Lola Tigraay: Lola naannoo Tigraayiin namoonni buqqa'an haala akkamii keessa jiru?

Lola Tigraay: Lola naannoo Tigraayiin namoonni buqqa'an haala akkamii keessa jiru?

Waldhibdeeb siyaasaa mootummaa federaalaa fi bulchiinsa naannoo Tigraay gidduu ture gara hin taanetti deemuun Sadaasa darbe keessa waraanni banamuun ni yaadatama.

Sababa waraana kanaan dhalattoonni naannochaa miiliyoona 1.4 caalan qe'eesaaniirraa buqqa'aniiru.

Kanneen keessaa 200,000 ol kan ta'an magaalaa Shiree Indasillaasee keessatti da'oo baqattootaa keessatti argamu.