Dubartii siyaasaa Itoophiyaa keessatti haarsaa kafalan, garuu hin beekamne

Askaale Haayilee

Madda suuraa, Askale Haile

Odeessi kun seenaa dubartii waggoota 30 oliif siyaasaa Itoophiyaa keessaa qooda fudhachaa turan garuu ammoo hanga hirmaannaa isaanii beekamtii hin qabneeti.

Siyaasaa paartii mormituu dubartootaaf mijataa hin taaneen wal'aansoo qabaa filannoowwan biyyaalessaa hedduu irratti dorgomaniiru.

Filannoo bara 1997 irratti pirofesar Bayyanaa Pheexiroos, pirofeesar Mararaa Guddinaa waliin ta'uun waltajjiiwwan 15 oliirratti aanga'oota ADWUI waliin wal falmu dubbatu.

Wal-dura dhaabbannaa filannoo irratti uumameen humnoota mootummaan dhaanamanii hanga ulfi irraa bahuutti miidhamuu dubbatu.

Dubartiin kun eenyu?

Aaddee Asikaale Hayile jedhamu. Dhalatanii kan guddatan Magaalaa Finfinneetti yoo ta'u, baroota 1960moota tibba sochii warraaqsa barattootaatti siyaasatti makaman.

Warraaqsi dhaadannoo 'lafti qonnaan bulaaf' jedhuun wayita sanatti finiinuu yoo eegalu, Aaddee Askaalen daa'imma xiqqoo turanilleen garuu ''dhagaa darbadheera'' jedhu.

Erga barnoota isaanii xumuruun waajjira Bishaanii fi Dhangala'aa Magaalaa Finfinneetti mindeeffaman boodas, fedhii siyaasaa keessatti hirmaachuf qaban hin qabannoofne ture.

Kanaafuu garee marii dubartootaa keessatti hirmaachuu, barnootaa fi falaasama Maarkisiizimii fi Leniniiziim hordofu eegalan.

Erga leenjii eegumsa warraaqsaa Waldaa Hojjattoota Itoophiyaa fudhatanin boodas, bu'aa hojjataa fi dafqaan bulaa eegsiisuuf falmaa turu himu.

Osoo kanaan jiranu gaa'ila dhaabbachuun mucaa godhatan. Ijoollees guddisaa qabsoo itti fufan.

Partiin baqaarra ture Gamtaan Diimokiraasii Itoophiyaa (IDU)n gara biyyaa yoo galu ammo abbaan manaa isaanii deeggaraadha jedhamuun al baay'ee hidhaman.

Erga abbaan warraasaanii du'aan boqatanii boodas, Aaddee Asikaalen IDU'tti makamuun sadarkaalee hoggansaa hedduun tajaajilan. Barreessituu muummees ta'un tajaajilanii ture.

Hirmmaannaa paartii siyaasaa keessatti baroota dheeraaf taasisaniin kan hubatanis, yeroo baay'ee paartileen siyaasaa miseensoota dubartootaa isaanii lakkoofsa ittiin guttachuun alatti akka isaaniif iddoo hin kennineedha.

Haa ta'u malee sirnicha keessatti kan gaheesaanii gumaachuuf qabsa'uu dubbatu.

Paartii Adda Humnootii Dimokraasii fi Haqaa Itoophiyaa jedhamu hundeeessuun, akkasumas paartilee biroo keessatti hanga koree jiddugaleessaa ta'uun waggoota 30 oliif siyaasaan wal'aansoo qabaa turan.

Haala nageenyaa fi dhabiinsa tasgabbii amma biyyattiin keessatti argamtuun, duula na filadhaas ta'ee dorgomuun rakkisaa ta'uu eeruun filannoo baranaaf hin dorgomu jedhan.

''Namni yoo umamuu du'aaf qophaa'e, akkasumaan du'uurra seenaa hojjatanii du'u wayya. Anis har'a illeen hin ciisu, dargaggoonni akka bahaniin barbaada. Nuti darbaa jirra,'' jedhu.

Attamiin ulfi irraa bahe?

Siyaasaa keessatti waggoota 30 kan lakkoofsisan Aaddee Asikaalef batiin Waxabajjii A.L.I bara 1984 kan dagatamu miti.

