'Hidhamtoonni eessa akka jiran waanan hin beekneef haala qabiinsa mirga namoomaasaanii hordofu akka hin dandeenye' - GMNI

Atsixaa Mana Maree Mirga Namoomaa Itoophiya

Madda suuraa, Ethiopian Human Rights Council

Gumiin Mirga Namoomaa Itoophiyaa (GMNI) gaazexessitoonni, roggeeyyoonnii fi namoonni dhuunfaa hidhamanii eessa akka jiran waan hin beekneef haala qabiinsa mirga namoomaa saanii horduf akka hindandeenye beeksiise.

''Maatiiwwan namoonni jalaa hidhaman eessa akka jiraniifi gaafachuu akka hin dandeenye odeeffannoo arganneera,'' kan jedhu dhaabbatichi, dhimmicharratti motummaan tarkaanfii furmaataa akka fudhatuuf akeekachiisuu himeera.

Haala hidhamtootaa irratti yaaddoo isaa kan beeksiise GMNIn, sarbama mirga namoomaa biyyattiitti bakkeewwan adda addaatti furmaata hatatamaa barbaadu jedheen tarreessuun har'a ibsa baaseera.

Sababii namoonni hidhaman eessa akka jiran hin barreeffuu haala mirga namoomaa hidhamtootaa hordofuuf gufuu akka itti ta'e beeksiise.

Waa'een namoota haala qabiinsa mirga namoomaa isanii hodofuu hindandeenyee hunneenis ''dhaabbaticha baayyee yaaddeessa,'' jedheera.

Akkasumas namoomni to'ataman, osoo hinqabamiin duras ta'e booda, mirgi heera mootummaa saanii akka kabajamu gaafateera.

Hidhaa dabalatee tarkaanfiiwwan motummaan fudhataman hundi kan sababii gahaan deeggaraman, kan adeemsa seeraa kabajaniifi kan mirga namoomaa hin sarbine akka ta'aniif motummaa gaafateera.

Qondaaltoonni mormituu yeroo garaa garaatti to'annoo jala oolfaman, gaazexessitoonni akkasumas namoonni dhuunfaa tokko tokko eessa akka jiran akka hin beekamne ibsamaa ture. Haala kana mormuunis abbookaatoonni saanii, mormitoonni mirgaa fi maatiiwwan komii dhageessisaa turaniiru.

DHiheenya kanas gaazexessitoonniifi hojjattoonni midiyaa Itiyoo-Foramii fi Awuloo Miidiyaa erga to'annoo jala oolfamanii torbanoonni lakkaa'aman illeen mana murtiitti akka hindhiyaatiin gabaasuun keenya ni yaadatama.

Eegumsa mirga namoomaa hidhamtootaan alattis walitti bu'insa saba bu'ureeffachuun biyyattii bakkeewwan garaa garaatti umamaniifi buqqa'iinsi jiraattootaa isa yaaddeessuu dhaabbatichi ibseera.

"Kanneen daa'imman isaanii waliin hidhamuun dhibeef saaxilaman jiru''

Gama biraatiin naannoo Oromiyaatti ''Shanee waliin hidhata qabdu, ijoolleen keessan Shaneeti makaman'' jedhamuun osoo mana murtiitti hin dhiyeeffamiin kutaa namoonni itti baayyatu keessatti akka hidhamaniifi dhibeef saaxilamaa akka jiran ibsi dhaabbatichaa ibseera.

''Haadhooliin daa'ima waliin hidhamuun dhukkubaaf saaxilamuu fi wal'aansa fayyaa argachuuf rakkatan jiru. Namoonni bakka itti hidhamanii fudhatamanii eessa buuteensaanii hin beekamnees jiru,'' jechuun ibsan dhaabbatichi.

Keessattuu Aanaa Gutoo Giddaa buufata poolisii Ukkee fi Aanaa Diggaa buufata poolisii Arjoo Guddattuutti rakkoon akkasii kun bal'inaan akka mul'atan ibsichi himeera

Akkasumas qaamolee nageenyaa motummaa fi hidhattoota seeraan alaatiin ajjeechaafi bakkaa balleeffamuun raawwatamaa jira jedheera.

Kana malees Naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Mattakkal, Aanaa Bulaniifi Dibaaxeetti rakkoon nageenyaa olaanaan akka jiruufi hidhattoonni seeraan alaa haleellaa akka raawwatan himeera.

Gama biraatinis Godina Gondar Kibbaa, Magaalaa Warrataa, Aanaa Fogaraatti dhalattoonni Tigree sadii jiraattoota naannichaatiin reebamuun ajjeeffamusaaniis dabaluun kaaseera.

Mudama naannoolee garaa garaatti argamu ilaalchisees sababii nageenyaatiin, mirgi lubbuun jiraachu namootaa, socha'uufi qabeenyaa uummachuu akka hin sarbamneef motummaan tarkaanfii barbaachisu akka fudhatuuf waamicha taasiseera.

Miidhaa fi buqqa'iinsa

Naannoo Oromiyaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, aanaa Jaarteetti jiraattoonni saba tokkoo hidhattootaan jiraachu hin dandeessan jedhamuun bakka jireenyaa isaanii buqaafamu dhaabbatichi ibsa isaa kanaan kaaseera.

Gandoota aanichaa jaha keessaas jiraattoonni naannichaa akka bahaniif dhiibbaan irra gahaa jiraachuu odeeffannoon na qaqabeera jedha.

''Torban darbe keessa ganda Sanboo Caffee jedhamuutti hedduun hidhattoota shaneetiin ajjeefamuun, kaan gara naannoo Amaaraatti baqachuuf yoo jedhan dhorkamuun rakkoorratti akka argaman ragaalee mul'isan dhaabbatichaaf dhiyaachu,'' ibsichi hime.

Kana malees namoonni hedduun naannichaa bahuu hin dandeessan jedhamuun yaaddoo nageenyaa keessatti argamus jedha.