Walgaarreffannaan daangaa Itoophiyaafi Sudaan hanga maaliitti?

Daangaa Sudaaniifi Itoophiyaan irratti wal dhaban

Sudaaniif Itoophiyaan nannoo daangaa Alfaashiqaa lafa umamaan misoomaaf mijaawaa ta'etti erga gara wal dhabdeetti seenanii baatiiwwan lakkaa'amaniiru.

Biyyoonni lamaan kunneenis sababii waldhabdee daangaa kanaatiin gara waraanaatti seennu akka hinbarbaannee ibsan illeen, warraanni biyyoota lamaan garuu yeroo garaa garaatti walitti bu'un ni dhagahama.

Humnootiin Sudaanis lola Tigraayiitti dhalate hordofuun waraanni Itoophiyaa naannicha gadhisee wayita baheetti naannicha qabachunsaa oddeeffannoon waajjira haajaa alaa Itoophiyaa irraa argame ni hima.

Maddi oduu Sudaan Tribune akka gabaaseetti, Bitooteessa 29, 2021tti milishoota Itoophiyaa 200 ta'an kanneen daangaa deebisiisuuf yaalan waliin waraanni Sudaan walitti dhukaasee, namoonni lama ajjeefamaniiru.

Bitooteessa 23, 2021 ammoo loltoonni Sudaan hidhattoota Itoophiyaa irratti haleellaa raawwachuun meeshaa booji'uufi meeshaalee qonnaa fudhachuu maddi oduu kun gabaaseera.

Haata'u malee walitti bu'iinsi daangaa biyyoota kanneen jidduutti jiraatulleen biyyoonni lamaanu dhimmicha mariin furuuf hayyamamoo ta'u ibsu.

MM Itoophiyaa Abiy Ahmad Sudaan waliin lola akka hinbarbaannee yoo dubbatan, Sudaan gama isheetiin gaaffii jaarsummaa Gamtaa Araboota Emireetsiin (UAE) dhiyaate fudhattee jirti.

Ofii waldhabdee daangaa Sudaaniifi Itoophiyaa maaltu harbeessaa?

Sudaan waliigalteen Anglo-Itoophiyaa bara 1902 Alfaashiqaan kiyya ta'uu sirriitti mirkanneessa jetti.

Haata'u malee, daangaan dheerina km 1,600 qabu sirriin hinsararamne waan ta'eef erga bara 1990ootaa kaasee milishoonni Itoophiyaa akka qabataniif dandeessiseera jetti.

Pirezidaantiin duraanii Sudaan Omaar Al Baashir milishoonni Itoophiyaa wayita daangaa qaxxaamuruun galanuun namoota ajjeesan, wayita beelladoota qannaan bulaa saaman fi wayita namoonni ukkaamfaman xiyyeeffannaa hinkenniineef jedhamuun himatamu.

Sababii kanaanis qonnaan bultoonni Sudaan hedduun naannawa Alfaashiqaa gadhiisuun deemuuf dirqamuutu himama.

Biyyoonni lamaanuu amma maaliif loltootasaanii daangaarratti bobbaasan?

Miidhaa Muddee 15, 2020 hidhattoota Itoophiyaatiin loltoota Sudaan kanneen Alfaashiqaa eegaa turan irratti raawwachuun loltoota afur ajjeefamun, Kaaartuum loltootashee hedduu daanagaa irra akka qubachiiftu taasise.

Torbaan lamaan booda ammo Muddee 30, 2020 Sudaan naannawa daangaa walfalmisiisaa gutummaatti to'achushee ibsite.

Itoophiyaan ammoo wayita humna ishee olaantummaa seeraa kabachiisuuf gara naannoo Tigraayiitti sochooftetti, Sudaan naannawa Alfaashiqaa irratti weerara raawwachuun qabeenyaa qonnaan bultootaa heddu barbadeessuun lammiileen akka buqaafaman eeruun himatti.

Kana malees waldhabdee kana duuba harka qaama sadaffaatu jira jechuun himatti.

Bitooteessa 16, 2021 ammoo ajajjaan human Waraana Sudaan Leetanaal Janaraal Abdil Fattaah al Buriyaan, Itoophiyaan Alfaashiqaan kan Sudaan ta'u hanga hinamanneetti mariin kamiitu hingaggeeffamu jedhanii ture.

Itti dabalunis ''Gama Itoophiyaatiin kun bulchiinsa Sudaan ta'uun fudhatama argatee daangaan hanga sararamuutti eenyu waliinu hinmarii'annu'' jechunsaanii dhagahame.

Miidiyaaleen Sudaan walitti bu'iinsicha attamiin gabaasan?

Ejansiin Oduu Sudaan (SUNA), buufannii TV biyyaaleessaa, fuulli facebook humna Ittisa Sudaan, waa'ee walitti bu'iinsa biyyoota lamaan jidduu jiru ofiisaanitiif yeroo baayyee gabaasu baatan illeen, waan midiyaalee dhunfaa Sudaan gabaasan ammoo yoo haalam hindhagahaman.

