Koronaavaayiras: Kanneen Ameerikaarraa dhufan dabalatee miseensonni maatii 10 Covid-19'n qabaman maal himu?

Koronaavaayirasii

Madda suuraa, Getty Images

Tatamsa’inni koronaavayirasii Itoophiyaa keessa jiru haala yaaddessaa irra ga’uu isaa ministeerri fayyaa biyyatti ibseera. Lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii, akkaan dhukkubsatanii fi du'anii garmalee dabalaa jira jira jedhe ministeerichi.

Of eeggannoo gochuu dhabuun vaayirasichaaf saaxilamuun aarsaa kaffalchiisaa jira jechuun akeekkachiisa ministeerri fayyaa kun.

Ameerikaa irraa maatii dubbisuuf namoota dhufan lama dabalatee miseensoonni maatii tokko kudhan, of eggannoo taasisuu dhiisuu isaanirraa kan ka’e akkamiin vaayirasichaaf akka saaxilaman BBCtti himaniiru.

Obbo Solomoon Diras dhiyeenya bakka jiraatan Ameerikaa irraa gara Itoophiyaa imalan.

Akkuma imalaa idil-addunyaa kamiittuu imala isaanii dura qorannoo koronaavaayirasii taasisanii, vaayirasicha irraa bilisa ta’uun baramee booda imalan.

Finfiinnee ga’anii guyyootii muraasa jalqabaa irratti firootaa fi hiriyyoota isaanii waliin wal arganiiru.

“Magaalaa koronaavayirasiin keessa hin jirre kan fakkaattu Finfinneen, darbee darbee namootni maaskii uffatan utuu hin mul’atan ta’ee jireenyi akkuma barametti kan fufe fakkaata,” jedhu.

Bakka Obbo Alamayyoon jiraatan US keessatti maaskiin dirqama waan tureef, jirattoota Finfinnee fakkaachuuf jecha maaskii isaanii uffachuu dhiisuuf yeroo itti hin fudhanne.

Guyyoota muraasa kessatti garuu wantoonni ariitiin geggeeddaramuu eegalani.

“Jalqabaratti dadhabbii guddaatu natti dhaga’amaa ture,” jechuun dhibeen isaani akkamiin akka jalqabe himu.

Guyyaa jalqabaatti imallisaanii fi maatii dubbisuuf isa asiif achi deeman waan isaan dadhabse itti fakkaatus guyyaa lammata irratti dadhabbiin itti dhaga’ame, “kan ibsuu danda’uu ol ta’e,” jedhu.

“Dadhabbii jalqaba natti dhaga’amerra cimaa ture. Siree irraa ka’ee mana fincaanii deemuunillee qormaata natti ta’e,” jechuun haala keessa turan ibsu.

Akkuma kana fira gaafachuuf biyya alaarraa kan dhufan eessumni isaaniis “dadhabbiin guddaa” itti dhaga’amuu eegale.

Haalli kun kan isaan yaaddesse Obbo Solomoon eessuma isaanii waliin qorannoo taasisuuf gara mana yaalaa deemani.

Bu’aan isaa garuu wanta hin eegne ture - koronaavayirasiin irratti argame.

Dhukkubaafi dhiphuu

“Dadhabbiin alatti mallattoo biraa waan hin qabneef koronaavaayirasii ta’a shakkii jedhu hin qabnu ture. Qorannooyyuu kan taasisne akka carraadha,” jedhu.

Obbo Solomoonis ta’e eessumni isaani qofaatti adda of baasuun haala fayyina isaani hordofuu eegalani.

“Bu’aan qorannicha wayita beekamu ofiif caalaa haala eessumakootu na yaddesse ture,” jedhu.

kan yadda’aniifis essumni isaanii umuriin nama deemanii fi dhibee fayyaa biraa waan qabaniifi.

Dadhabbiirra darbee fedhiin nyaataaf qaban hir’isaa deemee, sadarkaa nyaataafi bishaan fudhachuu dadhaban irra ga’ani.

Kunimmoo rakkoo biraa ture. “Wanti nyaannuufi dhugnu hundi deebi’ee ba’a ture,” jechuun haalasaa ibsu.

“Anis eessumnikoos guddaa dadhabbuu keenyarraa kan ka’e qaajja’uu eegalle turre. Rafuurra kan hafe waan biraa gochuuf humna hin qabnu ture. Saatii dheeraa rafuun dabarsina turre.”

''Akkuma oggeessi fayyaa nutti himetti, bakka nyaataa mana keessatti guluukoosiin nu kennamaa ture,” jedhu.

Namoota dabalataan qabaman

Hedduu utuu hin turiin garuu obboleessi isaani quxisuun qufaa adda hin cinnee akka qabu yeroo baran akka qoratamuuf isa gaafatan.

“Ana fi eessumnikoo koronaavaayirasii qabaachuu keenya baruun guyyaa lama dura obboleessakoo waliin wal agarre turre. Qufaan yeroo jalqabuuni deeme akka qoramuuf gorsinunis ‘uttaalloodha’ jdhee hinqoratamiin hafe.”

Qufaan obboleessa isaani garuu akka kanaan dura salphaa waan hin taanee fi miirri dadhabbiin itti dhaga’amuu waan eegaleef qorannoo taasise.

Bu’aa qorannoo isaan vaayirachii irratti argame. Guyyoota muraasa booda miseensi maaticha sadaffaan koronaavaayirasiin qabame.