Paartii isaanii bakka bu'uun yeroo jalqabaatiif kan dorgoman bara kana yoo ta'u, sadafii qawweetiin rukutamani ulfi baatii saddeetii irraa bahuu himu.

''Hin taanee malee silaa barana waggaa 29 gutti turte daa'imti narraa baate sun,'' jechuun yaadatu turtii BBC waliin taasisaniin.

Bara 1984 erga ADWUI aangoo qabachuun motummaan ce'umsaa hundeeffame, chaartariin akka heera motummaatti tajaajiluus raggaasifamee ture.

Haaluma chaartarichaatiin manni maree mootummaa ce'umsaa miseensoota 87 hin caallee kan paartilee siyaasaa, namoota bebbeekamoo fi kan biroorraa walitti bahan qaba ture.

Haaluma kanaanis filannoo miseensoota biyyaaleessaa, naannoo, godinaa fi aanaa gaggeessuuf ture baatii Waxabajjiitti kan qabame.

Aaddee Asikaalenis Paartii IDU kan qabsoo hidhannoo gaggeessu bakka bu'uun filannoo jalqabaa irratti Magaalaa Finfinneetti miseensa mana maree aanaa 13faaf kan dorgoman.

Madda suuraa, Askale Haile

Ibsa waa'ee suuraa,

Waraqaa hirmaannaa filannoo bara 1984

Aaddee Asikaalen akka jedhaniitti, haaluma labsii hundeeffama komishinii raawwachiftuu filannootti, guyyaa filannootti dorgomtoonni hundi buufata filannoo irraa meetira 500 fagaatanii argamu qaba ture.

Isaani fi dorgomtoonni paartii mormituu kan biraa seera kana kabajan illeen, kaadhimamtoonni paartii ADWUI garuu ''akka barbaadaniitti bahaa fi galaa jiru'' jechuun taajjabdoonni nutti himan jedhu.

Buufanni filannoos naannoo mana barnoota muuziiqaa Yaareed yoo ta'u, Aaddee Askaalen wayita waa'ee dhimmichaa dhagahan gara asana imalu yaadatu.

Achi erga gahanii boodas, ''dorgomtoonni paartii ADWUI maaliif galan? Wanti keessaa ilaalamu yoo jiraate nus galchaa?'' jechuun humnootii nageenyaa gaafachu himu.

Wayita kanas humnootii nageenyaa ''asii fagaadhaa jechuun nu dorsisuu eegalan'' jedhu.

Waldhabdeen haala sanaan eegalamees cimee miseensi nageenyaa ''sadafii qawweetiinis garaa keessa na dhawe'' jedhu.

Yero sanatti ulfa baatii saddeetii garaadhaa qabaachu kan dubbatan Aadde Askaalen, guyyaa sanaa qabee dhiigni dhagala'aa akka ture yaadatu.

Guyyoota 15n boodas itti cimee mana yaalaatti geeffamanis daa'imti garaa keessa turte jalaa miidhamuu himan.

Balaa isaan mudate kunis caalaa akka siyaasaatti ciman akka isaan taasise dubbatu. Kanaanis bara motummaa ce'umsaatii hanga har'aatti bu'aa bayii hedduu keessa darbu dubbatu.

Hirmaannaa filannoo

Aadde Askaalen siyaasa biyyatti dubartoonni heddumminaan keessatti hin mul'annee keessatti hirmaachuu bira darbuun filannoon mo'achuuf qabsoo hedduu taasisuu dubbatu.

Erga ADWUIn aangoo qabatee kaasee kan bara 1987 malee hunda irratti hirmaataniiru. Garuu sagaleen paartileen siyaasaa argatan baay'ee gadi aanaa ta'u dubbatu.

''Filannoo sirriin kan gaggeeffamee bara filannoo 1997 ture. Filannoowwan isaan dura gaggeeffaman kan sobaa turan'' kan jedhan Aadde Askaalen garuu dadhabee osoo hin jennee duula na filadhaa gaggeessaniiru.

Duula na filadhaa attamiin gaggeessaa akka turan

''Yoomiyyuu ka'umsii keenya iddirii dubartootaa ture" jedhu.

