Ilma Mootii Fiiliip: Eenyu, maal hojjetan, duuti isaanii maaliif waan guddaa ta'e?

Ilma mootii Filiip bara 1969 daawwannaa Kanaadaatti taasisan

Madda suuraa, Getty Images

Duuk warra Edinbiraa, addunyaa irratti abbaa warraa beekamaa jedhamuun kan waamamu ganna 99'tti boqate.

Waggoota kurnan torba gaaddisa haadha warraa isaa keessatti dabarse, Giiftii UK, Elizabeet II- garuu eenyummaan isaa jechuun abbaa warraa qofa miti.

Kanaafuu namni giiftii kana cina hagas ture eenyu, akkamiin ishee fuudhuu danda'e?

Abbaa warraati garuu mootii miti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Intala mootii Elizaabeet fi abbaa warraa ishee -masaraa Buukingihaamitti bara 1947-erga wal kaadhimmachuu isaanii ibsanii booda

Kan dursuu qabu dursuu: Duukii, ilma mootii Fiiliip jedhamuun beekaman, aangoo amma ilmi isaanii dhaaluuf jedhu osoo hin qabatiin turan. Aangoo mootii jedhamus osoo hin argatiin hafan.

Sababni isaas UK keessatti, dubartiin warra mootiitti heerumte maqaa kabajaa giiftii jedhamu argachuu dandeessi.

Garuu dhiirri warra mootii keessaa fuudhe maqaa kabajaa mootii jedhu hin argatu.

Giiftii Elizabeetii fi abbaan warraa isaanii ilma mootii Fiiliip ijoollee afur qabu. Ilma mootii Chaarles, ganna 72, intala mootii Aanee ganna 70, ilma mootii Andiriiw ganna 61 fi ilma mootii Idwaardi kan ganna 57ti.

Akka jedhanitti, Fiiliip yeroo isaan dargaggoo turanitti waa'ee dhaalaa himeera.

Namni seenaa moototaa barreessu Ingiriid Sewaardi, ilmi mootii Andiriiwuu yeroo ijoollummaa isaa waan jedhe wabeeffateera: "Gara laafinni giiftii irraa dhufa, itti gaafatamummaa fi naamusni ammoo isa irraa dhufa.''

Andiriiwuun yeroo abbaan isaa bakka ciisichaa isaaniitti oduu durii isaanitti himu, yeroo ijoolleen isaanii kitaaba 'Rudyard Kipling'' dubbisan dhaggeeffatu yaadata.

Ilmi mootii waggaa dheeraa jiraachuun ijoollee ijoollee isaanii saddet, ijoollee dhala dhala isaanii ammoo kudhan simataniiru.

Jireenya eessatti jalqaban?

Imalli isaa gara masaraa Buukingihaam bara 1922 jalqabe. Bara 1921 Iddoola Giriis, Korfu jedhamtu irratti abbaa isaanii ilma mootii Giriis kan turan Andiriiw fi intala mootii Aliis Batenberg irraa dhalatan.

Dhaaltuu aangoo tahuun booda ilma mootii Giriikii fi Denmaarki tahan, garuu waggaa itti aanu maatiin isaanii sababa fonqolcha mootummaa Giriikitti raawwateen achii baafaman.

Dooniin waraanaa Biriitish bakka nagaa qabu Xaaliyaaniitti isaan geesse. Yeroos daa'ima kan ture Fiiliip qabataniiti.

Haalli guddisa isaa maal fakkaata?

Madda suuraa, Keystone Features/Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Ijoollee mana barumsaa bultii Gordonistoon, Iskootilaanditti baratan

Ijoollummaan Fiiliip rakkoo adda addaa isa mudateen itti dukkanaa'ee ture.

Bara 1930 yeroo umuriin isaa ganna saddet ture, miidhaan narvii irra geenyaan gara gidduugala wal'aansa sammuutti geeffame.

Waggaa itti aanu ammoo Fiiliip maatii isaa lamaanuu waliin yeroo gabaabduu dabarse. Abbaan isaa haadha warraa isaa biraa waliin gara faransaay Riiveeraa jedhamutti deebi'an.

