TPLF aanaalee Affaar sadii qabachuufi namoonni 54,000 qe'eerraa buqqa'uu qondaalli naannoo Affaar himan

  • Vivienne Nunis
  • Gaazexeessituu BBC News, Africa
Nama qamadi korojoo keessaa naqu Humaraa Adooleessaa 11, 2021

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa,

Tigraay keessaa deeggarsa nyaataa taasisuuf sodaatu jira

Waraanni baatiiwwan saddeetiin naannoo Tigraay to'achuuf gaggeeffameen torban muraasa keessa ammoo gara naannoo ollaa kan taate Afaariitti darbeera.

Naannichattis yoo xinnaate namoonni 20 ajjeefamuun kanneen 54,000 ta'an ammoo bakka jireenyaa isaaniirra buqqa'usaanii gabaasaaleen kan mul'isan yoo ta'u, rakkoon namoomaa ni dabala sodaan jedhus guddataa jira.

Jiraattoonni Affaar keessaa BBCtti akka himaniitti finciltoonni TPLF namoota nagaa ajjeessaniiru.

Haata'u malee himannaan kun addatti madda walabaarraa hin mirkanoofne.

Akkasumas guyyoota muraasa darban keessa Affaariitti haleellaan qilleensaa hedduun bakkeewwan TPLFn qabaman irratti gaggeeffamuu BBCn gabaasa argateera.

Humnootiin TPLF Affaar kan Tigraay daangeessu keessatti humna ittisa biyyaafi humnootii naannoolee waliin wal waraanaa jira. Dubbi himaan Naannoo Affaar akka jedhanitti, finciltoonni Tigraay Affaar keessatti aanaalee sadi to'ataniiru.

Rogeeyyiin Affaar keessaas rakkoon nyaataa, bishaaniif bakki dahannoo yeroo balaa tasaa cimaatu jira jedhu.

TPLF kan duraan naannoo Tigraay bulchaa ture Sadaasa bara darbe ture kan humnootii federaalaatiin aangorraa ari'ame.

Dhaabni kun mootummaa Itoophiyaatiin akka dhaaba shororkeessaatti kan farrajame yoo ta'u, finciltoonni kunneen ammas nutu mootummaa Tigraay seera qabeessa jechaa jiru.

Waa'ee waraanichaa maal beekna?

Maddeen Affaar keessaa hedduun loltoonni TPLF aanaalee Yaaloo fi Awraa jedhamaniitti namoota nagaa ajjeesuu, saamichi raawwatamuufi manneen jireenyaatti ibidda itti qabsiisuu BBCtti himan.

Jiraataan aanaa Yaaloo irraa guyyoota lamaan dura baqatee tokko akka jedhetti, namoonni muraasni osoo sirna awwaalchaa hirmaataa jiranuu ajjeefaman jedhe.

Viidiyoo miidiyaa hawaasaa irra deemuufi nama Afaan Amaaraa dubbatuun hiikamees, ''bakka awwalcha namoota 20 ta'anii qotaa turre. Namoota nagaa ta'uu keenya mul'isuuf uffata kiyya ol qabee itti agarsiiseen ture. Garuu isaan keessaa tokko nutti dhukaase,'' jedha.

Himannaan kun garuu hin mirkanoofne.

Dubbi himaan finciltootaa TPLF ammoo aanga'oota Itoophiyaa waliin malee ummata Afaar waliin wal dhabdee akka hinqabnee ilalchisuun toora tiwitara isaarratti barreesseera.

Affaar maaliif finciltoonni irratti xiyyeeffatan?

Walitti bu'insi TPLF fi humnoota federaalaatti daangaa naannoolee ce'uun Affaaritti gaggeeffame kun kan jalqabaa miti. Naannoo Amaaraa kan lafti isaa Tigraayiin jalaa qabamuu himatu waliinis wal waraansi gaggeeffamaa jira.

Haata'u malee nagaa dhabuun naannoo Affaar hordoftoota dhimma Itoophiyaa hedduun yaaddeessaa ta'utu himama, sababii walitti bu'insiichi wal dhabdee naannoo irraa gara biyyaatti ce'uu mala jedhuun yaadda'u.

''Kun baayyee cimaadha,'' jedha xiinxalaan dhimma nageenya Gaanfa Afriikaa Raashid Abdii, Naayiroobirraa.

''Affaar daandiiwwan qaxxaamuraa murteessoo ta'an hedduu qabdi. Inni tokko kan Tigraay kutaalee biyyattii biraatiin wal qunnamsiisu. Kan biraa ammoo daandii Itoophiyaafi Jabuutii walitti hidhuudha.''

