Xiin-sammuu: Nama sobduu ta'e ilaalanii adda baasuun ni danda'amaa?

harka namaa dugda duubaa mul'atu

Madda suuraa, Alamy

Ilaaluun qofa nama sobduu ta’e addan baasu hin dandeessani. Oggeessoti xiinsammuu garuu mala biraa ittin adda baafamuu danda’amu irratti hojjechaa jiru.

Poolisoonni dargaggoo ganna 17 Martii Tankilee kan harmee isaa waraanamtee ajjeefamte erga argee booda miirri isaa gar malee tasgabbaa’aa ta'uun gaaffii itti ta'e.

Inni yakkarraa bilisa ta'uu himus anga’oonni isa amanuu dhabuun, ajjechaan himatame wagga 17’f mana hidhaa ture.

Himannaa biraan ammoo poolisoonni dargaggoon ganna 16 Jeferii Deskoovik erga barataan daree isaa du’ee argamee booda akka malee aaree fi poolisii gargaaru barbaadee ture jedhani yaadani.

Innis sobaa akka jirutti itti murtaa'ee yakka kanaaf gara wagga 16 mana hidhaa ture.

Maartin sirritti hin aarre, Jeferiin ammoo garmalee aare. Miirri faalla akkanaa akkamiin soba dhokate agarsiisa?

'Agarsiisuu hin danda'u' jedhu kolleejii haqa yakkaa Joon Jay, kan Yunivarsitii magaalaa Niiw Yoorkitti qorattuu sobaa (deception researcher) kan ta’an oggeettiin xiinsammuu Maariyaa Hartiwiig.

Dargaggoonni kun lamaan booda yakka kanarra bilisaa ta’uun baramee hidharra gadhiifamaniiru, lamaanu dogoggora ilaalchaa, miirri namni agarsiisu sobduu ta’uufi dhiisu adda baasu danda’a jedhuun miidhamani.

Aadaa gara garaa keessatti, amalli akka ija keessa ilaaluu dhiisuu, tasgabba’uu dhabuu fi haasa irratti giinga’uun kanneen sobdoota saaxilanidha jedhanii namootni hedduun amanu.

Haa ta'u malee ilaalcha kana mirkaaneessuuf waggootii dheeraaf qorattoonni qorannoo taasisan raga muraasa qofa argatani.

“Akka ogeessota sobaatti rakkoo inni tokko namni hundiyyu sobni akkamiin akka hojjatu beekna jedhanii yaaduudha,” jedhu Hartiwiig.

Akkumma dhimma Maartin fi Jeferii irratti agarree ilaalchi of tuulummaa akkanaa haqni akka jallatu taasisa.

Madda suuraa, Alamy

Ibsa waa'ee suuraa,

Poolisoonni garuu miira ilaalanii nama sobu adda baasuun ni danda'ama jedhu

Oggeessitni xiin-sammuu yeroo dheeraaf sobduu adda baasuun hagam akka cimu ni beeku.

Bara 2003tti, oggeettiin xiin-sammuu Bella DePawuloo fi waayilootni barreeffamoota saayinsii walitti qabuun yaaliwwan 116 amala namoota yeroo sobanii fi dhugaa dubbatan adda baasuuf gaggeefaman funaanariiru.

Qorannoon isaanii agarsiistoota 102 haasa hin qabne, kanneen akka ija keessa ilaaluu dhiisu, libsachuu, sagalee ol kaasanii haasa’uu, gatiittii sochoosuu, taa’umsa geeddaruu, akkasumas harka, maataa ykn miilla sochosuu ilaalaniiru.

Ta’us garuu kanneen tokkoon isaaniiyyu ragaa ittiin sobduu adda baasaan mirkanaa’aa hin turre.

Qorattoonni hedduun biroo qorannoo wal fakkataa yeroo adda addaatti taasisanis amalootni kunneen nama sobu adda baasuuf agarsiistoota ga’aa hin taane.

Ogeessotni poolisii gama isaaniin, irra daddeebiin qorannoo fi yaaliwwan kunneen dhugaatti kan siqan miti jechuun falmu.

Akka isaan jedhanitti namootni yaalii qorannoo kanneenii irratti hirmaatan – heddumminaan barattoota kan ta’an - akka sobanii fi dhugaa dubbataniif labiraatoorii qorannoo keessatti warra ajajamani jedhu.

Namoonni yaaliif akka soban ykn dhugaa dubbatan gaafatamanii qorannoon irratti godhamu, akka yakkamtoota qoratamanii fi namoota yakka arganii dhugaa ba’anii dhibbaan irra ga’u hin jiru jedhu.

Madda suuraa, Alamy

Ibsa waa'ee suuraa,

Meeshaaleen sobdu ittiin adda baasan jaarraa 20ffaa keessa kalaqaman bu'a qabeeyyii hin turre

Yunivarsitii Portismaawuz, UK irraa oggeettiin xiinsammuu Samaantaa Maan kan qorannoo sobaa wagga 20 dura eegalte yaaddoo poolisootni kaasan kun gaffii sirridha jettee yaadde.

Dhimma kana adda baasuufis, ishee fi waayilli ishee Alderti Virij viidiyoota saatii dheeraa gaffii fi deebii poolisiin yakkamtoota ajjechaan himataman waliin taasisan ilaaluun, dhugaa beekamu sadii fi soba beekamu sadii adda baasaniiru.

Sana booda Maan gaaffii fi deebii afaan Dachiin gaggeeffame kana poolisoota Ingiliffaa hasa’an 65itti agarsiisuun dhugaa fi soba kana sochii qaama fi amala isaani irratti hundaa’uun qofa akka adda baasaniif gaafatte.

Poolisootni kun %65 sirri turani, garuu ammayyu guutummaatti sirri hin turre.

Qorannoo wal fakkaata poolisoota Dachii waliin taasisaniiru.

Poolisootni sobaa fi dhugaa kana addan baasuu hin dandeenye kanneen miraa agarsiisuun sobduun adda ni baafama jedhanii yaadan turani.

Kun garuu maal agarsiisa? “Yoo abbaa manaan tokko haadha warraa isaa ajjeesee qabame, sababa adda addaaf aaruu danda’a, kan akka gaabbi ykn qabamuu isaaf “ jetti Maan.

“Amala haasaa hin qabne kan akka miira isaani irratti yoo hundoofte, dogoggoruu dandeessa.”

Qorannoowwan akkanaa soba adda baasuuf agarsiiftoota haasaan ala jiran irratti hundaa’uu akka dhiisaniif qorattootoota taasiseera.

Garuu malli ittin sobduu adda baasnu jira?

Har’a, ogeessotni xiin-sammuu eenyu akka dhugaa dubbatuu fi dhiisu adda baasuuf agarsiistuu haasaa irratti xiyyeeffachaa jiru.

Fakkeenyaaf, namootni gaaffii fi deebi gaafatan beekaa raga qaban osoo hin ibsiin shakamaan bilisaan akka haasa’uu godhu, kun ammo kanneen soban akka burjaaja’an gochuu danda’a.

Malli gaaffii fi deebii inni biraan shakkamtooti fi namootni waan argan himan yakka rawwatamee karaa fakkii akka ibsan taasisuudha.

Sababiin isaa kun yaadannoo dabaluun kanneen dhugaa dubbatan odeeffannoo dabalataa akka kaasan gochuu danda’a.

Yaaliin qorannoo kun poolisii UK kan yeroo gaffii fi deebii taasisaniitti fakkii fayyadaman waliin ta’uun gaggeefame.