Abdallaa Shariif: Abbaa Godanbaa dhuunfaa Yun. Haramaayaa dhihoo Doktora Kabajaa kenneef

Obbo Abdallaa Shariif

Madda suuraa, Waajira Komunikeeshinii Hararii

Torban dura Yunivarsiitiin Haramaayaa namoota lamaaf Doktora Kabajaa kennee ture. Kunneenis qondaala mootummaa olaanoo kan turan Obbo Abbaa Duulaa Gammadaafi Obbo Abdallaa Shariifidha.

Obbo Abdallaan garuu eenyu?

Maqaan guutuu isaanii Obbo Abdullaahi Alii Sharif yoo ta'u, gara caalu Abdallaa Shariif jedhamuun akka beekaman BBCtti himan.

Dhaloonni isaaniis ta'e bakki amma jiraatan Hararidha, magaalaa bara 2006 UNESCO'n galmee Hambaa isaa jalatti galmeessedha. Maanguddoon ganna 69 kun, godambaa dhuunfaa isaanii magaalaa itti dhalatanitti horataniiru.

Akkamiin eegalan?

Akka isaan jedhanitti yaadni of barbaaduu kun ijoollummaatti isaan eegale. Yeroo mana barumsaa sadarkaa lammaffaa baratan waa'ee seenaa maatii isaanii gaafatamuu himu.

Kanaanis, Obbo Abdallaan maanguddoo gaafadhe jedhu.

''Dur hin qabna amma hin qabnu yeroo naan jedhan, rakkoo eenyummaakoo wallaaluutu na qunname,'' jedhu akkaataa of barbaachuu eegalan yoo dubbatan.

Kanaanis seenaa qorachuu eegalanii. A.L.I bara 1982 eegalee immoo kitaabota, sirboota, waraqaa qorannoo, huccuu, meeshaalee adda addaa walitti qabuu eegalan.

Yeroo walitti qabaniis kan Oromoos, kan Hararii, kan Somaalis, kan Affaaris, kan Argobbaa walitti qabuu dubbatu.

Meeshaaleefi miinii saboota garaa garaa argarsiisaniifi isaan walitti qaban garuu waggoota 17f maatii isaanii mana keessa turuu dubbatu. Kunis, dhukkuba, 'asmiif' na saaxile jechuun BBCtti himan.

Godambaa Dhuunfaa Shariif

Godambaan kun Obbo Abdallaa erga faayaaleefi meeshaalee walitti qabuu eegalanii waggoota 17 booda kan hundaa'edha. Magaalaa Harar Makiinaa Girgir bakka jedhan biratti argama.

Madda suuraa, Isihaaq Shaafi

Ibsa waa'ee suuraa,

Masaraa duraanii godambaatti jijjiirame

Manichi waggaa 110 dura ijaarame. Dajjaazmaach Tafarii Mokonniin [boodara Mootii H/Sillaasee ta'un Itoophiyaa waggoota 44f bulchan] bulchaa Harar yeroo turan A.L.I 1903 ijaarame.

Mootummaan akka isaan godambaa keessatti dhaaban masaraa kana akka kenneef dubbatu Obbo Abdallaan.

'Seenaafin hundeesse'

Muuziyeemii yookiin godambaa dhuunfaa qabaachuun Itoophiyaa keessa hammana waan barame miti.

Obbo Abdallaanis, ''Dhuunfaatti ana malee hin jiru. Baha Afrikaattillee ana malee hin jiru,'' jechuun yaada isaanii ibsu. Ta'us kana mirkaneessuun rakkisaadha.

Haata'u malee, kaka'umsa ofiin hojii hammana keessa seenuun waan xiqqoo miti.

Bara ijoolummaa isaanii waan isaan mudate dhaloota ammaa akka hin mudanneef godambaa hundeessan.

Akkaataa meeshaalee walitti qaban yoo dubbatan Obbo Abdallaan; tokko kennaa namni itti fidu ol kaa'un, ofii isaanii bituun, akkasumas namootaaf imaanaa kaa'un akka ta'e himan.

