Tigraayitti 'beelli meeshaa waraanaa godhamuu' imbasiin Itoophiyaa soba jedhe

Buqqaatota Tigraay magaalaa Shiree qubatan
Ibsa waa'ee suuraa,

Dubartii daahannoo buqqaatotaa magaalaa Shiree keessatti buddeena tolchaa jirtu

Gabaasa 'World Peace Foundation' Kaaba Itoophiyaa Tigraayitti 'beelli akka meeshaa waraanaatti oolaa jira' jechuun baase imbasiin Itoophiyaa Landan jiru soba jedhe.

Imbaasichi kana kan jedhe ibsa barreeffamaan BBC'f ergeen yoo ta'u, BBCn gabaasa 'World Peace Foundation' eeruun sagantaa 'Newshour' jedhamurratti oduu qopheessuu hordofeeti.

"Himannaa bu'uura hin qabne kan 'World Peace Foundation' mootummaan Itoophiyaa uummata Tigraay beelessaa jira, beela akka meeshaa waraanaatti itti fayyadamaa jira jechuun baase, jabeessinee kufaa goona," jedhe ibsi imbaasichaa.

Dhimmoota akka nagaa, haqaa fi nageenya irratti akka hojjetu kan himu dhaabbanni 'World Peace Foundation' gabaasa fuula 66 qabu mata duree 'Starving Tigray' jedhuun Kibxata diinagdee fi sirni nyaataa Tigraay barbadaa'eera jedhe.

Buufataaleen fayyaa fi dhiyeessii nyaataa akkasumas indastiriiwwan gurguddoo silaa namootaaf madda galii turan ta'e jedhamanii barbadeeffamu hima gabaasi dhaabbata kanaa.

Kana qofa osoo hin taane sirna wabii nyaataa naannicha keessatti waggoota dheeraaf ijaaramee ture mootummaan diiguu hima.

Humnooti mootummaa federaalaa Itoophiyaa, humnooti naannoo Amaaraa fi loltoonni Eertiraa 'yakka nama beelessuu' raawwachaa jiru jedhe.

Ta'e jedhamee namoonni jumlaan akka beela'an godhamaa jira kan jedhu gabaasichi, sababa beelaa, nyaata gahaa dhabuu fi dhukkubaatiin Jiddugaleessaa fi Baha Tigraayitti guyyaatti namni 50 hanga 100 du'aa jiraachuu tarreesse.

Gochi kun 'beela akka meeshaa waraanaatti' fayyadamuudha, kun ammoo yakka waraanaati jedha gabaasichi.

Imbasiin Itoophiyaa maal jedhe?

Gabaasa dhaabbanni Yuunivarsitii biyya Ameerikaa Tuuftis jedhamu waliin hariiroo akka qabu himu kun baase, imbasiin Itoophiyaa UKN Landan jiru kufaa godheera.

Dhugaan lafarra jiru kan gabaasicha keessatti eerameen gonkuma wal hin argu jedhe imbaasichi.

TPLF maal na dhibdeen waqtii midhaan walitti qabamu haleellaa Raayyaa Ittisa Biyyaa ajaja Kaabaa irratti raawwachuu gabaasichi hin tuqne jedha ibsi imbaasichaa.

Mootummaan Itoophiyaa erga tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu xumureen booda, misoomawwan bu'uuraa naannichaa TPLF ta'e jedhee barbadeesse suphuun naannicha deebisanii ijaaruuf akkasumas deeggarsa namoomaa godhuuf tattaafataa jiraachuu hima.

Dhaabbilee idil-addunyaa waliin ta'uunis lammilee miliyoona 4.2 ta'an deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuu hima.

Duraanuu namni miliyoona 1.8 ta'u Tigraay keesatti sagantaa seeftineetiin jiraachaa ture kan jedhu ibsi kun, Covid-19 fi weerara awwaannisaarratti dabalataan gochi waraanaaf dibbee dhahuu TPLF haala naannicha keessa jiru hammeessuu hime.

Ibsa waa'ee viidiyoo,

Lola naannoo Tigraayiin namoonni buqqa'an haala akkamii keessa jiru?

Mootummaan deeggarsa lammilee naannoo Tigraay lubbuu baraaruu gochaa jiru dhaabbileen idil addunyaa akka deeggaran waamicha dhiyeessee jira imbaasichi.

Gabaasa 'World Peace foundation' ilaalchisee dhaabbaticha keessa namoota TPLF'tti lubbuu horuuf fedha qabantu achi keessa jira jedhe.

Namoonni kun maqaa xiinxala walabaatiin gabaasa sobaan tolfame qopheessuurraa booddetti hin jedhan jedhe.

Naannoo Tigraay keessa rakkoon namoomaa hamaan jiraachuu UN dabalatee dhaabbileen deeggarsa namoomaa himaa turan.

UN akka jedhutti uummata naannicha miliyoona 6'tti tilmaamamu keessa miliyoona 4.5 kan ta'an deeggarsa hatattamaa barbaadu.

Lola baatii afur dura eegaleen namoonni kumaatamaan lakkaa'aman yoo ajjeefaman, miliyoonaan kan lakkaa'aman ammoo qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.

MM Abiy 'tarkaanfii olaantummaa seeraati' kan jedhan lolli naannichaa xumuramuu erga labsanii ji'oota sadi booda lolli wayita ammaa adeemaa jiru gara riphee loltummaatti bifa jijjiirrachuu fi 'rakkisaa fi dadhabsiisaa' akka ta'e himan.

Dhaabbati walitti bu'iisawwan irratti hojjetu 'International Crisi Group' gabaasa torbee darbe baaseen qaamoleen wal lolaa jiran gara mariitti hin dhufan taanaan lolichi yeroo gabaabaa keesatti xumura argachuu dhiisuu mala jedhee ture.