Itoophiyaan hiree waancaa Afrikaa 2022 irratti hirmaachuu bal'ifatte

Madda suuraa, Visionhaus
Deggertoota kilabii kubbaa miilaa Itoophiyaa
Gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa Itoophiyaa tapha kaleessa Madagaaskaar waliin taphate irratti goolii afur galchuun erga mo'atee booda carraa dorgommii waancaa Afriikaa irratti hirmaachuuf qabu bal'ifateera.
Tapha gulaallii dorgommii waancaa Afriikaa kanaan, ammaan booda Itoophiyaaf tapha tokkotu hafaaf.
Gareen biyyaalessaa kun yeroo ammaa garee waliin ramadame dursaa kan jiru yoo ta'u, tapha itti aanu Kootdivuwaar waliin taphatan yoo mo'atan waancaa Afriikaa waggoota dheeraaf irraa fagaatanii turanitti deebi'uuf hiree argatu.
Gareen kubbaa miilaa Itoophiyaa kun kaleessa waaree booda Isteediyamii magaalaa Baahirdaaritti argamutti tapha Madagaaskaar waliin taphatan goolii hedduu 4 fi 0n mo'achuun garee keessa jiran dursuu eegalan.
Garee Itoophiyaan keessa jirtu keessa kan jiran Kootdivuwaar fi Niijeer bor kan taphatan yoo ta'u, hanga bu'aan taphichaa baramutti Kilabiin biyyaalessaa Itoophiyaa garecha qabxii 9'n dursuu itti fufa.
Tapha gulaallii dorgommii waancaa Afriikaaf Kootdivuwaar, Niijeer fi Madakaaskaar waliin kan ramadamte Itoophiyaan, tapha jalqabaa Madakaaskaar waliin taphataniin goolii tokkoo fi zeeroodhaan mo'atamtee turte.
Achii booda tapha isteediyamii magaalaa Bahardaaritti Kootdivuwaar waliin taphataniin goolii lamaa fi tokkoon mo'atteetti Itoophiyaan.
Isa booda gara Niijeer deemuun kan taphatan gareen kubbaa miilaa Itoophiyaa tokkoo fi zeeroodhaan mo'atamanii deebi'an, marsaa lammaffaarratti garuu Itoophiyaan sadii fi duwwaadhaan mo'atte.
Walumaagalatti taphoota shan taphatan keessaa lama mo'amuun sadi ammoo mo'achuun qabxii sagal sassaabbataniiru.
Taphi bor Niijeer fi Kootdivuwaar taphatan kan eegamu yoo ta'u, Kootdivuwaar yoo mo'atte Itoophiyaan sadarkaa lammaffaarra taati.
Yoo Niijeer mo'atte yookiin ammoo yoo walqixa ba'an garuu Itoophiyaan garecha dursuu itti fufti.
Gareen waaliyaa tapha isa xumuraa Kootdivuwaar waliin kan taphatu ALI Bitootessa 21, 2013 yoo ta'u, taphni Niijeer fi Madagaaskaar waliin taphatanis kan eegamuudha.
Itoophiyaan Kootdivuwaar'n kan mo'attu yoo ta'e tapha dorgommii waancaa Afriikaa Kaameeruun qopheessitu irratti hirmaachuushee ni mirkaneeffatti.
Yoo qixa baate yookin ammoo mo'amtees, Madagaaskaar Niijeeriin kan injifatamtu yoo taate hiree darbuu qabdi.
Sababa weerara koronaavaayirasiif jecha kan ture taphni waancaa Afriikaa 33ffaan bara kana ture gaggeeffamuun irra ture kan bara dhufutti dabarfame.
Haga ammaatti biyyoonni shan Kaameeruun, Senegaal, Tuuniiziyaa, Maalii fi Aljeeriyaan darbuusaanii mirkaneeffataniiru.