Akkasumas bakka iqqubii fi dubartoota ollaa waliin buna danfisuun waamanii waan paartiin keenya karoorfate hubachiisaa turre jedhu.

Akkasumas mandara keessaa deeggartoota bobbaasuun, aanaa, gandaa fi ollaatti ni kakaasna turre jedhu.

Tibba mariittis haala hawaasni naannoo sanaa hubatuun malee haasaa jechoota siyaasaa ciccimmoo guutame akka hin taasifne dubbatu.

Tibba dula na filadhaa gaaffiin miseensoota hawaasaa tokko tokkoon dhiyaatu kan isaan naasisee ta'ulleen ni kaasu.

''Yoo filatamtees bu'aadhuma keetiif malee jireenya keenya hin geeddartu. Isin waliin hojii hin hiiknu'' jechuun kan gatanii deeman akka turan himu.

Keessattu yeroo dubartoonni addabaabayiitti bahuun akka qaaniitti ilaalamuutti, caasaaleen hawaasummaa, amantaa fi kan biroolleen hirmaannaa siyaasa dubartootaatiif danqaa ta'an jedhu.

Kana malee dubartoonni hedduun hayyama abbaa warraa isaanii argachuu dhimma cimaa biraa ta'u kaasu.

Dhiiroonni tokko tokkoos haati warraa isaanii gonkumaa siyaasa keessatti akka hirmaatan hin fedhan jedhu.

Duulli na filadhaa miilaan mana manarra, lafa iddirii, bakka uqqubii naanna'uu fi hiriyuummaan gaggeeffamaa tures bara 1997tti ni geeddarame.

Hundumtuu ifatti kan gaaggeeffame yoo ta'u filattoonni mataan isaanii kan dammaqan turan jedhu.

Kana malees bara sana paartilee siyaasaa hedduun kan filannoof itti hundeeffaman dhiyaatan turre.

Paartiin Aadde Askaale paartiiwwan 15 waliin ta'uun Gamtaa Humnoota Dimokiraasii hundeessan keessaa tokko.

Haaluma kanaanis Aaddee Askaalen pirofesar Bayyanaa Pheexiroos, Dr Mararaa Guddinaa waliin ta'uun waltajjiiwwan 15 oliirratti aanga'oota ADWUI waliin wal falmu dubbatu.

Keessattu yoo duulli filannoo ka'u, A.L.I Ebla 30, 1997 hin dagatan. Innis guyyaa Qinijjiit hiriira nagaa waamee ummanni hedduu erga bahee booda roobni cimaan itti robe ture.

Doorsisaa fi sodaa

Aaddee Asikaalaan erga abbaan waarraa isaanii du'aan boqatanii booda itti gaafatamummaan ijoollee shan guddisu kan qofaasaanii ture.

''Halkan hirriibni na hin fudhatu ture. Dhiphinni tures kan laayyoo miti. Mucaa kiyya ukkaamsanii fudhatanii laata? Kana godhan ta'aa? Jechuun dhiphinaan rakkataa bula ture,'' jedhu.

Keessattuu ''dubartii siyaasaa ta'uun balaa olaanaa qaba'' kan jedhan Aaddee Asikaalaan, dubartoonni ittigaaftamummaa dachaa maatii, kan waajjiraa fi kaan baatanii siyaasa keessatti hirmaachuun baayyee cimaa akka ta'e dubbatu.

Tibba filannoon dhiyaatuutti dorgommiin gama hundaanuu baay'ee cimaa deema.

Keessattu yoo dubartii miseensa paartii mormituu ta'an ammoo waraqaa eenyummaa waldaalee dubartootaa akka hin argannee gochuu fi dubartoota qooduun dhiibbaa olaanaan akka irraan gahamu dubbatu.

''Dorsiisi ADWUI lakkaa'amee kan dhumu miti. Akka ummanni hin filannee qofaa osoo hin taanee maatii jidduuttilleen qoodiinsa umaa turan.''

Kana malees bara 1997tti ilmasaanii Yunivarsitii barataa ture waamuun akka dorsiisan himu.

Walumaagalattis ''maatii kiyyarratti dararama olaanaatu raawwatame'' jedhu. Ofiinis irra deddebiin guyyoota garaa garaatiif hidhamanuun, hiikamaniiru.