'Aara nama boochisu darbatameen Yamanitti namoonni 43 lubbuu dhabamaniiru' - Itoophiyaa

Ambaasaadar Diinaa Muftii

Madda suuraa, MINISTEERA DHIMMA ALAA ITOOPHIYAA

Lammiileen Itoophiyaa 150 ta'an fi Yaman magaala Sana'aa keessa turan guyyaa har'aa gara Itoophiyaatti akka deebi'an Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa hime.

Bitootessa 07 mana hidhaa biyya Yaman magaala Sana'aa keessatti argamu keessatti lubbuun lammiilee Itoophiyaa darbeera.

Guyyaa rakkinichi itti uummamee eegalee imbaasiin Itoophiyaa biyya Omaan jiru Dhaabbata Godaansaa Addunyaa IOM, Dhaabbata Biyyaalee Gamtoomanitti Komishinii Olaanaa Dhimma Baqattootaa UNHCR fi Fannoo Diimaa walin ta'uun lammiilee hafan achi baasuf hojjechaa jiraachuu himan dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii.

Guyyaa har'aas lammiileen magaala Sana'aa irraa gara magaala Adan /Aden/ geeffaman 150 gara Itoophiyaa akka deebi'an himan.

Kunneen hafan Sana'aa keessaa baasufis dhaabbilee idil addunyaa kunneen walin hojjetamaa jiraachuu Ambaasaaddar Diinaa Mufti dubbatan.

"Mana hidhaa keessatti hidhattoota Huutin aara nama boochisu itti darbatamee ibiddi ka'ee lammiileen 43 lubbuusaanii dhabaniiru.

Kana keessaa tilmaama lammiileen Itoophiyaa baay'eetu jiru jedhutu jira" kan jedhan ambaasaaddar Diinaan, gabaasni kun gabaasa dursaafi kan hin qulqulloofne akka ta'e himaniiru.

Dabalataan namootni lubbuun darbe kunneen achuma Yaman keessatti awwaalamuufi eenyummaa isaanii adda baasufis hojjetamaa jiraachuus dubbatan.

Gama biraatin dhaabbatni mirga namoomaaf falmu ' Human Rights Watch' gabaasa har'a baasen balaa lubbuu godaantota hedduu galaafateef sababni meeshaa waraanaa ammatti adda hin baane kan humnootni Huutii mana hidhaatti darbani jedheera.

Dhimma Hidha Haaromsaafi xalayaa Ministira Mummee Sudaan…

Miidiyaaleen biyya Sudaan gabaasaa akka jiranitti Ministirri Mummee Sudaan Abdallaa Hamdook Dhaabbata Biyyaalee Gamtoomanii, Gamtaa afriikaa, Gamtaa Awurooppaa fi Ameerikaan marii dhimma Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Guddicha /GERD/ irratti jaarsummaan akka hirmaatanif qaamolee kunneenif xalayaa barreessanii jiru.

Xalayaan Sudaan barreessite kunis biyyaaleen sadeen (Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan) waliigalteerra osoo hin gahin Itoophiyaan guutinsa bishaanii marsaa lammaffaa waqtii gannaatti adeemsisuuf karoorfatte akka isaan yaaddesse Minstirri Mummee biyyattii kan ittin ibsan ta'uutu himame.

Dhimma kana kan gaafataman dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Mufti, "dhimmichi 'officially' nu bira hin geenye. Garuu kan dhagahaa jirru qaamoleen afran Gamtaan Awurooppaa, Ameerikaa, Gamtaa Afriikaa fi Dhaabbata Biyyaalee Gamtoomanii marii garsadee keessa yaa seenan kan jedhudha" jedhan.

Yaadni Sudaan kun karaa adeemsa isaa eeggaten /officially/ Itoophiyaa bira akka hin geenye kan himan ambaasaadarichi marii garsadee Itoophiyaa, Ijipt fi Sudaan taasisaa turan keessatti Gamtaan Awurooppaafi Ameerikaa taajjabdummaan, akkasumas Gamtaan Afriikaa qindeessummaan hirmaachaa akka turan himan.

Haata'u malee, yaadni "gaheen taajabdootaa yaa guddatu jedhu gama Sudaanin yeroo dhiyaatu Ijipt hin fudhanne. Kanaaf bittinnaa'e' jedhan.

Waliigalteen biyyaaleen sadeen bara 2015 walif mallatteessan "furmaatni kan dhufu marii biyyaalee sadeen taasisanin qofa" kan jedhu ta'uu kan himan Ambaasaaddar Diinaan, biyyaalen sadeen mariidhaan waliigaluu kan hin dandeenye yoo ta'e hooggantootni biyyaalee sadeenii mari'achuun mala marii kan biraa akka jijjiiran waliigaltee bara 2015 mallattaa'e kanaan waliigalamuusaa himan.

Kanaaf biyyi tokko mala marii haaraa fiduun hojiirra akka oolu gaafachuun sirrii akka hin taane dubbatan.

Kana malees duudhaa Gamtaan Afriikaa 'rakkoo Afriikaa Afrikaanotaan hiikuu' jedhun rakkinichi akka furamuuf yaada gaarii qabaachuu ambaasaaddar Diinaan dubbataniiru.