Itoophiyatti wal’aansi baqaqsanii yaaluu onnee inni jalqabaa akkamiin raawwate?

Wayita yaaliin baqaqsanii wal'aanuu raawwatu

Madda suuraa, DR. FEKADE

Ibsa waa'ee suuraa,

Wayita yaaliin baqaqsanii wal'aanuu raawwatu

Yaaliin baqaqsanii wal’aanuu kan of eeggannoo olaanaa gaafatu yoo tahu, dhibeen dabalataa jira taanaan immoo inumaayyuu wal-xaxaa waan tahuuf ogeessota muuxannoo guddaa qabaniifi biyyoota teeknolojii gahaa qaban keessatti akka geggeefamu gorsama.

Wiixata 18/2013 ALI wal’aansi baqaqsanii yaaluu ‘’Itoophiyaa keessatti kana dura tahee hin beeku,’’ jedhame taasifameera.

Yeroo tokkotti namni ganna 55 wal’aansi baqaqsanii yaaluu gosa lama wiirtuu yaalii onnee Elooziyaar jedhamu, Finfinneetti taasifameefira.

Yaaliiwwan taasifaman lama keessaa inni tokko ujummoon dhiigaa onnee yoo cufamu, ujummoo kutaa qaamaa biraa fidanii isa cufame bakka buusuudhaan kan hojjetamedha.

Inni lammataa immoo, ulaan kutaa onnee bitaa guutummaa guutuutti cufamee dhiigni kutaa onnee mirgaa irraa gara kutaa onnee Awoortaa jedhamutti deemuuf yoo rakkatudha. Kunis wal’aansa ulaa onnee jedhama.

Hakiimota wal’aansa milkaa’aa kana geggeessan keessa tokko kan tahaniifi Wiirtii Wal’aansa Onnee Itoophiyaa keessa kan hojjetan Dr. Faqqada Agwaar BBCtti akka himanitti, ‘’namni kun yaaliiwwan lameen kunneen argateera, milkaa’ina guddaadhas. Wal’aansi kun ogeessota biyya keessaan yoo hojjetamu kun kan jalqabaati,’’ jedhan.

Wal’aansa sa’atii jaha fudhate kana kan hogganan Dr. Faqqadan al tokkotti wal’aansa lama geggeessuun yaalii idileen taasifamurraa addadha jedhan.

Adeemsa wal’aansa kanaatiin maashiniin onnee fi somba bakka bu’ee hojjetu tajaajilasaa xumuree gara adeemsa uumamaatti yoo geeddaramu akkam taha? Gaaffiin jedhu dhimma yaaddessaa yoo tahu ogeessonni yaalii kanarratti hirmaatan hundi of-eeggannoo fi hordoffii taasisanniiru jedhan.

Wal’aansi wal-xaxaa tahe kun balaa kan dhaqqabsiisu yoo tahuf, ogeessonni jijjiirama mul’atu hunda dhiyeenyatti hordofaa turan jedhan.

‘’Wallaansa baqaqsanii wallaanuu keessaa yeroo baanu gadda fuunee bahuu dandeenya ture. Onneen deebitee ka’uu dhiisuu dandeessi.

''Sa’atii 24 keessatti balaan kamiyyuu mudachuu danda’a. Kana hundaa osoo beeknuti kan hojjenne. Tahus waan yaaddofne keessaa tokkollee hin mudanne,’’ jedhu.

Yeroo jalqabu wal’aansichi gara sa’atii torbaa fudhachuu mala jechuun tilmaamanii kaanan illeen garuu sa’atii jaha keessatti xumuramuunsaa milkaa’ina jedhu. Wal’aansichi yeroo adeemsifamaa turettis rakkoon tokkollee akka isaan hin mudanne dabaluun himu oggeessi kun.

‘’Rakkoon homaatu hin uumamne, sagalee keenya ol-kaasnee yeroon itti haasofnellee hin turre. Of tasgabbeessinee muuziiqaa dhagahaati hojjenne,’’ jedhan Dr Faqqadan.

Itoophiyaatti wal’aansa baqaqsanii yaaluu onnee erga kennamuu jalqabee waggoota muraasa ta'eera. Hakiimota biyya alaatu yeroo gabaabaaf dhufee wal’aansa kana kennee deema ture.

Wal’aansa onnee waggaa afran darbaniif taasifaman keessaa kan akka isa ammaa hinjiru.

Madda suuraa, DR. FEKADE

Ibsa waa'ee suuraa,

Ogeeyyii fayyaa wal'aansa kanarratti hirmaatan

Haa tahu malee Dr Faqqadan yaaliiwwan lamaan yeroo garaagaraatti kennamuu isaanii ni yaadatu. Takkatti yaalii akkanaa lama taasisuuf muuxannoon akka hin turreefi rakkisaa waan taheef osoo hin kennamiin turuusaa himu.

Kanaaf rakkoo wal-xaxaa akkasii namoonni qaban filannoo gatii hin qabneef biyya alaa demanii yaalamu ture. Kanaanis hanga doolaara 50,000 baasuu danda’u jedhan.

Dr Faqqadan, ‘’kun milkaa’inaan waan xumurameef yaalii biraaf karaa ni bana,’’ jechuun, namoonni wal’aansa kana argachuuf gara biyya alaa deemuun irraa hin eegamu jedhan.

Hakimichi akkaataan jireenyaa geeddaramuun wal-qabatee dhukkuboota daddarboo hin taane keessaa dhukkubni onnee babal’achaa jiraachuu dubbata.

Dhukkubsataafi maatii isaanii

Dhukkubsataan yeroo yaalamuuf deeman dhibeen isaanii tokko qofa akka tahetti ture kan isaan yaadan. Haa tahu malee hakiimonni qorannoo dabalataa yoo taasisan rakkoo dabalataa akka qaban hubatan.

Haala jiru kan hubatan maatiin dhukkubsataa kanaa, ‘’dhugaa jiru fudhataniit nu amananii nutti kennan,’’ jedhu Dr Faqqadan.

Dhukkubsataan oppiraasiyoonii erga xumuranii sa’aatii afur booda dammaqan.

‘’Qaamni isaanii guutummaan guutuutti akka hojjetu erga barreen booda maashinii isaan gargaaru irraa buqqisne. Sa’atii 24 ittaanutti immoo ujummoowwan qaama isaaniitti galchine mara baasuudhaan sireerraa akka ka’an taasifame,’’ jedhan

Kanaanis maatiin isaanii gammadoo akka turan, waliinis kolfaa taphachaa akka turan himu. Wal’aansa kanarrattis walummagalatti ogeessonni fayyaa 10 tahan irratti hirmaataniiru jedhan.

Akka ogeessonni jedhanitti lapheen banamee wal’aansi baqaqsanii yaaluu erga raawwateen booda lafeen hanga wal-qabatutti torbee 12 fudhata.

Dhukkubsataan guyyaa torba keessatti hospitaalaa akka bahaniifi ji’a sadii keessatti immoo gara jiruu isaanii guyyuutti deebi’uu danda’u taha jedhan.

‘’Dhukuubsataan kun qoricha hojii onnee isaanii gargaaru isaan hin barbaachisu. Jijjiiramaafi bu’aa argameenis waan gammanneef waliin suuraa kaaneerra,‘’ jedhan Dr Faqqadan.