Keessummeessituun Daandii Qilleensa Itoophiyaa kokeenii daddabarsuun shakkamtee Tarkiitti to'annoo jala oolte

Hostesii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Salaam Ijjiguu

Madda suuraa, Betelehem Ejegu

Keessumeessituu (hostesii) Daandii Qilleensaa Itoophiyaa kan taate Salaam Ijjiguu ''adaraan gara Turkiitti fakkiiwwan geessite irratti qorichi sammuu hadoochu kokeeniin argameera jedhamuun'' mana hidhaa akka jirtu BBC’n maatii ishee irraa baruu danda’eera.

Obboleettiin ishee quxisuu Betaliheem Ijjiguu BBCtti akka himtetti, yeroo ammaatti Salaam Tarkii magaalaa Istaanbuul kokeenii kg 1.6 ta’u qabattee seenteetti himata jedhuun erga hidhaa seente guyyoota 13 lakkoofsisteetti.

Buufata xiyyaaraa Istaanbul yemmuu geessu to’annoo jala kan oolte Salaam gara biyyaatti deebisuuf humnoota nageenya buufata xiyyaarichaa jiran waliin Imbaasiin Itoophiyaa Tarkii jiru yaalii guddaa taasisus, milkaa’uu akka hin dandeenye Qonsilaa Jeneraalli Istaanbul Obbo Wandimmuu Gazzaahenyi BBCtti himaniiru.

Maaltu uumame?

ALI Bitootessa 15, 2013 gara Turkiitti balali’uu isheen dura dubartiin tokko Salaamiif bilbiltee fakkii aadaa gogaa irra hojjataman lama adaraan akka namaaf gessituuf gaafattiini. Beetaliheem akka jettutti obboleettin ishee “lakki hin fuudhu jechuuf yaadaa kan turte yoo ta’u” yeroo hunda fakkii ergitu akka ta’e dubartiin kun itti himuun yaada ishee geeddarte.

Guyyaa sanatti fakkii sana kan dhufee itti kenne garuu dubartii bilbilteef osoo hin taane konkolaachisaa biraa ture.

Balallii isheef barfattee waan turteef fakkii itti kenname kana ilaaluufis ta’e sakkata’uuf yeroo akka isheen hin qabaanne kan himtu Beetaliheem shaanxaa (korojoo) ishee keessa galchitee gara balalii isheetti akka deemte himti.

Buufata xiyyaaraa Finfinneetti homaa kan ishee hin mudanne Salaam Istaanbul yemmuu geessu to’annoo jala oolte.

Waa’ee dhimmichaa homaa akka hin beekneefi “qodicha adaraa naaf geessi” akka jedhamte himuun namoota sirka fuudhu jedhaman to’annoo jala olchisiiftus, namootni kun amanuu akka hin dandeenye Beetaliheem ni himti.

Istaanbulitti erga to’annoo jala oolte booda poolisootni yeroo gara buufata poolisitti ishee geessan kadhattee abbaa warraa isheetti bilbiltee “qodaan fide keessa qorichi nama hadoochu jira naan jedhani” jechuun bo’aa itti himatte.

Yeroo lammataaf yemmuu gaaffii fi deebiif yeroo ishee baasani ammas kadhattee maatii isheef bilbilti.

Hanga ammaatti maatiin ishee yeroo lama qofadha kan ishee dubbisuu danda’an.

Madda suuraa, Betelehem Ejigu

Ibsa waa'ee suuraa,

Maatiin daa'ima harma hootu waan qabduuf adeemsi mana murtii Itoophiyaa keessatti akka ta'uuf gaafachaa jiru

Dubartii qodaa kana itti kennite waliin wal beeku jechuun gaffii BBC’n Beetaliheemin gaafateef akka ishee hin beeknee fi dubartiin tokko bilbilteef himti.

Kanaan duras kessummeessitoonni balalii yeroo gara biyyootii adda addaatti imalan qodaa adaraa naaf geessi jechuun “maallaqa xiqqoo kaffalameefi” geessuun wanta baramedha jetti.

Itoophiyaa keessatti sagalee dubartii bilbilteef kan baasisuufi eenyummaa dubartii kanaa adda baasuufis gara waajjira qorannoo yakkaa deemanis yaaliin maatii kanaa hin milkoofne.

