Duumessa dorrobsuu: Akkamiin karaa nam-tolcheen rooba roobsuun danda'ama?

  • Ammayyuu Ittaanaa
  • Gaazexeessaa, BBC Afaan Oromoo
Lafa ruuzii Taayiwaan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Qorattoonni Taayiwaan qilleensa fedhii ofiif oolchuun biyyoota walitti buusuu mala jechuun bara 2017'tti akeekkachiisanii turan

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Bitootessa 23, bara 2021 miseensota Paarlaamaatti yoo dubbatan Itoophiyaatti teknolojii fayyadamuun rooba roobsuun akka danda'ame ibsaniiru. Garuu, tekinolojiin kuni maali?

MM Itoophiyaa Abiy Ahimad Bitootessa 23, bara 2021 Paarlaamaatti dhimmoota dubbatan keessaa tokko biyyattiin teknolojii fayyadamuun rooba roobsuun akka danda'ame ibsuu isaaniiti.

''Kuni missiraachoodha. Itoophiyaan cimtee torbanoota darban Shawaa Kaabaafi Goojjaamitti roobni agartan kan uumamaa osoo hin taane nuyi kan roobsinedha.

''Yaallee bu'aa itti agarreerra. Itoophiyaanis duumessa roobsuu dandeesse jechaadha,'' jechuun yeroo dubbatan kanneen seera tuman harka rukutaniif.

MM Abiy lakkoofsi ummataa dabaluufi fedhiin lafa qonnaa dabalu eeruun bakkeewwan gogaa ta'an akka oomishaaf mijataa ta'an gochuuf tekinoloojiin kuni akka barbaachisu himaniiru.

Garuu, teekinolojiin Ameerikaan goginsa ittiin qolattu, UAE'n bishaan ittiin barbaaddu, Chaayinaan samii itti qulqulleessitu kuni maali? Akkamiinis dalaga?

Duumessa dorrobsuun maali?

Duumessa dorrobsuu [cloud seeding] gama teknolojiin fayyadamuun karaa nam-tolcheedhaan [artefishaalii] rooba roobsuu yookiin cabbii uumuudha.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Chaayinaan yero hedduu duumessatti dhukaasuun duumessa bittimsiti

Kana dura yaaliin akkanaa Itoophiyaa keessa jiraachuun dhagahamee hin beeku.

Yaaliin duumessa roobsuu kuni bara 1940 keessa eegalee qoratamaa ture.

Qorannoon kunis lammii Ameerikaa Dr Vincent J. Schaefer akkaataa uumama duumessaa dhaabbata General Electric'f yeroo qoratu eegalanitti jalqabe.

Duumessi ofumaa karaa uumamaa ta'en bakkaa bakkatti faca'ee argamuus biyyoonni garagaraa gara barbaadanitti roobsuu eegalaniiru.

Dr Rob Toomsan, Yunivarsiitii Reeding biyya UK argamutti meetirolojii barsiisu.

Akka isaan jedhanitti tekinolojiin kuni durumaa samii keessa paartikiloota xixiqqoo bishaan yookiin gama cabbiin jiranitti kemikaalli gadhiifamee hammi bishaanii guddatee rooba ta'ee akka bu'u gochuudha.

Teekniloojiin kuni biyyoota addunyaa kanneen akka Awustiraaliyaa, Iraan, Afrikaa Kibbaa, Chaayinaa, UAE, Israa'el akkasumas bakkeewwan USA goginsa qabanitti hojiirra oola.

Yeroo hedduu rooba roobsuuf yookiin cabbii uumuuf hojiirra oolus rooba balleessuufillee biyyoonni itti fayyadamu.

Amajjii waggaa darbe qondaaltonni Indoneeshiyaa magaalaa guddoo biyyattii Jaakaartaatti roobni cimee lolaan miidhaa dhaqqabsiise jennaan duumessa bittimsanii rooba xiqqeessaniiru.

Waa'ee yaalii Itoophiyaa maal beekna?

Madda suuraa, Abiy Ahmed/Twitter

Ibsa waa'ee suuraa,

Itoophiyaan ifatti Ebla 03, 2021 teknolojii duumessa roobsuu eegaluu beeksiste

Itoophiyaan yaalii duumessa roobsuu kan argatte deeggarsa Biyyoota Arabaa Gamtoomanii (UAE) akkasumas Wiirtuu Meetirolojii waliin ta'un akka ta'e qondaalli mootummaa Itoophiyaa BBC'tti himaniiru.

Kunneen Itoophiyaatin deeggarsa teeknoolojiifi ogeessotaa gargaaruu Hojii gaggeessaa I/aanaan Dhaabbata Metiyorolojii Biyyaalessaa Itoophiyaa Obbo Kinfa H/Maariyaam dubbatu.

