Galmee Obbo Jawaarfaa keessaa namootni 16 jecha amantaafi waakkii laatan

Obbo Baqqalaa Garbaafi Obbo Jawaar Mohaammad

Madda suuraa, OMN

Namoota galmee himataa Obbo Jawaar Mahaammadfaa keessatti himataman 16 jecha amantaafi waakkii laataniiru.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataatti dhaddachi Farra Shororkaafi yakkoota dhimma heeraa tokkoffaa himatamtoota irraa jecha amantaafi waakkii fudhachuuf har’atti beellamee kan ture yemmuu ta’u Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Hamzaa Adaana fi Obbo Shamsaddin Xahaa dhaddacha har’aa irratti hin argamne.

Bakka bu’aan mana sirreessaa Qaallittii, Obbo Jawaarfaan guyyaa kaleessaa hospitaala itti yaalamaa turan Hospitaala Laandmaark keessaa bahuun gara Mana Sirreessaa Qaallittii akka seenan himaniiru.

Kana malees Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaafi Obbo Hamzaa Adaana ogeeyyin fayyaa boqonnaa fudhachuu akka qaban akka itti himan bakka bu’aan mana sirreessichaa himaniiru.

Abukaatoowwan gama isaaniitin Obbo Jawaarfaan mana murtiitti dhiyaachuuf fedhii qabaatanillee dadhabbiirra jiraachuusaanii fi socho’uu akka hin qabne ogeeyyii fayyaatin itti himamuusaa dubbatan.

Kanaafis himatamtootni hundi erga takkaa jecha amantaafi waakkii akka kennanif beellamni gabaabaan akka kennamuf gaafatan.

Haa ta’u malee abbaan alangaa gama isaaniitin “jechi amantaafi waakkii kan dhuunfaati” jechuun himatamtootni har’a mana murtiitti dhiyaatan jecha isaanii kennuu akka qaban falman.

Manni murtichaas yaada abbaa alangaa fudhachuun himatamtootni har’a dhiyaatan jecha isaanii akka kennan fi Obbo Jawaar Mahaammadfaan immoo Bitootessa 13 bara 2013 jecha isaanii akka kennan ajajan.

Kana manes manni murtichaa akkaataa abbaan alangaa gaafateen ragaa ogeessi fayyaa Obbo Jawaar Mahaammadfaan boqonnaa fudhachuu akka qaban ittin ajaje beellama itti aanutti akka dhiyaatu ajajeera.

Jecha amantaafi waakkii himatamtootaa…

Himatamtootni dhaddacha har’aa irratti jecha amantaafi waakkii kennan Obbo Guutuu Mul’isaa, Obbo Dajanee Xaafaa, Mastawaard Tamaam, Arafaat Abubakar, Amaan Qaalluu, miidiyaa OMN gama bakka bu’aa isaatin, Mallasaa Dirribsaa, Boonaa Tibilee, Ajajaa 50 Yaalamwarq Asaffaa, Saajini Olaanaa Geetu Tarrafa, Ajajaa 10 Taamiraat Huseen, Saajini Olaanaa Bashir Huseen, Saajini Itti aanaa Sabbooqaa Qaaqoo, Ajajaa 50 Kennee Duumechaa, Ajajaa 50 Daawit Abdataafi Boggaala Dirribsaati.

Himatamtootni 16 kunneen gocha/yakka ittin himataman akka hin raawwanne fi balleessaas akka hin qabne mana murtiitti himan.

“Himata siyaasaan himatame” kan jedhanfi miseensa Koongirasii Federaalawaa Oromoo KFO ta’uu kan himan Obbo Guutuu Mul’isaa himatni irratti hundaa’es ifa akka hin taane dubbatan.

Madda suuraa, OMN

Qondaalli KFO Obbo Dajanee Xaafaa gama isaaniitin yeroon aangoo mootummaa Waxabajjii 30 ni xummurama jedhanii kakkaasuun himatamuu isaaniifi kana dubbachuun immoo yakka akka hin taane dubbatan.

Heera biyyattii keewwatawwan 54 fi 58 eerun ammas yaada isaaniitti akka amanan dubbachuun “himatichi himata sobaati” jedhan.

Gama biraatin siyaasa keessaa harka akka hin qabne mana murtiitti kan himan Saajini Olaanaa Bashir Huseen yeroo dargaggummaa isaaniitti balleessaa malee ji’oota sagalif mana sirreessaa fi mana murtii gidduu deddeebi’uun sirrii akka hintaane himan.

Gama biraatin himatamaan saglaffaa Alamaayyo Galataa namni afaan hiiku dhabamuu isaatin beellama ittin aanu irratti Obbo Jawaar Mahaammadfaa walin jecha amantaafi waakkii akka laatu manni murtichaa ajaja laatera.

Waa’ee galmee himataa Obbo Jawaarfaa namoota 24

Ji’a Waxabajjii bara 2012 keessa ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda kan qabaman Obbo Jawaar Mahaammad fi namootni galmee isaanii keessatti argaman kunneen biroon labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to’achuuf bahe, labsii yakka telekoomii, labsii bulchiinsa fi to’annoo meeshaa waraanaa fi seera yakkaa biyyattii keewwata garaagaraa darbuun ture kan himataman.

Manni Olaanaa Federaalaas himatawwan labsii bulchiinsa fi to’annoo meeshaa waraanaan walqabatan jaha akka addaan citan murteesuunsaa ni yaadatama.

Obbo Dajanee Guutamaa, Dr Birhaanamasqal Abbaba fi Tsaggaayee Raggaasaa namoota biyya keessa hin jirre fi galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa keessatti himatamanidha.