Itoophiyaan biyya karra galaanaa mataashee hinqabne yoo taatu, harki 95 meeshaaleen kan daddabarfaman karaa sanaan jedha. ''Kanaafu TPLF kana to'annaan biyyattiif dhiibbaa olaanaa qabaachuu danda'a.''

'International Crisis Group'tti xiinxalaan Itoophiyaa Wiiliyam Deevisan gama isaatiin, tarii haleellaan TPLF Affaar keessatti raawwate kana duuba tarsiimoo daldala jeequu ta'uu akka malu waligala.

''Kaayyoo guddaan lafa dhiheenya qabatan cimsachuufi humnootii federaalaafi naannoolee motummaan federalaa Affaar keessatti haleellaa haaraa Tigraay keessatti fudhachuuf walitti qabeen loluuf. Akkasumas daandii gara Jabuutii geessu adda kutuu ta'uu mala ykn ammoo akka dandeettii qaban agarsiifachuuf ta'uu danda'a,'' jedhan.

"Sababii biraa ta'uu malu ammoo humnootiin Tigraay ulaa gama naannooleen deeggarsa namoomaa argatan fooyyeeffachuuf kan yaadame ta'uu danda'a.''

Haalli namoomaa hangam cimaadha?

Deeggarsi atattamaa kan barbaachisu ta'ulleen, baatiiwwan muraasa darban keessa gargaarsa Tigraayiitti geessuun baayyee rakkisaa ta'ee tureera.

Guyyaa Kamisaa, dhaabbanni idil-addunyaa beela irratti sadarkaa baasu - Integrated Phase Classification (IPC) jedhamuun beekamu, Tigraayi keessatti namoonni 400,000 ta'an beelli hamaan mudateera jedhe.

Akkasumas Tigraay guutuu, Amaaraafi Affaar keessatti namoonni miliyoona afur ta'an deeggarsa atattamaa hanga tokko ni barbaadu jedha.

Dhaabbanni Sagantaa Nyaataa Addunyaa (WFP), konkolaattonni midhaan deeggarsaa fe'anii gara Tigraay imalaa turan Affaariitti guyyaa Dilbataa erga haleelamanii booda deeggarsa dhiyeessuu adda kuteera.

Konkolaattonni kunneenis magaalaa guddoo Affaar, Samaraa irraa fageenya km120 ture haleellaan kan irratti raawwatame.

WFPn konkolaataawwan 200 ol kan nyaataafi meeshaalee deeggarsa namoomaa bu'uuraa biraa qabatan yeroo ammaa magaalaa keessatti danqamuu himuun, garuu hanga nageenyi mirkaneeffamuutti gara Tigraayiitti hin ilmalan jedheera.

Konkolaataawwan kanneen irratti eenyu haleellaa kana akka raawwate kan hin baramne yoo ta'u, tarii milishoota deggartoota mootummaa naannichaa ta'uu akka malan akka yaadan Maat Bireden dhaaba Sahan Research irraa ni dubbatu

Gama biraatiin ammoo jechi MM Itoophiyaa Abiy Ahimad TPLF ilaalchisuun dubbatan ijoo dubbii ta'ee ture. Sanbattan irra ibsa kennaniin, TPLF ''kaansariin'' fakkeessanii turan.

Kamisa ammoo namoonni hedduun magaalaa Finfinneetti bahuun deeggarsa raayyaa ittisa biyyaaf qaban wayita ibsataniitti, muraasni isaanii jecha MM itti fayyadaman akka dhaadannootti baatanii mul'ataniiru.

"Yoo battalatti jijjiiramni umamu jiraaten alatti, Itoophiyaan kufaatiitti deemuu malti,'' jedhan Mr Bireedan.

''Waggoota shaniin dura raayyaan ittisa biyyaa Itoophiyaa biyyoota naannichatti argaman gidduutti isa cimaa ture. Ammoo haala Tigraay keessaa to'achuu dadhabuun isaa hangam haalichi jijjiiramaa jiraachuu mul'isa.''

Mootummaan Itoophiyaa gam tokkeen dhukaasa dhaabuu labsus hidhattootni TPLF waraana itti fufuun lafa naannoo Amaaraa waliin wal daangessanii fi naannoleen lameen kiyya jechuun irratti wal dhaban deebifachuuf waraana bane.

Naannoleen akka Oromiyaa, Somaalee, Sidaamaa fi kaanis poolisii humna addaa isaanii Raayyaa Ittisa Biyyaa akka gargaaraniif garasitti erganiiru.

Waraanni TPLF fi mootummaa federaalaa waliin godhamaa jiru kun ji'oota saddetii ol lakkoofsisus ammayyuu furmaata waaraa hin arganne. Sirriyyuu gara naannoolee birootti babal'ataa dhufe.