Hojii kana dura aantummaan kan gaggeessu Ministeera Innoveshiniifi Teknoloojii yoo ta'u Eejansiin Nageenyaafi Tajaajila Odeeffannoo, meterolojii Biyyaalessaa dabalatee dhaabbileen kaan keessatti qooda fudhatan jiru.

Isa itti aanu Godinoota Kaabaafi Kibba Wallootti yaaluuf yaadamuullee himan.

Biyyoota taa'umsi lafa isaanii gaarreen qabu kanneen akka Itoophiya gaara irraa gara qilleensi dhufutti kemikaalota bifa aaraan itti gadhisuun gara duumessaa akka gahu godhu.

Kan Itoophiyaa garuu karaa xiyyaaraan yaalamuu Obbo Kinfan BBC'tti himaniiru.

Akkamiin dalaga?

Teknolojiin kuni bara 1940 keessa eegalus yero keessa dagaagaa dhufe.

Yeroo ammaa diroonii [xiyyaara nam-maleessa] yookiin xiyyaara fayyadamuun silver ayodaayid kan guddinni isaa hanga cabbii geessu dumeessa keessa gadhiifama.

Paartikiloota duumessa keessa gadhifamanitti bishaan walitti qabamuun dumeessa keessa jijjiiramni akka jiraatu taasisu. Kunis, carraa tiifuu dabalee achumaanis roobni akka jiraatu gargaara.

Xiyyaaraan ala rokkeetii, dhukaasawwan garagaraa duumessatti dhukaasuun akka rooba uumee roobu taasisu.

Adeemsa kana keessa gara caalu kemikaalota kaarbon daayoksaayidii jajjaboo ta'an [cabbii gogaa], potaasiyeem ayoodaayid, akkasumas silvar ayodaayidiitu hojiirra oola.

Barreeffamoonni ashaboon nyaataa adeemsa kana akka fayyaduun danda'amu eeranis jiru. Garuu, teeknoloojiin kuni rooba roobsuuf qofa miti kan hojiirra oolu.

Hurrii bittimsuuf, balaa bubbee qajeelchuuf, akkasumas balaa bakakkaa xiqqeessuufis oola jedha Waajjirri Qilleensaa Noorz Kaarolaayinaa.

Ibsa waa'ee suuraa,

UAE'tti kemikaalli yeroo xiyyaararraa duumessatti gadhiifamu

''Fakkeenyaaf naannawa buufata xiyyaaraatti tiifuun xixiqqoo qorra makate yoo baay'ate cabbii gogaa [dry ice] itti naquun cabbiin walqabatee lafa gahee akka samiin qulqullaa'u godha,'' jechuun ibsa waajjirichi.

Duumessi akkamiin rooba ta'a?

Duumessi rooba ta'uf adeemsa keessa darbu qaba. Wantoonni isa barbaachisanis jiru. Kanaan ala hin roobu. Saayinsiinis waan barbaachisu itti dabalee duumessa roobatti jijjiira.

''Sababoonni duumessi rooba hin kennine taasisan jijjiru. Adeemsi kunis [duumessa dorrobsuu] humna duumessaa cimsuudha. Kanaanis, roobni akka uumamu taasisa,'' jedhu Obbo Kinfan.

Duumessa keessa ciccitaan roobaa roobatti hin jijjiiramneefi miiliyoonaan lakkaa'aman jiru. Kunneenis hammi isaanii guddatee harkisa dacheen rooba ta'anii akka bu'anif walitti qabamuu qabu.

''Adeemsa kana keessa kemikaala coba walitti sassaabutu naqama,'' jedhan qondaalli Itoophiyaa kuni. Kanaanis duumessi roobatti hin jijjiiramne gaafa kemikaalota argatu roobatti jijjiirama.

Takka takka osoo duumessi jiru hin roobu. Lafa diriiraa caalaa immoo gaarreenitti duumessii ni argama. Kanaaf, lafa teesuma ol fagoo kanneen qaban akka Itoophiyaa fa'i fayyadamoodha jedhu ogeessi kuni.

Biyyoota itti fayyadaman

Dhaabbanni Teekinooloojii Idil-addunyaa gabaasa bara 2017 baaseen biyyoonni 56 teeknooloojii kana fayyadamaa akka jiran ibse.

Teeknoolojiin kuni gara caalu Ameerikaa keessatti beekama.

Teeknoolojiin fayyadamanii rooba artefishaalaa [nam - tolchee] uumuun itti fayyadamuun Lixa Ameerikaa keessumaa gammoojjii ta'anitti baramaadha.

Bulchiinsota saddeet Lixa biyyattii jiranitti caamni yookiin goginsi hammaate dhugaatii bishaanis ta'e lafa qonnaaf yaachisaa ta'e jennaan, kana ofirraa qolachuuf tooftaa teknolojii 'cloud seeding' jedhamu fayyadamuuf jechuu The Gaardiyaan gabaaseera.

Bulchiinsonni kunneen Yutaah, Arizoonaa, Koloraadoo, fi Niiw Meeksiikoo dabalata.

