Fistulaa: Mucaa durbaa ijoollummaan butamtee dhibee Fistullaaf saaxilamte

Dr Kaatriin Haamliin kan Hospitaala Fistulaa Finfinneetti hundeessaniif dubartii yaalamaa turte

Madda suuraa, Getty Images

Fistullaan rakkoo fayyaa walxaxaa, mukaa'uu (depression) fi hawaasa keessaa moggaatti fo'amuu hordofsiisudha.

Guyyaan har'aa Caamsaa 23 sadarkaa idil-addunyaatti guyyaa fistulaa ciniinsuu danqamaan (obstetric fistula) dhufu goolabuu jedhamee yaadatama.

Ogeeyyiin akka jedhanitti Itoophiyaatti Fistullaan mudatu harki caalaan ciniinsuu danqamaa da'umsaarratti mudatu walqabata.

Shamarreen ganna 17 Godina Arsii Lixaa Magaalaa Shaashammanneedhaa dubbisne waan keessa dabarte akkanaan BBCtti himti.

Shamarreen maqaanshee akka hindhahamne gaaffate tunis, da'umsarratti ciniinsuu yeroo dheeraaf irra erga tureen booda fincaan to'achuu dadhabuun manatti fo'amte akka turte dubbatte.

''Yeroon rafu, taa'uufi deemullee fincaan to'achu waan hindandeenyeef inuma yaa'a'' jetti.

Daa'imni isheen deesses jalaa du'e. Taatee sana hordofuun ammoo gara maatiishee guddisanitti deebite.

''Waggaa tokko oliifi gadi hindeemne, calliseen mana taa'aa ture'' jette.

Fooliin fincaanii akka irraa hin beekamne nafaafi uffata miiccataa manatti ugguramte turu kan dubbattu shammarreen tun, waggaa lama dura erga butamtee booda ijoollummaan ulfaa'uu yaadatti.

Yeroo butamtutti barattuu kutaa shanaffaa yoo taatu, Aanaa Shaashamanneetti otoo karaa deemtuu butamuu himti.

Akka isheen jettutti, namtichi ishee bute yeroof mana yaalaatti deddeebisee yaalchisaature. Gara boodarra garuu ''maallaqa hinqabu'' jedhee gargaarsa addaan kutuu himte.

Shamarren tunis waggaa tokko oliif fincaan to'achuu dadhabuu amma garuu Hospitaala Asallaatti wal'aansa baqaqsanii yaaluu argachuuf dabaree eegutti jiraachu himti.

Duraan akka waan mudannoon kun kan ishee qofaatti ilaalaa turte dubartiin kun ammo erga gara hospitaalicha dhaqxee booda namoota akka isheetti rakkatan biroos giddugaleessa wal'aansa sana keessatti arguu dubbatti.

Hospitaalichattis rakkinni fincaan to'achu dadhabu kunis kan sababii ciniinsuu baayyee irra turuun ishee mudate ta'u oggeeyyii fayyaatiin itti himamu dubbatti.

Wallaansa argachuu yoo fayyites gara nama ishee butetti deebi'uuf osoo hintaanee barnoota kutaa shaniitti irra butamteetti deebii'uun barachu akka barbaaddu himti.

Itoophiyaa keessatti Fistullaan eeruma umurii malee, butiifi sababoota biroon walqabatee rakkoo fayyaa haadhotii ta'uu ragaaleen ni mullisu.

Kan waggaa darbe du'aan boqotte Dr. Kaatiriin Hamiliin, bara 1974 irraa kaasuun hospitaalotaafi wiirtuleen wallaansaa Finfinnee dabalatee kutaa biyyattii gara garaatti hundeessuun dhibee fayyaafi hawaasummaa dubartootaa hamaa kanarratti hojii seenaan hin aganne hojjetaa turaniiru.

Akka gabaasni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa bara 2018 bahe jedhutti biyyoota Sahaaraa gadii, Ezhiyaa, biyyoota Arabaa, Laatiin Ameerikaafi Kaaribiyaan keessatti walumatti dubartoonni miiliyoona 2tti siiqan dhibee kanaan dararamaa jiru.

Rakkoon fayyaa kun dahumsa wajjin walqabatee kan dhufu ta'uu isaatiin dhibee dhaabuun danda'amuudha.