Firootni haadha isaa UK keessatti gargaaruun isa guddisan. Booda irra maqaa guddifachaan waamame. Maqaa maatii Batenbergi jedhamuun waamame.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Mana barumsaa Iskootilaandi Goordonistaanitti barate

Bara 1937, obboleettiin Fiiliip Sisiliyaan abbaa warraashee lammii Jarmanii, amaatiishee fi ilmaanshee lama waliin balaa xiyyaaraan duute. Yeroo sana ulfa turte.

Sisiliyaan paartii warra Naazii yeroo sana Jarmaniin to'atee turetti makamtee ture.

Fiiliip yeroos ganna 16 yoo tahu gaddaan guutamee, daandii Daarmstaad irra duuba reeffa obboleettii isaa osoo deemuu namoota hedduu ''Heil Hitler'' nagaa gaafatee darbe.

''Kun waanuma tahedha,'' jedhe ilmi mootii Fiiliip yeroo sanaan booda. ''Maatiinkoo adda bahan. Haatikoo dhukkubsatte. Obboleettinkoo heerumte. Abbaan koo Kibba Faransaay jira. Kana gochuun qaba ture. Akkas goota. Waan namni tokko godhudha.''

Fiiliip akkamiin Giiftii UK fuudhe?

Yeroo Fiiliip barumsaa xumure, Biriiteen Jarman waliin lola galuuf jetti ture. Kolleejjii waraana Biriiteen 'Britannia Royal Naval College6' Daartimaawuz jiru galee qabxii gaariin eebbifame.

Yeroo mootii Joorji VI, Waxabajji daawannaa deemu, Fiiliip ijoollee dubaraa mootichaa Elizaabeetii fi Maargaaret taphachiisuun himatame.

Namni eegduu ijoollee dubaraa mootii tahuun qacarame Maariyoon Kiraawfoordi, Fiiliip '' waan gaarii agarsiise'' jedhe. Ganna 13 kan turte Elizaabeetiin hedduu dinqisiifata, kunis booda irra barame.

Madda suuraa, Press Association

Ibsa waa'ee suuraa,

Suuraa ilma mootii Filiip Gordonstoun, Iskootilaanditti intala mootii Elizaabet waliin osoo wal hin argiin dura

Ilmi mootii Fiiliip waraana Adunyaa 2ffaa keessatti hojii guddaa hojjete. Yeroo jalqabaaf waraana kan seene garba Indiyaa irratti ture.

Bara 1942, umuriisaa 21'n humna waraanaa galaanarraa mootii keessaa ijoollummaan kabajaa Leetinaanti argachuun kan jalqabaa tahe.

Intalli mootii ijoollee turtee fi loltuu kan tahe Filiip xalayaan wal argu ture. Fiiliip Ayyaana Dhaloota Kiristoos [Qillee] irratti bara 1943y, maatii moototaa waliin dabarse. Uffanni loltuu isaa ammoo kutaa uffata intala mootii keessatti argame.

Kun mallattoo murteessaa fi kutannaa intala mootiis kan agarsiisu ture.

Akka namni seenaa moototaa barreessu Fiiliip Eedii jedhutti, xalayaan Fiiliip bara 1946 barreessef dargaggeessichi kaayyoo haaraa akka qabu mul'isa.

Amaatii isaa kan tahuuf jirtuuf akka jedhee barreesse.

''Waan gaarii naaf gootan kun hundi naaf hin malu ture. Waraana keessatti dabarsuun, mo'achuun, carraa boqachuu argachuun deebisee hojiif of qopheessuu, osoo of hin qabiin guutummaatti jaalala keessatti kufuu, kun hundi rakkoo hamtuun adunyaa kun hundi waan xiqqoo fi ija hin guutne fakkeesera.''

Mootii Joorji, Filiip akka intala isaa fuudhu eeyyameef. Garuu jalqaba waan gochuu qabutu jira ture. Ilmi mootii Girrikii fi Denmaarki, waldaa Ingilaandi keessatti ifatti maqaa kabajaa alaa sana dhiisuun lammii Biriiten tahuu qaba ture.

