Ambaasaaddar Diinaa Muftii dubbii waa'ee Eertiraa 'burjaajii uumeef' dhiifama gaafatan

Ambaasaaddar Diinaa Muftii

Madda suuraa, MFA

Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Itoophiyaa Diinaa Muftii ibsa Kibxata kennaniin walqabatee, waantin waa'ee Eertiraa dubbadhe akka hintaanetti hubatame jechuun dhiifama gaafatan.

Ambaasaaddar Diinaa ibsa kennaniin viidiyoon gabaabaa waa'ee Eertiraa itti dubbatan miidiyaalee hawaasummaa irratti qoodamuu hordofee, lammileen Eertiraa komiifi mormii dhaggeessisaa jiru.

Jechi dubbi himaan kun dubbataniifi dubbii ijoo tahe: ''Lammiin Eertiraa tokko tokkoon otoo gaafatamee, guyyaa Itoophiyaarraa gargar itti bahan hin kabajan, hin jaalatanis...

Gama Itoophiyaanis miira walfakkaataatu jira. Eertiraa wajjin mitii, biyyoota ollaa hafan wajjiniyyuu otoo tokko taane dansa ture,'' kan jedhudha.

Kana hordofes dhalattoonni Eertiraa biyyoota garagaraa jiran, dubbii qondaalli kun viidiyoo kana gubbaa dubbatan balaaleeffatan. Wanti jedhame sirrii akka hin taaneefi kabajaafi jaalala guyyaa birmadummaa isaaniif qaban dhageessisan.

Ergaa fuula Facebook isaanii gubbaa maxxansa guyyaa Roobii barreessaniin. walabummaa Eertriraan akka biyyaatti qabdu nan kabaja kan jedhan aanga'aan kun, ''Dubbii kootiin burjaajii uumameef dhiifaman gaafadha,'' jedhan.

Dippiloomaatin Eertiraa Finfinnee qubatan Biniyaam Barihee jedhaman, dubbii viidiyoorratti haasa'aniif deebii haala fakkaatuun, guyyaan birmadummaa Eertiraa guyyaa hundarra caaludha jechuun fuula Twitter isaanii gubbaa barreessan.

Dhalattoonni Eertiraa biyya keessaafi ala jiran, guyyaa addatti kabajanidha jedhaniiru.

Ambaasaaddar Diinaa Muftii dubbiisaanii hordofee miira uumameefi deebii namootaa ilaalchisuun BBCtti akka himanitti, dubbiin wayita ibsa miidiyaaleef kennanitti dubbatan akkitti hubatame sirrii miti jedhu.

Akkamiin jennaan, muddamaafi waraanni biyyoota lamaan gidduu ture dhukkubbii kan qabu tahuu eeruun, Eertiraafi Itoophiyaan waraana keessa, akkasumas walirraa fagaachuun yeroo dabarsan uummanni lamaanuu hin fedhan jechuusaanii dubbatan.

''Haatahu malee, Eertiraanonni walabummaa isaanii hin barbaadan jechuu miti,'' jechuun dubbiin isaan dabarsuu barbaadan haala hin taanen hubatamuu ibsan.

Eertiraanotaaf, walabummaa Eertiraafi biyya Eertiraaf kabajaa guddaa akka qaban kan ibsan ambaasaaddar Diinaa, ''Namoonni tokko tokko dubbiikoo waan itti jedhameef alatti fudhachuun, miira hin taane itti kennu. Dubbii sana booda bar waa'ee walitti hidhaminsa biyyoota Afrikaa Bahaa dubbadheera bar,'' jedhan.

''Eertiraayyuu haa hafuu, Jabuutii, Keeniyaa, Somaaliyaafi Sudaan wajjin walitti hidhamnee otoo tokko taane; mul'anni inni guddaan isadha,'' jedhanii boodarra dubbachuusaanii himan.

Ibsa miidiyaaleef kennan irratti, walitti dhufeenya Itoophiyaafi Eertiraa ilaalchisuun gaaffii ka'eef wayita deebii kennan, biyyoonni lamaan waraana dhiiga dhangalaase keessa dabranii, bar-kurnee lamaaf muddama keessa akka turan yaadachiisan.

Haala amma jiruun, walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii fooyya'uun waan gaarii tahuu kaasuun, biyyoonni lamman kunniin walitti hidhamiinsi gama hundaan taasisan bal'achaafi cimaa deema jedhan.

Eertiraan yoom walabummaa argatte?

Madda suuraa, NICHOLE SOBECKI

Eertiraan qabsoo waggoota 30f taasistee bilisummaa argachuun biyya of dandeesse bara itti taate 30ffaa, Caamsaa dhufu kabajji.

Erga biyyattiin walabummaa argatte ganna torbaan booda, biyyoota lamaan jidduutti waraanni dhiiga dhangalaasee fi badii hamaa qaqqabsiise gagggeeffame. Ergasiis waggoota 20f diinummaan turaniiru.

Ganna lamaan dura MM Abiy Ahimad gara aangootti dhufuu hordofee tarkaanfii fudhataniin, nageenyi bu'uun walitti dhufeenya biyyoota lamaanii fooyyeessuuf hojjechaa jiru.

Itoophiyaafi Eertiraa jidduutti michummaa cimsuufis, dursitoonni biyyoota lamaanii irra deddeebiin tokko biyya isa biraatti daawwannaa taasisaa turan.

Lola naannoo Tigraay keessatti dhalateen walqabates, Eertiraan mootummaa Itoophiyaa deeggaruun waraanashee bobbaasuun humnoota TPLF loluu alatti, sarbama mirgoota namoomaa ciccimoo raawwataniiru jechuun dhaabbilee mirga namoomaan himatamaa ture.

Biyyooti lamaan lola waraanaa kana keessa hirmaannaa Eertiraa kan waakkataa turan oggaa tahu, torban dabre keessa MM Itoophiyaa ABiy Ahimad paarlaamaa biyyattiitti dhiyaachuun; Eertiraan sodaa nageenyaa waan qabduuf daangaa ce'uun Itoophiyaa galuu mirkaneessan.

Kana hordofees MM Abiy daawwannaaf Asmaraatti erga imalanii booda, Eertiraan waraanashee Itoophiyaa keessaa baasuuf Pireezidant Isaayyasa wajjin waliigaluusaanii ibsanii turan.