Koroonaavaayirasii: Talaallii Covid-19 gosa lamaa osoo fudhannee maal taana?

Qorannoon bu'aan ifa taasifame kan geggeeffame AstiraaZenekaa fi Faayizar irrattidha

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa,

Qorannoon bu'aan ifa taasifame kan geggeeffame AstiraaZenekaa fi Faayizar irrattidha

Biyyoonni addunyaa talaallii Covid-19 argachuuf dorgommiirra jiru. Darbee darbees ummata keerra kiyyatu caala jedhanii kan isaan barbaachisuu ol bitanii kuufachaa jiru.

Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr. Tewoodiroos Adihaanoomis irra deddeebiin ofittumaa biyyoota sooreyyii qeeqaa turan.

Addunyaa irratti talaalliiwwan Ruusiyaa Ispuutiniik jedhamu, Siinoofaarmi Chaayinaarraa, AstiraaZenekaan Ingiliizirraa, akkasumas Ameerikaarraa talaalliiwwan Faayizar, Moodarnaa fi J&J kan jedhamntu fudhatama argataniiru.

Talaalliiwwan kunneen Ameerikaafi Awurooppaatti bal’inaan kennamaa jiru. Ameerikaa Kibbaafi Afriikaa akkasumas Eeshiyaa keessattis raabsamaa jiru.

Ameerikaan ji’a Adoolessa dhufu keessa lammiileen miiliyoona 70 ta’an talaallamanii bilisaan sochoo’uu eegalu jettee hojjechaa jirti.

Baayidanis duula talaalliif hojii hojjetaniin jajamaa jiru. Kun akkasitti osoo jiruu, saayintistoonni qorannoo haaraa eegalaniiru.

Namoonni marsaa jalqabaarra kan talaallamaniin addatti lammatarra osoo gosa talaallii biraa fudhatanii maal ta’u kan jedhudha.

Qorannoon kun ammallee goolabamuu baatus, namni osoo gosa talaallii lama fudhatee, miidhaan cinaa irra ga’uu malu waan sodaachisaa miti, xiqqaadha.

Namoonni talaallii walitti makanii fudhatan hordoffiin irratti taasifamee wanti irratti argame, miira qorruu, mata-bowwuu fi dhukkubbii irree qofadha.

Miidhaan cinaa kunneen kan namoota talaallii gosa tokko qofa fudhatan irraa xiqqoo haajabaatu malee, lubbuu isaaniif wanti yaaddessu hin mul’anne.

"Qorannoo kana yoo eegallu waan akkasii hin eegne ture’’ jedhan, miseensi garee talaallii Okisfoordi, Maatiiw Isneeppi

Qorannoon maqaa ‘Kaam-Koov’ jedhu itti kenname kun baatii Guraandhalaa keessa yoo eegalamu, namoonni gosoota talaallii lama fudhatan, dandeettiin ittisa isaanii ni guddata immoo faallaa isaa ta’a? kan jedhu baruu kaayyeffatee ture.

Yaadni ture, namoonni walitti makanii fudhatan dandeettiin ittisa isaanii niguddata kan jedhudha.

Biyyoonni muraasni talaallii marsaa jalqabaa itti kenname osoo fixanii marsaa lammaffaaf gosa biraa osoo argatanii maaltu uumamuu danda’a kan jedhu ture.

Qorannichi Yunivarsiitii Okisfoordiin durfamaa ture. Namoonni 830 ganna 50 ol ta’an qorannoo kanarratti hirmaataniiru.

Waxabajjii dhufu keessas bu’aan qorannoo kanaa ummataaf ifa godhama.

Firiin qorannoo kun amma kan maxxanffame barruu fayyaa beekamaa ‘Laanseet’ jedhamurratti.

Kutaaleen Kaanaadaa Ontaariyoofi Kiiwubeek mala kanatti fayyadamuuf itti yaadaa jiraachuutu himama.

Namoota yaaliin irratti geggeeffame 10 keessaa 1 irratti miidhaan cinaa xiqqaan nimul’ata. Namoonni 10 kunneen talaallii AstiraaZenekaa adda addummaa torbee afuriitiin kan fudhatanidha.

Kana jechuun gosa talaallii biraa hin fudhanne jechuudha. Miidhaan cinaa eerame kunis, ho’inni qaamaa isaanii dabaluudha.

Jalqaba AstiraaZenekaa fudhatanii torbee afur booda Faayizar kan fudhatan irratti, miidhaan cinaa mul’atu harka 34 ol-ka’aa ta’ee mul’ateera.

Mallattoolee mula’atan keessaas, dadhabbii, dhukkubbii irree fi mata-bowwuun ni argamu.

"Talaalliiwwan kunneen walitti maknee osoo narsootaaf kenninee, lakkoofsi narsoota gara hojiitti borumtaasaa dhufanii gadi bu’aa ta’uu mul’isa qorannoon kun,’’ jedhan piroofeesarichi.

Kan jechuun isaaniis, talaalliiwwan walitti makuun rakkoo fayyaa yaaddessaa fiduu baatullee, miidhaan cinaa geessisu xiqqoo ol-ka’aa ta’uudha.

Yeroodhaaf yaaliin kan taasifame AstiraaZenekaa Faayizar waliin walitti makuudhaan.

Ji’a Bitootessaa keessa lakkoofsi namoota qorannicha irratti hirmaatanii 1050’tti ol guddatee yaaliin biraa taasifameera. Namoonni kunneen ammoo talaalliiwwan Moodarnaafi Noovaaksi akka fudhatan taasifame.

Bu’aan qorannoo kanaa ammallee ganaa ifa hin taane.