Haleellaa Benishaangul Gumuuz: Iyya gurra hin argatiin jiru

Alamuu Bayyanaan haleellaa Benishaangulitti raawwateen haadha warraafi ijoollee isaa sadii duraa ajjeefamu hime

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Alamuu Bayyanaan haleellaa Benishaangulitti raawwateen haadha warraafi ijoollee isaa sadii duraa ajjeefamu hime

A L I Mudde 14, 2013 ganama barii waan hamaa mana qote-bulaa Obbo Balaay Waaqjiraa akka hin jirre godhetu dhalate.

Obbo Balaay ga'eessa umuriin isaanii waggaa 41 ta'e yommuu ta'an, jiraataa naannoo Beneshaangul Gumuz ganda Bakujjii jedhamuudha.

Obbo Balaay Waaqjiraa haadha warraa isaanii dabalatee ijoolleen isaanii sagal osoo ijaan ilaalanii gara-jabinaan jalaa ajjeefaman.

Ijoolleen ol-adeemoo Obbo Balaay abidda mana jireenyaa isaanitti qabsiifame keessaa of oolchuudhaaf yeroo ba'aa jiranitti, hidhattoota meeshaa waraanaa qiyyaafatanii eeggataa turaniin ajjeefaman.

"Ana biratti ajjeesan," jedhu Obbo Balaay.

"Haadha warraakoo, ijoollee durbaakoo shaniifi ijoollee dhiiraakoo afur kan ajjeefaman," jedhu sagalee gaddaan maqaa ijoollee isaaniifi haadha warraa isaanii waamaa.

Jiraataan biroo Obbo Tasfaayee jedhamu. [Maqaan isaanii gaaffii dhiyeessaniin kan jijjiiramedha]. Obbo Tasfaayeenis haatiifi abbaan isaanii cidhaaf ba'anii osoo hin deebi'iin akka hafan dubbatu.

Haleellaa hidhattoonni kunneen yeroo gara garaatti raawwataniin maatii isaa dabalatee firoota isaanii hedduu dhabaniiru.

Dhalataan Gumuuz haleellaa loltoonni mootummaa gaggeessan baqachuun yeroo gara garaatti Sudaanitti baqachaa kan ture tokkos, dhalattoonni Gumuuz nagaan yeroo ajjeefaman argeera jedha.

Rakkoon Matakkal keessa jiru walxaxaa akka ta'e kan agarsiisu ammoo seenaa Inispektar Nagaash Kuppiilidha.

Inispektar Nagaash miseensa poolisii naannichaafi dhalataa Gumuzidha. Inispektar Nagaash dirqama itti kennamee bobba'rra osoo jiranii hidhattoota waliin addaafi addatti walitti ba'uun akka walwaraanan BBCtti hima.

"Ani Gumuzidha. Haati warraakoos Gumuzidha. Dirqama ergameen Gumuz waliin wal loluun na mudate. 'Kan humna ittisaa gaggeessee fide Nagaashidha' jedhanii na eeran. Isaan booda ana ajjeesuuf yeroo dhufan ana dhaban. Achumatti haadha warraakoofi ijoolleekoo rasaasaan fixan," jechuun dubbatu qondaalli kuni.

Seenaa gidiraa kana fakkaatu sabaafi sab-lammonnii naannoo Benishaangul Gumuz godina Matakkal keessa jiraatan argaa jiranidha.

Ji'oota muraasaan asitti naannoo Benishaangul Gumuz godina Matakkal keessatti haleellaa raawwatamaniifi walitti bu'insa uumamaniin dhalattoonni saba Oromoo, Amhaaraa, Shinaashaa, Agawuufi Gumuz gara jabinaan ajjeefamaniiru.

Kanneen kumaan lakkaa'aman ammoo buqqa'aniiru.

Haleellaan kana fakkaatan kun maaliif Matakkal keessatti raawwatamuu? Dhumaatiin kun ammoo akkamiin dhaabbachuu danda'aa? Dhalattoota sabaafi sablammoota gara garaa achi jiraatan, aanga'oota naannawaa sanaafi namoota siyaasaa gara garaa dhimmi kun isaan ilaallaturraa iyyaafanneerra.

Isa dura garuu haala naannoon suniifi bakki sani yeroo ammaa itti jiru gabaabinaan ilaalla.