Akka ragaan garaa graa mullisanitti Fistullaan dhaabbata fayyaatti da'uu dhiisuun ciniinsuun yeroo dheeraaf namarra turuutiin mudata.

Osoo umuriin hin ga'iin eerumuunis akka rakkoo kanaaf sababa ta'u qorannoon dhibee kanarratti taasifaman ni mullisu.

Rakkoon fayyaa kun erga uumamees wallaansa barbaachisu argachuu dhabuun rakkoo fayyaa ta'uurra darbee kan hawwaasummaafi dinagdeellee ta'uun mullata.

Ofii Fistullaan ciniinsuu danqamaa jechuun maal jechuudha? Ogeettii ganna 30f dhimma kanarra hojjataa turauu dubbatan gaafanneerra.

Fistullaan ciniinsuu danqamaa (Obstetric fistula) maali?

Dr Ambaayee Waldamikaa'el ispeeshalistii hordoffii ulfaaf gadameessaaf akkasumas ogeettii baqaqsanii yaaluu fistulaati.

Fistullaan ciniinsuu danqamaan jechuun haatii deessoo tokkoo deeggarsa oggeessa fayyaa malee ciniinsuun qabee yeroo dheeraaf yoo irra ture miidhama mudatu akka ta'e himan.

''Da'umsaan walqabatee fincaaniifi bobbaa to'achuu dadhabuun Fistulaa ciniinsuu danqamaa jedhama.''

Dr Ambaayeen Itoophiyaa haadholiin baadiyyaa kanneen manatti da'an caalaa rakkoo kanaaf saaxilamoo akka ta'an kaasan.

Akka ispeeshalistii hordoffii ulfaaf gadameessaa kun jedhanitti, fistulaan Itoophiyaatti mudatu %90 da'umsaan kan walqabata.

Dubartiin tokko ciniinsuun erga eegalee sa'aatii 24 keessatti dahuu qabdi. Yoo hin da'iin hafte rakkootu jira jechuudha jedhu.

Haatii ciniinsifattu mana yaalaa osoo hin geeffamin guyyootaaf yoo turtuutti, mataan daa'imaa karaa fincaaniifi bobbaa gadameessa wajjin walitti waan maxxanuuf dhiigni akka hinraabsamne danqa.

Marsaan dhiigaa wayita dhaabatu qaamni naannoo sanatti argamu ni du'a jedhan.

Daa'imni wal'aansa baqaqsanii yaaluutiin illee kan bahuu yoo ta'e, qaamni deessuu miidhame sun ni urata jetti oggeettiin kun.

Miidhama kanaan walqabatuun fincaan gara afuuffee fincaanitti deemuun hafee karaa da'uumsaatiin bahuu eegalaa jedhan.

Sababa kanaan bobbaafi fincaan walmakuun kallattiin gadameessa seenuun garaa alaatti dhangala'aa jedhan. Sana booda fincaan itti fufiinsaan miilarra yaa'u jalqaba jedhan ogeettiin kun.

Mudannoo Fistullaa kanarraa fayyuun danda'amaa?

Ganna 30'f dhukkubsattoota fistulaaf saaxilaman gargaaraa akka turan kan dubbatan Dr Ambaayeen, haadhoolii fistulaan dararaman keessaa %90 ni fayyu jedhu. Gutummaatti fayyuuf garuu sadarkaa miidhama isaanitu murteessaadha.

Darbe darbe wallaansi taasifamuuf illeen dhukkubsattoonni fincaan to'achuu dadhaban ni jiraatu jedhan.

Itoophiyaatti lakkoofsi haadhoolii feestulaaf saaxilamanii ''hir'achuu'' Dr Ambaayeen ni dubbatu.

Hir'achuun mudannoo feesitullaa kanaafis ogeeyyiin dahumsaa leenji'an dabaluu, gama daandiifi walgeettii dhaabbilee fayyaatiin hanga tokko fooyya'iinis jiraachu akka gumaachaatti kaasan.

Harki caalaan haadhoolii rakkoo kanaaf saaxilamanis kanneen hinbaranneefi waa'ee fayyasaaniirrattti hubannoo gahaa hinqabne, akkasumas isaan ijoollummaan heeruman fa'i jedhan.