Hidha Haaromsaa: Itoophiyaan hidha guddicha kan ijaaru Saaliiniif Yuuroo mil. 450 kaffaluuf waliigalte

HIdha haaromsaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Hidha haaromsaa kan hojjetu Saaliniin kaffaltii doolara biliyoona tokkoon nu himatee marii baay'ee ulfaataan booda Yuuroo miliyoona 450 kaffaluuf waliigalle jedhan MM Abiy Ahimad.

MM Abiy Ahimad kaleessa dhimma hidha haaromsaa irratti paarlaamaatti yoo dubbatan, kaffaltiin doolaara biliyoona tokko Saaliinin gaafate osoo isaan gara aangootti hin dhufiin dura sababa harkifannaa hojichaan kaffaltii hafee ture akka tahe himan.

Kaampaanicha waliin falmii cimaa fi marii guddaa gochuun torban darbe hojiin hidhichaa akka hin dhaabbanneef Yuuroo miliyoona 450 ykn birrii biliyoona 22 ol kaampaanichaaf kaffaluuf waliigallee hojii itti fufeera jedhan.

Amma ijaarsa hidha haaromsaaf liqaas tahe kaffaltiin tokkoyyuu nurra hin jiru kan jedhan Abiy hojii hojjetame hundaaf kaffalleerra jedhan.

"Yoo himaticha itti fufne karoora hojicha xumuruuf wagga waggaan qabannetu hin milk'aau, dhiisuuf hidha haaromsaati'' jedhan.

Kaffaltiin kun dabalataan karooraan ala akka itti dhufe himan.

Hidhi haaromsaa Itoophiyaan baasii doolaara biliyoona afurii oliin hojjechaa jirtu Sudaanii fi Masirii waliin waliigaltee irra gahamuu baatus bara darbe ture marsaa jalqabaan bishaan kan guutame.

Karoorri ganna kana marroo lammataaf hidhicha bishaan guutuu haala kamiinuu hin danqamu jetti Itoophiyaan.

Mariin biyyoota sadeenii Itoophiyaa, Sudaanii fi Masirii jaarsummaa Gamtaa Afriikaan adeemaa ture bu'aa qabatamaa hin argasiifne.

Sudaan marichi jaarsummaa Ameerikaa, Gamtaa Afrikaa, UN fi Gamtaan Awurooppaan akka itti fufu gaafatte.

Sudaan gaaffii Yuunaayitid Arab Emireets dhimma hidha haaromsaa fi wal dhabbii daangaa irratti Itoophiyaa waliin qabdu irratti jaarsummaa taa'uuf dhiyeessites fudhatteetti.

Mariin biyyoota sadeenii maalirra jira?

Hidhi guddicha Itoophiyaa ijaarsi isaa erga jalqabee waggootni kudhan darbaniiru.

Itoophiyaa, Sudaan fi Masiriin haala guutinsa bishaan hidhichaa fi oppireeshinii isaa irratti yeroo hedduu marii gaggeessanis ammatti waliigaltee xumuraa irra hin geenye.

Bitootessa 23 bara 2015, wagga jahan kana gaggeessitootni biyyoota sadeenii magaalaa Kaartumitti waliigaltee qajeeltoo ykn 'declaration of principles' walii mallatteessanii ture.

Waliigaltichi dhimma guutinsa bishaanii, oppireeshinii fi dhimmoota biroo hidha guddichaa waliin wal qabatan irratti biyyoonni sadan mariin waliigaltee irra gahuu akka qaban akeeka.

Yoo waliigaltee irra gahuu dadhaban ammo akkaataa jaarsummaan hiikkachuu qaban kallattii kaa'a.

Itoophiyaan hanga ammaatti akkaataadhuma waliigaltee kanaan deemaa turuu dubbii himaan Ministera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasadar Diinaa Muftii himaniiru.

Mariin hidha haaromsaa kana ammatti jaarsummaan kan harkaa qabu Gamtaa Afrikaati.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Suuraa Saatalaayitii hidha haaromsaa Itoophiyaa Hagayya 2020

Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan biyyoota sadeen walitti fiduun mariisisaa turan. Amma Dursaa Gamtaa Afrikaa tahuun Koongoon itti darbiteetti.

Minisiterri Bishaan Albuudaa fi Inerjii Itoophiyaa Injiner Silashii Baqqalaa, garee Koongoo maricha itti fufsiisuu barbaadan waliin dubbachuu karaa Tiwiitera isaanii himanii ture.

Haa tahu malee Sudaan fi Masiriin amma marichi biyyoota sadeenii fi Gamtaa Afrikaan ala Gamtaa Awurooppaa, Ameerikaa, fi UN dabalachuun akka itti fufu barbaadu.

Ibsa torbe darbe gaazexeessitootaaf kennan irratti dhimma kana kan gaafataman ambaasaaddar Diinaa Muuftii gaaffiin kun ifatti Itoophiyaaf hin dhiyaanne jedhan.

Amma jaarsummaa Gamtaa Afrikaan waliigaltee irra gahuu dandeenya, rakkoo keenyas furanna jette amanti Itoophiyaan jedhan.

Gaheen Gamtaa Afrikaas tahu mariif haala mijeessuuf biyyoota sadeen walitti fiduu yoo tahu yoo qaamni kaan marichatti yoo makames waan jijjiiru hin qabu jedhan.

MM Abiy Ahimed kaleessa Bitootessa 23 bara 2021 paarlaamaa irratti yoo dubbatan bishaan haroo Xaanaatii bahu yeroo hundayyuu dhaabbatee hin beeku jedhanii bishaan kan guutnu rooba gannaa fayyadamneeti jedhan. Kana ammoo akka hin dhaabne himaniiru.

Itoophiyaan hidhicha doolaara biiliyoona afuriin kan hojjechaa jirtu yoo tahu uummata tajaajila ibsaa hin qabne miliyoona 65 oliif tajajila kenna jedhamee abdatama.