Naannoo Benishaangul Gumuz gabaabinaan

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ejensiin Dhimma Daa'immanii (UNICEF) bara 2019 gabaasa haala jiran irratti (Situation report) naannicha ilaalchisuun baaseen ummanni miliyoona 1.1 tti siqu naannicha akka jiraatan agarsiiseera.

Jiraattota naannicha keessaa ammoo harka dhibba keessaa 44 kan ta'an umuriin isaan waggaa 18 gadidha.

Sabaafi sablammoota naannicha keessa jiraatan keessaa dhalattoonni Gumuz, Oromoo, Amhaaraa, Shinaashaafi Agawu lakkoofsa ol-aanaa qabu.

Naannicha keessa godinaaleen sadii kan jiran yommuu ta'u, isaanis Matakkal, Kamashiifi Asoosaa jedhamu.

Godinni irratti xiyyeeffannu Matakkal ammoo naannoo Oromiyaa, naannoo Amhaaraafi Sudaan waliin waldaangessa.

Jiraattonni naannichaa garri caalaan hojii qonnaatiin bulu.

Lafti Benishaangul Gumuz bajjiidha. Namoonni baayyeenis hayyama invastimentii fudhatanii lafa qonnaa bal'aa misoomsu. Lafti dheedinsaas bal'aadha.

Lakkoofsi isaanii sirriitti beekamuu baatus ummanni lakkoofsaan guddaa ta'e yeroo gara garaatti bakkeewwan gara garaa irraa akka naannoo Benishaangul Gumuz keessa qubatan taasifamaniiru.

UNICEF gabaasa isaa kanaan naannoleen biyyattii keessa jiran caalaa naannoo Beneshaangul Gumuz keessatti lakkoofsi ummataa akka dabalu ibseera.

Da'umsaan baayyee dabaluu cinaatti lafti qonnaafi dheedinsaa bal'aan jiraachuufi interpiraayizoota qonnaa gurguddoon naannicha keessa jiraachuun akka namoonni gara sanatti godaanan taasisuun akka lakkoofsi ummataa naannichaa dabaluuf sababa ta'eera jedha.

Benishaangul Gumuz yeroo ammaa

Mootummaan Federaalaafi aanga'oonni naannichaa godina Matakkal kan kanaan dura turerra haalli nageenyaa fooyyee qaba jedhu.

Jiraattonni BBCn dubbise garuu ammallee yaaddoo nageenyaa guddaa akka qaban dubbatu.

Ajajaan Poolisii Godina Matakkal Komaandar Abdii Gorennaa godinichi Komaand Postii Federaalaa jala akka jiru yaadachuun, "Haalli nageenyaa sadarkaa gaarii ta'erra jira. Erga Komaand Postiin hojiitti galee booda nageenya wayyoo qaba,'' jedhu.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Kanneen haleellaa baqatanii Chaagniiti dahatan

Aanaan Dibaaxee aanaalee godina Matakkal rakkoon nageenyaa irra deddeebiin keessatti raawwatamudha. Ajajaan Poolisii aanichaa dhimmicha irratti ibsa gadi fageenyaa kennuu fedhuu baatanis, "nagaa maaltu jira?" jedhaa akka yaaddoon nageenyaa jiru dubbataniiru.

Ajajaan Poolisii aaanaa Bulan kan Mudde keessa namoonni 200 ol ta'an keessatti lubbuu isaanii dhaban gama isaaniitiin, aanicha keessa tasgabbiin foyyaa'aa jiraatus bakkawwan naannawanii jiran keessatti garuu ammallee yaaddoon nageenyaa akka jiru ibsu.

Komaandar Birraatuu Tasammaa, "aanicha keessatti haalli nageenyaa foyya'ullee, naannawaa aanichaatti garuu ammallee yaaddoon jira," jechuun hidhattoonni yaaddoo nageenyaa ta'uu dubbatu.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ejensiin Dhimma Baqattootaa, namoonni kumaan lakkaa'aman naannoo Benishaangul Gumuz irraa baqatanii gara Sudaan Kutaa Bulchiinsa Naayilitti akka baqatan ibseera.

Dhaabbatichi BBCtti akka himetti, namoonni 7,393 ta'an naannoo Benishaangul Gumuz keessaa buqqa'anii Sudaan keessa bakka gara garaa shan keessa qubatanii jiraachuu ibseera.