Biyyoota Afrikaa keessaa kanneen akka ''Niijar, Maalii, Afrikaa Kibbaa fi Morookoo'' illee teknolojii kana akka fayyadaman qondaalli Itoophiyaa BBC'tti himaniiru.

Akkuma Ameerikaa, Chaayinaanis teeknolojii duumessa dorrobsuu fayyadamuun goginsa ofirraa qolachuuf yookiin sagantaan guddaa gaafa jiraate rooba caamsuuf itti fayyadamti.

Magaalaan Beejing magaalota addunyaa qilleensi isaanii faalame keessaa tokkodha. Yeroo samiin biyyattii ifatti qulqulluu ta'u gaafa walgahiin siyaasaa guddaa yookiin sagantaan idil -addunyaa jiraatedha.

Kuni akkanumaan miti. Qondaaltonni Chaayinaa waggoota dheeraaf sagantaa qilleensa bakkaa bakkatti jijjiiruu fayyadamu.

Akka fakkenyaatti Chaayinaan bara 2008 yeroo Olompikii Beejing tooftaa kanatti fayyadamuun akka hin roobne gootee turte.

Inumaa biyyattiin bara 2025'tti bakkee iskuweer kilomeetirii miiliyoona 5.5 irratti rooba nam-tolchee yookiin cabbii uumuuf yaada qabu.

Kunis, lafa biyyattii keessaa %60dha. Garuu biyyoonni ollaa kanneen akka Hindii garuu qilleensa teknooloojin kuni dhiibbaa qabaata jedhanii yaaddoo isaani ibsaniiru.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Bara 2011, qondaaltonni Chaayinaa duumessa facaasuun magaalaa Beejingitti cabbii akka buusan himu

Yunivarsiitii Normaalii Beejingitti saayintistii kan ta'an John C. Moore akka jedhanitti, mandaroonni Chaayinaa 50,000 ol ta'an teknolojii duumessa dorrobsuu kana lafti qonnaa isaanii akka hin miidhamne itti fayyadamu.

Garuu, duumessa facaasanii ''waggaa keessa ji'a tokkoofi lamaaf hojjeta'' jedhu.

Dabalataan, Chaayinaan ala waggoota 15 oliif Biyyoonni Arabaa Gamtoomanii (UAE) teeknooloojii kana gad fageenyaan fayyadamuun beekamti. Gama tekinolojii kanaan Itoophiyaa kan deeggartees biyya kanadha.

Saayinsiin maal jedha?

Duumessa dorrobsanii rooba argachuun waggootii dheeraaf turuus gama saayinsawaan qorannoowwan adeemsi kuni milkaa'uu agarsiisan xiqqoodha jedhu John C. Moore.

''Duumessa dorrobsuu karaa saayinsii osoo hin mirkaneessiin dagaage'' jechuun himu.

Guraandhala 2020 barruu New Scientist jedhamuurratti qorannoon maxxanfame duumessa dorrobsuun tiifuu roobaa 10% gadiin fida jedha.

Qorannoon bara 2020 taasifame [Afaan Ingiliziitti geessa], tiifuun sababa dumeessa dorrobsuun dhufuu ifatti kan mirkaneesse ture.

Ameerikaa gama Lixaa gogiinsi jirutti teeknolojii kana fayyadamuun furmaata waaraa hin fidu jedhanii ogeeyyiin dubbatan jiru.

''Duumessa dorrobsuun rakkoo goginsaan dhufuuf furmaata qaba jedhee hin yaadu garuu gargaaruu danda'a,'' jechuun Yunivarsiitii Koloraadootti qorattuu kan ta'an Katja Friedrich Gaardiyaanitti himaniiru.

Dabalataan qondaalli Itoophiyaa ''Duumessi yoo hin jiraanne rooba roobsuun hin danda'amu. Duumessammoo uumuu hin dandeenyu,'' jechuun gaheen teknolojiin kuni goginsa xiqqeessuu keessa qabu xiqqaa ta'u ibsu.

Miidhaa qabaa?

Roobni keessumaa kanneen qonnaan jiraataniif murteessaadha. Itoophiyaa keessa ummanni gara caalu qonnaan jiraata. Lafni gara hedduu baddaafi badda daree ta'us gammoojjiinis ni jira.

Kanneen waa'ee teknolojii duumessa dorrobsuu dhihootti hordofan rooba roobsuu isaa, bakkeewwan gammoojjii misoomni akka jiraatu gargaaruu isaafi bakkeewwan roobni baay'atee lolaa xiqqeessuu isaa akka gaaritti kaasu.

Ta'us, qilleensa baramaa ni jeeqa kan jedhaniis jiru. Kemikaalli yeroo dumeessa dorrobsuuf hojiirra oolu rakkoo biraa uumuu mala kan jedhanii yaaddoo ibsanis jiru.