Fuulli facebook humna Ittisa Sudaan wayita loltoonni biyyatti sirba gootummaa wayita meeshaa waraanaa mirmirsan saaqamee waliin sirban kan tamsaasu mul'isa.

Guraandhala 11, 2021tti wayita Leetanaal Janaraal Yaasiin Al Ataa Alfaashiqaa daawwanatanitti loltoonni naannicha turan ''lafa Sudaan taakkoo takka irrattilleen abdii hinkutatiinaa'' jechuun dubbataniiru.

Fayyadamtoonni midiyaalee hawaasaa Sudaan ammoo Itoophiyaan Alfaashiqaa weerarte, Masriin ammoo kan albudaan badhaadhee Yaalaayub Tiriyaang qabattee jechuun barreessu.

Miidiyaaleen Itoophiyaafi Eertiraa attamiin gabaasan?

Itoophiyaanonni waa'ee waldhabdee daangaa akka Sudaanotaatti ballinaan hingabaasan.

Yeroo baayyees fayyadamtoonni miidiyaalee hawaasaa Itoophiyaa kan eeran miidiyaalee Sudaan.

Buufata TV biyyaaleessaas ta'e midiyaaleen motummaa deeggaran kan biraa, ejjannoo aanga'oota motummaa dhimma daangaa irratti mari'achuun dursa ''Sudaan bakka turteetti haa deebitu'' jedhu yoo eeran mul'atu.

Miidiyaan biyyaaleessaa Ertiraas pirezidaanti Isaayaas Afawarqii eeruun Itoophiyaafi Sudaan waldhabdee daangaa isaanii ''haala tasgabaa'een akka hiikaniif'' gaaffachuu gabaaseera.

Sudaan, Ertiraan loltoota Itoophiyaa gargaaruuf naannawa daangaatti waraanashee bobbaafte jechuun himatti.

Walitti bu'iinsi daangaa ka'uuf carraa hangamiitu jira?

Ammatti carraan Itoophiyaafi Sudaan sababii waldhabdee daangaatii gara waraanaatti galuu gadaanaadha.

Biyyoonni lamaanuu dhabiinsa tasgabbii keessootiin jeeqamaa jiru.

Waraanni Itoophiyaa lola Sadaasa 04, 2020 Tigraayiitti eegalameen kan qabameedha.

Akkasumas halleellaawwan irra dedeebiin naannoolee Oromiyaaafi Beenishaangul Gumuziitti gaggeeffaman to'achuufis yaalii taasisaa jiru.

Itoophiyaan lolli Sudaan waliin gaggeeffamu tarii hambaalee TPLF hidhachiisuun dahannoo akka hinkenniineef sodaatti.

Sudaan ammatti lammiilee Itoophiyaa lola baqachuun gara biyyatti galan kuma 70 ta'an keessummeessaa jirti.

''Sudaanis ollaashee Itoophiyaa waliin wal waraanuuf ammatti rakkoo cimaa mataashe qabdi. Itoophiyaanis Sudaaniin wal waraanuuf rakkoolee keessoo hedduu qabdi'' jedhan MM Abiya Bitooteessa 23 wayita haasaa paarlaamaatti taasisaniitti.

Sudaan erga Baashir aangoorra buufameen asi waggoota lamaaf rakkoo cimtu keessatti argamti.

Biyyattiin rakkina cimaa dinagdee keessa galuun walqabatee dhiheenya kanas lammiilee qaala'iinsa gatii meeshaalee bu'uraa irratti mormiin Daarfuuriitti gaggeeffamee ture.

Weerarri Covid ammoo rakkina biyyatti cimaa biraati.

Dhiibbaan naannicha irratti qabaatu jiraa?

Itoophiyaan haala hidhi guddichi Abbayyaa bishaaniin itti guutamurratti Sudaaniif Masrii waliin waliigaltee irra hingeenye.

Biyyoonni sadan bara 2011 irraa kaasee waliigaltee guutuu irra waliin hingeenye.

Sudaan dhimma hidhichaarratti walaba taatee turtulleen amma erga waldhabdeen daangaa umameen booda garuu ejjannooshee geeddartee jirti.

MM Abdallaa Hamdook lammiilee Sudaan lagicha hordofanii jiraatan miliyoona 20f ijaarsi hidhichaa 'yaaddoodha'' jedhan.

Masriin gaaffii Sudaan akka UN, Gamtaan Awurooppaa, Ameerikaafi Gamtaan Afriikaa jaarsummaa taa'aniif gaafatte yoo deeggartu, Itoophiyaan ammoo mormitee jirti.

Sudaaniifi Masriin ammoo Bitooteessa 2, 2021tti waliigaltee loltummaa taasiisuu kan waliin mallatteessan yoo ta'u, kunis walitti dhufeenya biyyoota lamaan kan yeroo kamii caalaa cimaa dhufu kan mul'isu ta'ee ni eerama.