Guyyaa cidha isaa Sadaasa 20, bara 1947, Duukii Edenbergi tahuun muudame, kun maqaa fi hojii umurii isaa guutuu kana ittiin waamamaa turedha. Yeroo sana umuriin isaa ganna 26 yoo tahu haati warraa isaa Giiftii Elizaabet ammoo 21 turte.

Madda suuraa, AFP/Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Intalli mootii Elizaabeet fi ilmi mootii Filiip intala isaanii intala mootii Aanee fi ilma mootii Chaarles waliin bara 1950

Waggoota afur waliin jiraachun ijoollee lama akka godhataniin itti gaafatamummaa biraa dhufe. Yeroo daawwannaa Commonwealth taasisaa turan loojii Keeniyaa tokko keessatti oduun tokko isaan dhaqqabe. Mootii Joorji, abbaan Elizaabet ganna 56'n boqatan.

Ajajaa Mikaa'el Paarker, hiriyaa fi barreessan dhuunfaa Duukii Edenbargi yericha haati warraa isaa Giiftii taahuu mirkaneesse.

''Adunyaan kun walakkaan waan irratti jigde fakkaata. Nama kamiifuu jirenyakoo keessatti gaddee hin beeku. Cimsee afuura baafate. Akka nama naheetti. Jireenyi isaanii gaariin sun waan xumurame itti fakkaate.

Jaalallli Filiip loltuu galaana irraa tahuuf qabu karaatti hafe. Giiftii haaraan Eelizaabeet abbaan warraashee akka ishee waliin tahu barbaadde. Akka gargaartuu isheetti hojiin kennameef. Gaheen isaas haadha warraa isaa gargaaruu ture.

Bara 1950 keessa gaaffiin yeroo dheeraa ture ammas ni ka'e. Filiip maatiin moototaa maqaa akaakkayyuu isaa Maawontibaten 'Mouuntbatten' jedhu akka fudhataniif gaafate.

'' Ani nama tokkicha biyya kana keessatti maqaakoo ijoolleekoof kennuun hin eeyyamamneefiidha. Yeroo giiftiin maqaa Windisoor jedhuun akka waamamu ibsitu ni aare. ''Ani homaa miti, garuu anama akka ameebaati.''

Filiip hojii murtaa'ee kennameef xiqqaa keessaatti maal akka godhu walaale. Garuu masaraa Bukingihaam keessa kooriderii irra dedebuun qilleensa qulqulluu fudhachuu tahe.

Filiip akkamiin sirna Gonfoo jijjiire?

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Masaraa Bukingihaamitti teebilii irbaataaf qophaa'e, Mude 2017

Duuk Filiipp akkamiin akka maatiin isaa humnaan Giriikii baafaman hin dagatau. Kanaaf mootonni itti fufanii jiraachuuf haala jirutti madaquu qabu jedhee amana.

Afeerraa laaqanaa giiftiin Biriiteen namoota garaagaraa baay'ee waliin wal argan qopheesse. namootni uffata aadaan masaraa keessa tajaajilan rifeensa isaanii qalama dibachuu dhaaban. Masaraan mootii maatii moototaa sooruuf mana nyaatni itti bilchaatu tokko qofatti fayyadamuu isaanii yeroo hubatu isa tokko cufe.

Ibsa waa'ee suuraa,

Ilmi mootii Filiip dookimantarii maatii moototaa hedduu beekame irratti bal'inaan hirmaateera

Duukiin kun fiilmii daqiiqaa BBC 90 bara 1069 tamsa'e 'Royal' Family' jedhu irratti hirmaateera. Giiftiin yeroo fardeen lolaashee hall

Yeroo isaa akkamiin dabarsa?

Gargaaraa haadha warraa isaa tahuun seenaa Biriiten keessatti akka nama waggaa dheeraa tajaajileetti hojiiwwan dhuunfaa 22,191 keessatti hirmaateera.

Bara 2017 yeroo itti gaafatamummaa moototaa irraa soorama bahe, goota, pirezidaantii yookaan miseensa dhaabbilee 780 jedhamuun waamame.