Akkasumayyuu ta'e meeshaalee durii walitti qabuun salphaa hin turre.

''Duraan namni tokko nan amanu; ni gurgura jedhanii waan yaadaniif. Amma erga waliti qabuu eegale ummannis dhufee ilaaluu erga eegale amantii namaan argadhe,'' jedhan.

''Kanin guure [walitti qabe] keessaa dhibbarraa 60% ol ummatatu naaf kenne,'' jechuun ummanni isaanitti fiduu himu.

''Seenaafin walitti qabe malee hin gurguru. '' jechuun meeshaalee durii bituu malee akka hin gurgurre dubbatu

''Seenaa Oromodha, seenaa Harariidha, Seenaa Somaaleedha, Seenaa Affaariidha. Gurguruufi daldalaa ta'uuf miti kanin bite. Seenaa keenya eegnee dhaloota dhufuuf kaayuf malee ani gurguruuf miti. Takkaas hin gurgurre.''

Godambaa kana keessa maaltu jira?

Akka Obbo Abdallaatti godanbaan kun muziyeemiiwwan bakkeewwan kaan jiran caalaa 'sabaafi sab-lammoota garagaraa faayaalee agarsiisaniin kan guutamedha.'

Godambaa kana keessa, ''Mallaqa Hararii, Aksuum, akkasumas kan biyyoota 120 ol nan qaba,'' jechuun himan.

Kitaabota garri caalu Afaan Arabaan harkaan barraa'an, Qur'aana Rabbii dabalatee hanga umrii waggaa 1,000 ol qabu fa'i akka qaban BBCtti himan.

Kitaabota qubeen barraa'e dabalatee kan saboota garaa garaa qabaachuu himu.

''Hambaa 13,000 olitu argama. .. Huccuu, meeshaa lolaa, kaarraa, chaappaawwan, meeshaalee faayaa,'' jechuun eeru.

'Koronaan nu miite'

Yeroo hedduu turistoonni Itoophiyaa daawwatan gama Kaaba biyyattii malee gama kaanii deeman lakkoofsaan xiqqoo akka ta'e kanneen damee Turizimiitti dhihoo jiran himu.

Obbo Abdallaanis kanuma komatu. Kana dura namoonni godambaa daawwachaa galii muraasa irraa argachaa turan.

''Baatiitti kuma 30,000 yookiin 25,000 inuma arganna … Koroonaaf jecha namni xiqqaate jira kasaarumatti jirra,'' jedhan.

Mootummaan masaraa durii godambaaf oolu Obbo Abdallaatti kennuun ala waardiyyoota shan godambaa kana eeganif miindaa akka kanfalu himu maanguddoon kun.

Dabalataan, yeroo garaa garaatti Imbaasiifi dhaabbilee gara garaa Sheh Allaammuddiin dabalatee deeggarsa irraa argachuu himu. Kunis ta'u, amma deeggarsa akka fedhan himu.

Jireenyi isaanii ammaas 'sanduuqa gargaarsaa' balbala teessun jiraadha jechuun gargaarsa ummataan akka jiraataa jiran ibsu.

Doktora Kabajaa

Hambaalee baduu malan waan ol kaa'aa turaniif Yunivarsiitiin Haaramaayaa bakka isaan jiraatan dhihoo jiru Doktara Kabajaa isaan badhaaseera.

Kana boodas biyya keessaafi ala namoonni, 'Baga gammadde osoo hin taane baga nuti gammannee jechuuti jiran' jechuun himu.

Badhaasa argachuu isaaniitti dhaabileen deeggarsa akka cimsaniif gargaara yaada jedhu qabu.

Hojii isaanii kanaaf kana dura ''badhaasa 40 oliin qaba'' jechuun BBCtti himan.

Ummataaf ergaa dabarsaniin, "Hambaalee kana eeggadhaa, [tursiisuuf] yoo eeggachuu hin dandeenye warra eeguu danda'anitti gurguraa yookiin amaanaatti kennadha," jedhu.

''Hambaa keessan biyya alaatti warra gurguruu barbaadu ofirraa ari'aa.''