Dhaabbatichi ibsa A L I Bitootessa 14, 2013 baaseen, baqattoonni kunneen naannicha keessaa baqatanii Sudaan seenuu kan jalqaban A L I Sadaasa 7, 2013 irraa eegalee akka ta'e yaadachuun, dhiyeenya kana, A L I Bitootessa 8, 2013 namoonni 370 ta'an Sudaan seenanii akka baqattootaatti galmaa'uu isaanii beeksiseera.

Mootummoota Gamtoomanitti Ejensii Dhimma Baqattootaa bakka buutuu Sudaan kan taate Soofiyaa Jeseen, baqattoonni Benishaangul Gumuzirraa gara Sudaanitti godaanan yaaddoo nageenyaafi sababa walitti bu'insaaf akka ta'e isheetti himuu isaanii BBCf ibsitee jirti.

Haleellaa/walitti bu'insi maaliif uumame?

Miseensonni sabaafi sablammootaa bakka sanatti dhalatan, akkasumas namoota siyaasaa dhimmi kun isaan ilaallatu walitti bu'insa irra deddeebiin mudatuuf sababoota hawaasummaafi dinagdeetiin alatti dhimmi siyaasaa akka jiru ibsu.

Dhalataa Gumuz kan ta'eefi akka maqaan isaa hin himamne dargaggeessi barbaadu tokko, dhalattoonni Gumuuz baroota darban keessa, "akka hiyyeeyyii ta'an taasifamaniiru," jedha.

Dargaggeessi kun akka jedhutti, lafti qonnaafi dheedinsaa Gumuz akka jalaa fudhatamu taasifameera. "Dhimma kana ammoo namni kamiyyuu dubbachuu hin barbaadu," jechuun haala naannichaa ibsa.

Haleellaawwan nama irratti raawwataman sirriidha jedhee akka hin amanne ibsuun, ummanni Gumuz, "Yeroo miidhamu callifamuu hin qabu," jedheera.

Dhalataa saba Amaaraa kan ta'eefi akka maqaan isaa hin dha'amne kan barbaadu dargaggeessi biraa ammoo, Matakkalitti akka dhalatee guddatee ibsuun, "Abbaan kiyya bakka biraatii yaa dhufu malee, biyyikoo asumadha," jedha.

Jiraataa magaalaa guddoo naannichaa, Asoosaa, kan ta'an namni siyaasaa Obbo Abdulsalaam Shangal gama isaaniitiin, ka'umsi walitti bu'insaa rakkoowwan hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa deebii hin argatiin hafan akka ta'e ibsu.

Obbo Abdulsalaam akka jedhanitti osoo Godina Matakkalitti haleellaan bal'aan eenyummaa irratti hundaa'e hin jalqabamiin duras sadarkaa dhuunfaatti kaloofi bishaan anaaf mala jechuudhaan walitti bu'insi uumamaa akka turan yaadachuun ibsu.

'Gumuzoonni dhibbaan lakkaa'aman aanaa Jaawwiitti ajjeefamanii ture'

"Haleellaan bal'aan saba irratti hundaa'e kan jalqabame A L I bara 2011 keessa ture. Aaanaa godina Matakkal waliin waldaangessu Jaawwii keessaa Gumuzoonni dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamanii ture.

''Waa'ee ajjeechaa sanaa wanti tokkollee osoo hin jedhamiin hafeera. Namni tokkollee osoo itti gaafatamiin hafe. Isaan booda Gumuz as jiru miira keessa gale. Isaan boodas Amaara as jiru waliin walitti bu'insi uumame," jedhu.

Akka Obbo Abdulsalaam jedhanitti aktiivistoonni gara garaa sabaa himaalee fayyadamuun, "Matakkal kan keenya. Kan Gumuz miti. Ni deebifanna jechuun ergaa sodaachisu," tamsaasuu isaanii hordofee, "namoonni siyaasaa as jiranis 'laftikee sirraa fudhatamuuf jira of oolchi' kan jedhu olola Gumuz keessa gadhiisan," jedhu.

Naannicha keessatti jijjiiramni gara garaa jiraatullee ummanni Gumuz irraa fayyadamaa hin taane jedhu Obbo Abdulsalaam.

"Matakkal yeroo hundeeffamtu magaalattii keessa kan turan saba Gumuziifi Shinaashaa turan. Yeroo ammaa magaalattiin ballattee guddattee jirti. Haalli magaalattii keessa jiru jijjiirameera. Adeemsa kana keessa garuu Gumuz magaalattii keessaa ba'eera," jechuun ibsu.

