Buufatiiwwa doonii Asabii fi Mitsiwaa sadarkaa maaliirra jiru?

Buufata Mitsiwaa

Galaanni Diimaa kan boba’aan addunyaa harki 60 tahu irra deddeebi’u fi kaabaa hanga kibbaatti km 1000 dheerata irraa Ertraan odolawwaan xixiqqoo 300 qabdi.

Achis magaalaawwan buufataalee kanneenii Asabii fi Mitsiwaa jedhaman jiru. Buufataaleen kunneen waggootii 60 dura daldalli al-ergiifi al-galchii irra deddeebi’a ture.

Yeroo qabsoo hidhannoo Ertiraa kanneen miidhaman suphaan erga taasifamee booda bara 1991-1998tti faayidaa kennaa turan.

Waraana Ertiraa fi Itoophiyaan booda garuu Itoophiyaan buufata Jibuutii fayyadamuu jalqabde.

Sababa kanaanis buufataaleen dadhabanii turan kunneen erga MM Itoophiyaa Abiy Ahimad gara aangootti dhufaniin booda sosochii agarsiisu jedhamee abdatamee ture.

Yeroo ammaa waldaa yaabaltootaa Ertiraa keessattii miseensa kan taheef doonii daldalaa irratti kan hojjetu Kaapteen Mahaarii Habte galaana Ertiraa gama tajaajilawwangeejibaan, qurxummii, tuurizimii fi albuudaan qoodanii ilaaluun ni danda’ama jedha.

Buufataaleen doonii Asabii fi Mitsiwaa tajaajilawwan meeshaalee fe’uufi buusuu akkasumas tajaajila man-kuusaafi kaaninllee kan kennan yoo tahu meeshaan bahaniifi galan harki 94 kan Itoophiyaa akka ture Injinariin gameessi Paawuloo Antooniyoon dubbatu.

Bara 1991 hanga 1996tti miini fe’umsaa toonii miiliyoo 3.06 tahu buufaticharratti doonii 802 tahuun deddeebi’uusaa hima.

Waggoota 1994-1997 jiranitti buufataaleen kunneen dooniiwwan 1150 keessummeesaniiru, fee’umsa toonii 3.287 tahus hurgufuu himu.

Bara 1997tti qofa dooniiwwaan 2695 yoo keessummeessan meeshaaleen toonii 395 tahu akka fe’ameefi hurgufame Injinar Paawuloon dubbata.

Dandeettiin buufataalee kunneenii

• Baatsa’aan meetira 1007 kan dheeratu yoo tahu takkaatti dooniiwwan jaha dhaabuu danda’a

• Buufatni doonii kuni lafa kuusaa meeshaalee iskuweer kiloomeetirii 204,057 tahu qaba.

• Buufatni doonii Asab meetira 1025 kan diriiru yoo tahu boca ‘U’ qaba, takkaatti dooniiwwan torba dhaabuu danda’a.

• Buufatichi lafa kuusaa meeshaalee iskuweer kiloomeetira 275,320 kan qabu yoo tahu miya kuma 385 hanga 930 qabachuu danda’a.

Dandeettii buufataalee kan biyyoota ollaa biratti

Buufataaleen Ertiraa kan Jibuutii waliin yoo dorgomsiifaman sadarkaa gad-aanaarratti argamu.

Kun imaammata biyyootni lamaan kuni hordofan waliin kan wal-qabatu yoo tahu, Jibuutiin buufataalee doonii biyyoota baay’eef wiirtuu tahuunshee keesumaa bara 1998 booda tajaajila kennuu jalqabuunshee yabalaa Ertiraa kan ture Kaapteen Tasfaa Itbaarah dubbata.

Buufatni Sudaan Maariitaayim Siilk Rood jedhamuun kan beekamuufi piroojektii Chaayinaa tahe erga tajaajila kennu jalqabee guddataa jira.

Buufataaleen doonii Ertiraa UAE waraana Yaman waliin taasiftuuf itti fayyadamtus jijjiiramni homaa irratti hin taasifamiin hafuun sochii galaannarraa kan hordofu Ahimad Abduun dubbata

Pireezidant Isaayyaas Afwarqiin sab-himaalee biyyttiif af-gaaffii tibba-tokko kennaniin ‘’warqee galaanaa kan jedhamtu Baatsa’aan garuu jirti? Amma homaayyuu fayyadaaa hin jirtu,’’ jechuun buufatni kuni dadhabuu dubbataniiru.

Yeroo ammaa Siwiidiinitti doonii irratti kan hojjetaa jiru Biiniyaam Taaddasa, ’’uummanni Ertiraa fi Itoophiyaa sababa waraanaan maallaqa galaanarraa buufachuu malan biiliyoonaan lakkaa’amu kaasaaraniiru,’’ jedha.

Akka Biiniyaam jedhutti, ’’galaanni Ertiraa geejibaaf qofa otoo hin taane qurxummii gosa adda addaa, albuuda gatiu-jabeessafi ashaboo sharafa alaa argamsiisuu danda’u qaba,’’ jedha.

Ertiraan doonii meeqa qabdi?

Qorannoo bara 2002tti taasifameen Ertiraatti dooniiwwan saddeet tahan galmaa’aniiru.

Dooniiwwan kunneen Yohaanaa, Bayiluul, Salaam, Anjaloos, Dandan, Meerabgaashfi Saliinaa maqaa jedhu qabu

Dooniiwwan kunneen walumaaggalatti toonii GRT 31245 akka ulfaatan yaabaltoonni Ertiraa dubbatu.

Esiroom, doonii fe’umsaa guddoo yoo taatu toonii GRT 12333 ulfaatti, Kubbaanniyyaan DMT jedhamu abbaa qabeenyaa doonii kanaati.

Marabgaash doonii boba’aa gaazii dhaan hojjettu yoo tahu kubbaaniyaa Kaaren Shipping tu bulcha.

Saliinaan doonii fe’umsaa dhuunfaa yoo taatu Zaaf Shippiing Laayiniitu bulcha.

Haa tahu malee jedha Biiniyaam ‘’yeroo ammaa dooniiwwan kunneen hundi tajaajila dhaabanii hojjettoonni isaaniis baqannaarraa jiru,’’

Kana dura Hoolaand,Tarkii fi Hindii deemanii yaabaltoonni leenjia’an, ’’walabummaan boodas Taanzaaniyaafi Dubaay dabalatee iddoo garaagaraa deemanii leenjia’anii turan,’’ jechuun yaadata.

Tahus kuni itti fufinsa dhabuu kan dubbatu Kaapiteen Tasfaay,’’ yeroo ammaa yaabaltoonni Ertiraa humna gadi-aanaarra jiru,‘’ jedha.

Waldaan Yabaltoota Ertiraa bara 1975 Baatsa’aatti hundeeffamee tures sababa garaagraan itti fufuu waan hin dandeenyeef 2015tti waldaan biraa dhaabbatee amma miseensa 1500 qaba.