Yeroo kanatti fayyinni Obbo Solomoon foyya’aa kan dhufeef “ amma akka hin dune mirkaneessineerra” yeroo itti jedhan ture. Bishaan dhufuu fi qoricha fudhachuus eegalaniiru.

Guyyooti shan dura miseensonni maatii isaani hedduun walitti qabamanii waan turaniif akka qorataman taasifame.

“ Miseensonni maatiikoo gara digdamaa ta’aniifi namootni nu waliin qunnamti qabataan hundi guyyooti adda addatti deemani qoramani,” jedhu Obbo Solomon.

Ta’us garuu Obbo Solomoon fi eessuma isaani waliin wal arganis qorannoo taasisuu garuu namootni hin barbaadnes jiru turani.

Kana jidduutti obboleettin isaani tokko Covid-19 akka qabdu barame miseensa maatii kanaa vaayirasichaan qabamte afuraffaa taate. “Miseensa maatikeenya mallattoon tokkoyyu irratti hin argamnedha,” jedha.

Bu’aan qorannoo miseensota maatii keenyaa suuta suutaan yeroo ba’u kanneen vaayirasicha hin qabne akka jiran yeroo barru dhippuun isaanii hir’isee ture.

Guyyootii muraasaa booda garuu bu’aa isaan hin eegnetu dhufe.

“Anaafi eessumnikoo bu’aa qorannoo keenya barree turban isaatti obboleessikoo koronaavayirasii akka qabu itti himame. Obboleessakoo dabalatee haati warraa isaafi ijoolleen isaas vaayirasichaan qabamuun isaani nu rifaasisee ture,” jedhu Obbo Solomoon.

Kanaanis maatii isaani keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayiraasiin qabamnii sagal ga’e.

Bu’aa qorannoo eeguu

Kan nama naasisu saamuda erga kennanii booda bu’aan gara guyyaa afuriif waan geenyeef jireenya guyyaa guyyaa isaaniin itti fufani.

“Bu’aan qorannoo waan barfateef sochiikoo barame itti fufeen ture,” jedhu obboleessa Obbo Solomoon kan ta’an Obbo Siisaay.

“Maatiikoo irra daddeebiin argachaan ture. Bakka hojiikoorraa guyyaa tokkollee utuu hin hafiin deemeera. Haati warraakoos hojjachaa turte. Ijoolleenkoo sadanis barnoota isaanii irra guyyaa tokkollee hin hafne,” jedhu.

Sababa kanaanis maatiin isaani qorannoo koronaavayirasii taasisan adda addummaa guyyaa sadiin irra deebiin saamuda kennuuf dirqamaniiru.

Bu’aan qorannoo isaani erga baramee booda miseensonni maatii Obbo Siisaay mallattoo dhukkubicha tokkoyyuu qabachuu baataniis adda of baasanii turani.

“Guyyootii jalqabaatti yaaddoo qabna ture. Ijoolleenkoo yoo dhukkubsataniiwoo? Haatii warraakoo yoo dhukkubsattewoo? jechaa dhippachaan ture. Kankoo caalaa haala isaanitu na yaaddessa ture” jedhu.

“Oggeeyyiin fayyaa yeroo yeroon bilbilanii haala keenya nu gaafachaa turani. Torban lamaaf qofaatti adda of baafnee erga turree booda gara jireenya keenya idileetti akka deebi’uu dandeenyu nutti himani,” jedhu.

Dagannaa hanqinna of eeggannoo fide

Wayita jalqaba weerarri koronaavaayirasii Itoophiyaatti mul'ate ji'oota jalqabaa jiran keessatti of-eeggannoon haga tokko godhamus, yeroo booda garuu jiruu fi jireenyi uummataa akkuma duraniitti itti fufe, kunimmoo tatamsa'ina vaayirasichaa hammeesse yaada jedhu kennan Obbo Siisaay.

“Manaa alatti maaskii inni hin godhannes inni godhates yeroo mana ga’u ofirraa baasee walitti makama,” kunis ammoo miseensa maatii isa of eegaa ture akka saaxilu ibsaaniiru.

Maatiin Obbo Siisaay yeroo adda of baasanii jiranitti miseensi maatii isaanii biraa vaayirasiichaan qabamuun isaani barameera.

Torban lama yeroo hin guunne keessatti miseensa maatii koronaavayirasiin qabaman isa kurnaffaa ta’aniiru.

Wanti ‘gaarii’ jedhamu yoo jiraate namoota dhukkubsatan kurnan kunneen keessaa torba dhukkubbiis ta’e mallattoo dhukkubichaa qabaachuu dhiisuu isaaniidha.

Itoophiyaa torban sadiif dawwannaadhaaf kan dhufan Obbo Solomooniifi eessumni isaanii sababa koronaavaayirasiin yeroo isaanii irra guddaa kutaa tokko keessatti dabarsuuf dirqamaniiru.

Gara torban lamaaf koronaavayirasiin qabamanii kan turan miseensonni maatii Obbo Solomoon kurnanuu amma bayyaannatanii vaayirasicha irraa bilisa ta’uun isaani mirkaanaa’eera.

Obbo Solomoniifi essumni isaaniis Ameerikaatti deebi’uuf qorannoo koronaavayirasii taasisaniin akka vaayirasicha hin qabne baraniiru.