"Abbootiin hoteelaafi suuqii hawaasa biroo keessaa warra dhufanidha. Gumuzoonni qabeenya horatan lakkoofsaan baayyee muraasadha. Qote-bulaan qe'ee isaarraa buqqifamee lafti haala invastaraaf kennamutu jira."

Fayyadamni dinagdee haqa-qabeessa ta'e dhibuun ummattoota gidduutti waldhibdeen akka uumamuuf sababa tokko akka ta'e himu Obbo Abdulsalaam .

"Walitti bu'insa sana keessa harki aanga'ootaa, abbootii qabeenyaafi humnoonni alaa jira"

Mabiraatuu Alamuu (PhD) dhalataa saba Shinaashaati. Haala naannichaa itti dhiyeenyaan hordofaa tureera jedhu.

Naannichatti namoonni sadarkaa aangoo gara garaa irra jiran walitti bu'insa sana kakaasuu keessatti hirmaataa turan jechuun himatu Mabiraatuun (PhD).

Dabalataanis, abbootiin qabeenyaa hayyama lafa invastimentii fudhataniifi fedhii siyaasaa qaban dargaggoota Gumuz gara qarqara aanaa Daanguriifi daangaa Sudaanitti dhiyoo geessuun leenjii kennuu isaaniifi hidhachiisuu isaanii dubbatu.

"Dhugaa dubbachuudhaaf, lafti ballaan Daangur, Gubaafi Wanbaraa jiran invastimentiidhaf jedhamanii kennamaniiru. Haata'u malee, yaaddoo yoo ta'e malee lafti amma jiru isaaniif [Gumuziif] gahaa miti jechuun natti ulfaata. Lafa qonnaa dhuunfaa isaaniitiif ta'u qabu. Muuxannoon lafa ballaa qotanii itti fayyadamuu hin jiru," jedhu.

Fedhii siyaasaa waliin walitti makateera

Obbo Tamasgeen Gammachuu ogeessa seeraa yoo ta'an, dhalatanii kan guddatan godina Matakkal aanaa Dibaaxee keessatti akka ta'e dubbatu.

Obbo Tamasgeen lakkoofsi amma ifa kan ta'e jiraachuu baatus, godina Matakkal baayyinaan kan jiraatan Gumuzoota akka ta'an tilmaamuun ni danda'ama jedhu.

Waggoota darban keessa lakkoofsi namaa ol-aanaa ta'e qubsiifamaaf gara naannoo sanaa akka dhufan yaadachuun, sabni Oromoofi Agawu garuu duraanuu achuma jiraachaa turan jedhu.

Obbo Tamasgeen "walitti bu'insi" jiruuf ida'ama sababoota gara garaa ta'uu himuun sababiin ijoon garuu haalli ummaticha keessa jiru fedhii siyaasaa waliin walitti ida'amee kan uumamudha jedhu.

"Ummata Gumuz biratti gaaffiiwwan kanaan dura deebii hin argatiin ykn ummatichi ija shakkiin ilaalu jiru. Carraawwan invastimantii naannicha keessatti taasifamu keessatti ummanni Gumuz ballinan hirmaataa miti.

''Wayita magaalaan baballachaa deemutti Gumuzoonni kiiloomeetira hedduu akka fagaatan taasifamaa jiru,'' jedhu.

Kun osoo kanaan jiruu namoonni siyaasaa ammoo, 'Diimaan lafakee si jalaa fudhachuudhaaf; murtee ummataa jedhamee biyyikee sirraa fudhatamuuf jira,' jechuun kakaasu.

''Namoonni siyaasaa ummata keenyatti miidhama isaa itti himu. Ummanni dhugaa qaba. Kun qofaan garuu sababa walitti bu'insa kanaa hin ta'u jedhu," ogeessi seeraa Obbo Tamasgeen Gammachuu.

Miidiyaaleen hawaasaarratti, 'Matakkal ristii keenya [dhaala] keenya'. Ni deebifanna jechuun rogeeyyiin ummata keessa tasgabbiin akka hin uumamne sababii ta'uu ibsu.

Kanatti dabalataanis, dhalataan saba tokkoo bakka itti baayyatuttis gaggeessitoonni bakka bu'insa qabu dhibun ka'umsa waltti bu'insaa biroo akka ta'e himu abokaatoo Tamasgeen.

"Bakka bu'insi hin jiru. Amaarri, Oromoon, Agawu bakka baayinaan jiranitti bakka bu'aa hin qaban jechuun ni danda'ama. 'Abbaa naannoo sanaati' warri jedhaman warra aangoorra jiran," jedhu.

