaan waliin leenjii loltummaa eegalunsaan baayyee aarseeniira.
Yaanni obboolleettii pirezidaantiicha kun karaa TV biyyaaleessaattiin kan tamsa'es wayita Ameerikaan Koriyaa Kibbaa waliin walitti dhufeenya dippilomaasii eegaluuf oliifi gadi jechaa jirtuutti ta'unsaa dubbicha ijoo taasiseera.
Qondaaltoonni olaanoon Ameerikaa guyyoota dhiyootti magaalaa guddoo Kooriyaa Kaabaa Sool ni galu jedhamee eegama jira. Kaayyoonni dowwannaa isaanis, dhimma attamiin naannichatti nageenya walitti fufiinsa qabu fiduun haala danda'amurratti mari'achuufiidha.
Ameerikaan Koriyaa Kaabaa waliin dubbachuuf fedhii qabaattuulleen Piiyoong Yaang garuu ganaa pirezidaantummaa Joo Baayidan mataasaa fudhachu ifatti kan jette hinjiru.
Biyyoonni lamaanis yeroo hunda dhimma niikulaaraafi baalaastikii boombii irratti wal dhabdee irra jiru.
Obboolleettiin pirezidaantichaa Kiim Yoo Joong gaazeexaa guyyuu Rodong Sumun jedhamuu irrtti akkas jette jirti: ''Bulchiinsa Ameerikaa haaraaf gorsan qaba. Waggoota arfan dhufaniif irriba gaarii rafuu yoo barbaadan, gocha biyya kiyya Koriyaa Kaabaa aarsuurra of haa qusatan.''
Haasaa kanaan aattis obbooleettiin Kiim Koriyaan Kibbaafi Ameerikaan waliin leenjii loltummaa taasisaa jiraachunsaanii dubbii barbaacha cimaadha jettee jirti.
''Gocha dubbii barbaachaa kanas Koriyaa Kaabaa weeraruuf qophaa'uun adda godhee hinilaalu'' jechuun aarii ishee ibsite jirti.
Kiim Yoo Joong obboolleettii quxusuu pirezidaanti Kiim Joong Un yoo taatuu, obbooleettii isaa ammatti biyyattii keessaatti aangooftuu olaantuu irratti argamtu kan qofaati.
Al-ergiin meeshaa waraanaa Ameerikaa yoo dabalu kan Chaayinaafi Raashiyaa gad-bu'eera
Ameerikaan gurgurtaa al-ergii meeshaa waraanaa waggaa shanan darbe taasifteen qoodni gabaa keessaa qabdu harka 37 dabaluu instiitiyuutii qorannoo walabaa Siwiidiin jiru mirkneesse.