Olompikii Tookiyoo irratti deeggartoonni idil addunyaa akka hin argamne murtaa'e

Axaa Olompiikaa

Madda suuraa, Getty Images

Olompikii fi Paralompikii Tookiyo 2020 sababa koronaavayirasiin guyyaan isaa dabarfame irratti deeggartoonni idil addunyaa argamuu akka hindandeenye ibsame.

Anga’oonni Jaappaan koree Olompikii fi Paralompikiitti akka himanitti deggartoonni biyya biraa biyyattii seenuuf eeyyama argachuun isaani ‘waan milkaa’u miti.’

Qindeessitoonni murteen kun namoota tikeetii bitataniif deebii ‘ifa’ ta’e kan keennuufi ‘uummata Jaappaaniifi hirmaattoota dorgommichaaf taphaa eegumsaa qabu’ kennuuf kan gargarudha jedhan.

Dorgommiin kun Adoolessa 23 eegala jedhamee eegama.

Dorgommiin Paraloompikii ammoo Olompiikii eegalee ji’a tokko booda Hagayya 24 jalqabama.

Qindeessitoonni akka jedhanitti haalli Covid-19 ‘rakkisaa Jaappaniifi biyyoota biroo keessa jiru, dhorkiin imalaa addunyaa fi gosti vaayirasichaa mul’achaa jirachuun murtee kana akka murteessaniifi namoota tikeetii bitaniif maallaqa akka deebisan isaan godheera.

Bara darbe Bitootessa keessa sababa weerara koronaavayirasii ariitiin tatamsa’aa tureen guyyaan Olompikii achi akka siqsamu kan taasifame.

‘Murtee cimaan barbaachiisa ta’e’

Seenaa olompikii keessatti guyyaan qophichaa yeroo dabarfamu kun kan jalqabaa yoo ta’u, qophii 2020 irratti biyyootii 200 ta’an irraa atleetoti 11,000 ol ta’an hirmaachuuf qophaa’aanii turani.

Hogganaan Koree Olompikii Idil Addunyaa Toomas Baak, murteen kun “nama hunda aarsaa guddaa kan kaffalchiisedha,” jedhaniiru.

“Deeggartoota Olompikii addunyaa maraafi maatiifi hiriiyoota atleetoota qophii kana irratti argamuuf karoorsanii turaniif gadda koon ibsa,” jedhan.

“Kanaaf dhiifama gaafachuun barbaada.”

“Murteen hundi qajeelfama eegumsi dursuu qaba jedhu kan hordofedha. Waayilooti fi hiriyyoonni keenya Jaappanis murtee kanarra salphaatti akka hin geenye beeka.”

Deeggartooti idil addunyaa olompikicha irratti argamuu hafuun isaanii dinagdee qophii Tookyoo guddaa kan miidhudha.

Sababa tatamsa’ina Covid-19 ittisuuf jedhun baasiin qophichaa doolara biiliyoona 2.8’n dabaleera, ta’us garuu qindeessitoonni kana caalaa guyyaan achi siiquu akka hin dandeenye murteessaniiru.

Jalqaba bara kanaatti ministirri muummee Jaappaan Yoshigidee Sugaa dorgommichi “eegumsaa kan qabaatuu fi akka mallattoo tokkummaatti” kan tajaajilu ta’a jedhaani turani.

Ta’us garuu qorrannoon midiyaa biyyaleessa NHK’n taasifame akka agarsiisutti lammileen Jaappan harki caalaan dorgommichi bara 2021tti akka hin rawwatamne mormuun, filannoon isaani guyyaa isaa achi siqsu ykn guttummaatti qophicha haquu akka ta’e mul’iseera.