“Namoota warra Itoophiyaa jiran himachuu barbaanne ture. Namoota as jiran hidhuun bu’aa akka hin qabnee fi wanta achi jiru jabeeffachuu akka qaban itti himamuu,” himti.

Yeroo ammatti abukaatoo qacaranii dhimmicha hordofaa kan jiran yoo ta’u, daa’ima harma hootu waan qabduuf adeemsi mana murtii Itoophiyaa keessatti akka ta’uufi da’imashee haalli itti agartu akka mijeeffamuuf gaafachaa jiru.

Abukaatoon isaaniis doolara 7,000 akka kaffalaniif gaafateeni dandeettii maatii tokko ol waan ta’eef maallaqa walitti qabachuu irratti hojjachaa jiru. Kaffaltii hedduu waan qabaniif uummatni akka isaan gargaaruuf Beetaliheem waamicha dhiyeessiteetti.

Salaam Yunivarsitii Arbaamincitti barumsa injiinariingii waggaa afuriif barattee wagga dhumaatti sababa adda addaan barumsa ishee addaan kutuun Daandii Qilleensaa Itoophiyaa seente. Keessummeessituu balalii ta’uunis gara waggaa torbaaf hojjatteetti.

Yaalii Imbaasii Itoophiyaa

Salaam buufata xiyyaara Istaanbulitti to’annoo jala ooluushee yeroo dhaga'e imbaasiin Itoophiyaa Istaanbul jiru gara biyya isheetti akka deebisan (deport) akka ishee godhaniif, qaamolee nageenyaa buufata xiyyaaraa akka gaafateefi waligaltee taasisuufis yaalii hedduu gochuu isaa Obbo Wandimmuun ni himu.

Qaamooleen nageenyaa buufata xiyyaarichaa garuu yakki kan uumame naannoo keenya keessatti waan ta’eef, gara achiitti ishee deebisuuf sababa tokkoyyuu hin qabnu jechuun deebii kennaniiruufi.

Karaa Imbaasii Itoophiyaa Ankaaraa jiruun biyyatti akka ishee deebisaniif ministeera hajaa alaa gaafatanis deebiin kennameef walfakkaataa ture.

“Akka seera biyyattiitti buluu qabna malee seera biraan buluu waan dandeenyu miti. Kana fudhachuu malee homaa humna biraa hin qabnu,” jedhu Obbo Wandimmuun.

Dabalataan ammoo “Tarkii keessatti kokeeniin walqabatee rakkoon guddaa waan jiruuf yakka salphaatti ilaalamu miti. To’annoo cimaadha taasisu. Salaam gara biyya isheetti haa deebitu jechuun gaafatamuu isaaniin gammadoo hin turre,” jechuun ibsu.

Madda suuraa, Betelehem Ejigu

Yeroo ammaatti haala fayyaa Salaam sirriitti hordofaa akka jiraniifi qaamaan argachuufis karaa ministeera haaja alaa gaaffii dhiyeessaniiru.

Akka adeemsa idil addunyaatti karaa ministeera hajaa alaan eeyyamni yeroo argamudha hidhamtoota daawwachuun kan danda’amu.

Erga to’annoo jala ooltee hanga ammaatti ishee arguu hin dandeenye.

Yeroo ammatti mana hidhaa kan jirtu yoo ta’u abbaan alangaa himata akka irratti banuuf eegamaa jira.

Kanaan dura haalli akkanaa mudatee kan beeku yoo ta’us sababa kokeeniin osoo hin taane sababa jimaan namootni sadii to’annoo jala ooluu isaani BBCtti himaniiru.

Maatiin ishee dhimma hidhaa Salaam irratti Daandii Qilleensaa Itoophiyaa odeeffannoo gaafataniis, dhimmichi ''konfidanshaaliidha'' jechuun deebii kennuun alatti dubbachuuf akka hin feene Beetaliheem himteetti.

BBC’nis dhimma kana irratti Daandii Qilleensa Itoophiyaa kan gaafate yoo ta’u, haga odeessi kun bahutti deebii hin laanne.