Furmaanni isaa maal?

Ministirri muummee Itti-aanaafi Ministira Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnon A L I Amajji 15, 2013 rakkoo nageenyaa Matakkaltti uumameef furmaata waara'aa uumuuf jiraattota naannawaa sanaa leenjisanii hidhachiisuun akka ofiisaanii eeggatan taasisu jechuu isaanii Burqaan Oduu Itoophiyaa gabaasee ture.

Gaggeessitoonni godinichaa dhalattoota saba biroo kan makateefi bakka bu'iinsa akka qabaatan taasisuu dhabuun isaa sababa walitti bu'insaa ta'uu EBCn qindeessaa garee nagaa eegsisuuf garasitti bobba'ee Leetnaan Janaraal Asiraat Denneroo eeruun gabaasee ture.

A L I Guraandhala 14, 2013 ammoo miseensa garee sanaa kan ta'aniifi De'eetaan Ministira Nagaa Fire'aalem Shibaabbaaw, "Godina kana rakkoo keessa kan galchu tokko loogiidha. Fuula ilaalanii looguun amala gaggeessaa miti," jechuun TV biyaalessaarratti dubbataniiru.

Obbo Abdulsalaamis loogiin osoo bade, haqni jiraatee nagaa buusuun ni danda'ama ture jedhu.

"Yeroo Amaarriifi Oromoon ajjeefamudha kan dubbatamu. Gumuz hedduun du'eera. Kanaan ol du'eera. Baqateera. Gumuziif sagalee ta'ee qaqqabee kan dubbatuuf hin jiru.

''Meeqa akka du'an, akka madaa'aniifi akka baqatan mootummaanillee adda baasee sirriitti waan godhe hin qabu. Walitti bu'insichaan ni du'a. Beelaan ni du'a. Warri hidhamanis seeratti hin dhiyaanne," jedhu.

Akka Obbo Abdusalaam jedhanitti, haala akkasii kanaan furmaata fiduun rakkisaadha. "Hundumtuu walqixatti ilaalamuu baannaan rakkoon kun salphaatti ni furama kan jedhu amantaa hin qabu. Haqni yoo hin jiraanne namoota gara hin taanetti dhiiba," jedhu.

"Rakkoon isaa rakkoo siyaasaati. Furmaanni isaas siyaasadha," kan jedhan ammoo Mabiraatuu Alamuudha (PhD).

"Godina tokkoof jedhamee Komaand Postiin kan ijaarame A L I Fulbaana 11, 2012 ture. Rakkoon kun garuu tasuma furmaata hin arganne. Namoonni ammallee ajjeefamaa jiru. Manneen gubachaa jiru. Loon saamamaa jiru."

Ka'umsi rakkoo kanaa namoota siyaasaafi abbootii qabeenyaa fedhii siyaasaa qaban waan ta'aniif, furmaanni isaas kan ta'e siyaasumadha jedhu.

"Beektonniifi jaarsoliin biyyaa saba hunda keessaa babba'an taa'anii rakkoo isaanii furachuu qabu. Addaa addatti miidiyaaleen irratti wantonni jedhaman caalaa walitti nu hammeessa," jedhu.

Ogeessi seeraa Obbo Tamasgeen gama isaaniitiin, sababiiwwan ijoo rakkoo kanaa namoota siyaasaa waan ta'aniif, "warren siyaasaa yoo harka isaanii hin sassaabbatiin," nagaan hin bu'u jedhu.

"Ummata qaqqabuufiif hin dandeenye miira [ristii] kakaasuun rakkoo keessa isaan galchuurra osoo harkasaanii sassaabbatanii wayyaaf.

Gama warra Gumuzootaatiin namoonni siyaasaa jiranis, ummata hokkaraaf kakkaasuurra of qusachuu baannaan walitti bu'insi dhaabbachuu hin danda'u," jedhu.

Wanti biraan furmaata ta'u jedhu Obbo Tamasgeen, Gumuzoonni akka miirri abbaa biyyummaa itti dhaga'amu gochuudha.

"Yeroo ammaa gabayaa deemanii hawaasa biroo waliin bitanii gurguraa hin jiraniim. Yaaddoo nageenyaatiif jecha biyya gadhiisanii Sudaanitti baqataniiru.

[Ofitti amanamummaa] isaanii deebisuun barbaachisaadha," jechuun ibsu ogeessi seeraa Obbo Tamasgeen.