Haadha warraasaa giiftii Eeelizaabet waliin tahuun biyyoota adunyaa 143 daawwachuun afaan Jarmaniifi Faransaayiin sirreessee dubbateera.

Leegaasii isaa jiraatu keessaa tokko Badhaasa Duukii Edenbardi 'Duke of Edinburgh's Award,' jedhamu bara 1956 hundaa'e.

Ijoolleen waggaa 12-14 hojii tola ooltummaa hojjetan, dandeettii sochii qaamaa haaraa baratan, kanneen tulluu irra bahuu danda'an yookaan galaana kutanii cehuu danda'an itti badhaafamuu danda'u.

Bara 2016 biyyoota adunyaa garaagaraa 130 keessaa namootni miliyoona 1.3 taha irratti hirmaataniiru.

Yeroo boqonnaa isaatti Duuk Filiip dandeettii ispoortii cimaa waan qabuti fayyadama. Mana barumsaa 'Gordonstoun ' keessatti waan barateef yeroo dorgommiin galaana irra kutuu dhufu irratti hirmaataa ture. Akkasumas kunuunsa naannoo fi bineensotaaf duula gaggeessaa kan ture yoo tahu, World Wildlife Fund (UK' dhaabbata jedhamuuf bara 1961, pirezidaantii tahuun hojjeteera.

Garuu baruma sana giiftii waliin qeerransa ajjeesuun Indiyaatti suuraan ka'an argamnaan qeeqameera.

Madda suuraa, CENTRAL PRESS/AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

The Queen (C), between the Maharaja and Maharani of Jaipur, India, and Prince Philip (L) pose with the tiger he killed in 1961

Dubbii afaan isaa fi Giiftiidhaan...

Jireenya isaa keessatti Biriitishiif maal gumaachite jedhamee gaafatamnaan , ilmi mootii Filiip akkas jedhe; '' waanta gaariidha jedhee kaniin yaade hojjedheera. Namootni gariin gaariidha jedhu. kaan ammoo miti jedhu. Maal gochuu dandeessa? haalattan hojjechuu qabu hin jijjiiru. kun qaama jireenyakooti. kun haaluma hojiikooti.''

Ilmi mootii Filiip dubbii falmisiisooo tahan dubbachuunis beekama. Bara 1986 barattoota Biriiten, Chaayinaatti barachaa turanitti osoo dubbataa jiranii ''yoo yeroo dheeraaf as turtan, hundi keessanuu iji keessan xixinnoo taha'' jedhan.

Kun qeeqa guddaa dhimma sanyummaan wal qabatu irratti kaase. Namootni isa irra goran ammoo ilmi mootii akka baacootti dubbachuuf jedhaniiti jechuun himaa turan.

Keessa beektotni akka jedhanitti kolfi waanta ilma mootichaa fi giiftii yeroo dheeraaf walitti isaan hidhedha. Innis ofumaan irra namaa darbuu isheeti jedhee dubbatee ture.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Giiftii Elizaabeet II, Ilma mootii Filiip waliin tahuun bara 2007, lamaan waliin waggoota 70 ol dabarsan

Dubbiin giiftii jalqaba irratti jaalatamaa tahe ammoo '' abbaa warraakoo fi ani.......1960 keessa baacoo tahee ture. Sana booda namootni aartiis itti fayyadamaniiru. Jechicha fayyadamuu dhiistus ammayyuu ni yaadatama.

Giiftii, salphumattimoo ''ani'' jechuun ayyaaneffannaa bara gaa'ila isaanii ilma mootii Filip waliinii irratti dubbii onnee nama tuqu dubbate.

'' Yeroo hundaa ilmi mootii Filiip na dhaggeeffataa jira jedheen sodaadha. Dubbiin taasisuuf jedhu dursinee yeroo tokko tokko waliin mari'anna. Yaadni isaa qixa sirrii ibsamuu isaa yeroon yaadudha. Inni nama salphaatti si dinqisiifatu miti. Garuu inni humnakoo tahuun waggoota dheeraa hamma kanaa waliin jiraanne. ''

Madda suuraa, Reuters

Suuraan hunduu mirgi abbaa qabeenyummaan eegamuun taa'an