Waraana Tigraay: Pirezidantiin Faransaay Imaanu'el Maakroon lolli mariin akka xumura argatu gaafatan

Ministera Muummee Dr. Abiy Ahimadiifi Pirezedaant Imaanu'eel Maakroon

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Ministera Muummee Dr. Abiy Ahimadiifi Pirezedaant Imaanu'eel Maakroon

Pirezidantiin Faransaay Imaanu'el Maakroon waraanni Kaaba Itoophiyaatti adeemsifamaa jiru mariin akka xumura argatu gaafachuu isaanii Rooyitars gabaaseera.

Akka ibsi masaraa Faransaay ibsutti bulchaan Faransaay kan kana jedhan marii bilbilaan Ministira Muummee Abiy Ahimad waliin gaafa Sambataa taasisaniini.

Dabalataan, qaamoleen lola keessa jiran hunduu gara waliigaltee dhukaasa dhaabuutti akka dhufan Pirezidant Maakroon waamicha dhiheessuun isaanii gabaafameera.

Torbanuma kana ture Ameerikaanis qaamoleen waraana Kaaba Itoophiyaa keessaa harka qaban haal-duree tokko malee, hatattamaan waliigaltee dhukaasa dhaabuurra akka gahaan kan himte.

Dubbiin biyyoota addunyaa kuni kan dhagahame torban kana mootummaan Itoophiyaa hawaasni idil - addunyaa 'yakkawwan' TPLF itti-fufee raawwachaa jiru osoo arguu callisuun naaf gaaffiidha jechuun ibsee booda.

Mootummaan Itoophiyaa loltoota federaalaa Tigraay keessaa baasuun ture dhukaasa dhaabuu gam - tokkee kan labse.

Haa ta'u malee, TPLF kana hin fudhanne. Inumaa gama Amaaraafi Afaar lola banani. Dhukaasa dhaabuuf haalduree kaa'aniiru. Torban kanammoo haalduree kana dura baasan foyyeessuu isaanii ibsan.

Mootummaan Itoophiyaa immoo haal duree TPLF dhiheessees akka hin fudhanne kana dura ibsee ture.

Maakroon maal jedhan?

Pirezidant Maakroon danqaa malee deeggarsi namoomaa akka Tigraay seenu gaafataniiru jechuun Rooyitars gabaaseera.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti dhaabbanni gargaarsa daa'immanii UNICEF ibsa baasen daa'imman deeggarsa barbaadan dabaluu himeera.

Sababa rakkoo nageenyaa gama Afaariin uumameen konkolaattonni deeggarsa namoomaa gara Tigraay geessan danqamanii turanimmoo Afaar gahuun isaanii ibsameera.

Sagantaan nyaataa Addunyaa (WFP) konkolaattonni deeggarsa namoomaa barbaachisaa baatan Maqalee gahuu isaanii ripportarri BBC Finfinneerraa gabaaseera.

Deeggarsi kuni ummata naannichaa sababa lolichaafi isa dura tureen deeggarsaaf saaxilamaniifi deeggarsi barbaachisuuf ni kennama jedhameera.

Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP) kuusaan nyaataa dhaabbatichi Tigraay keessaa qabu Jimaata dheengaddaa dhumata jedhee ture.

Hooggantuun dhaabbata gargaarsa Ameerikaa, USAID, yeroo ammaa Sudaan daawwataa jiranimmoo Samaantaa Paawor gara Itoophiyaa imalu jedhameera.

Saamaantaan deeggarsi gahaan naannoo Tigraay akka dhaqqabu dhiibbaa uumuuf gara Itoophiyaa akka imalan dhaabbatichi beeksiseera.

Humnoonni Tigraay erga waraanni federaalaa dhukaasa dhaabuu labsee booda ture gama Amaaraafi Afaar ce'uun lola kan banan.

Kanaanis, gama Affaar qofa lola humnoonni TPLF bananiin ummanni 70,000 ol buqqa'u naannichi beeksiseera.

Madda suuraa, Getty Images

Mootummaan Itoophiyaa osoo Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay (TPLF) 'yakkawwan' gara garaa itti-fufee raawwachaa jiruu argee callisuu filachuun hawaasa addunyaa gaaffii natti ta'aa jira jechuun komateera.

Mootummoota Gamtoomaniitti Hogganaan Dhimmoota namoomaa fi Qindeessaa Deeggarsa Yeroo Balaa reefu muudaman, Maartiin Giriifiitis yeroo ammaa Itoophiyaa daawwataa akka jiran ni beekama.

Unicef maal jedhe?

Ibsa dhaabbatichi gaafa Jimaataa baasen lakkoofsi daa'imman sababa hanqina nyaata madaalamaan talaalliin isaan barbaachisu ''dachaa kudhaniin dabale'' jedhaniiru dubbii himtuun dhaabbatichaa Marixie Mercado.

''UNICEF ji'oota 12 itti - aananitti daa'imman 100,000 ol hanqina nyaata madaalamaa lubbuuf yaaddessuuf saaxilamuu danda'u jechuun tilmaameera,'' jedheera.

Bakkeewwan kana dura Tigraay keessa sababa rakkoo nageenyaan hin dhaqqabamne bira gahu dhaabbatichi ibseera.

Daa'immanniin ala ragaa walitti qabameen ''dubartoonni 47% ulfa ta'aniifi hoosisan hanqina nyaata madaalamaaf saaxilamaniiru'' jedheera.

Dabalataan, dubbii himtuun dhaabbatichaa akka ibsanitti lolli naannoo Afaar fi Amaaraatti eegaluun haala Kaaba Itoophiyaa jiru hammeessuu himan.

Akka isaan ibsanitti durumaa Afaariifi Amaaraatti ummanni miiliyoona 1.5 ta'u balaa hanqina nyaataaf haala saaxilamu malu keessa jira.

Kuufamni nyaataa saamamuu kan hime dhaabbatichi nyaata gara Afaariifi Amaaraa ergaa akka jiru ibseera.

Baatii Sadaasa 2020 ture humnoonni TPLF buufata waraanaa Itoophiyaa Maqalee jiru irratti erga haleellaa raawwatan booda lolli motummaa federaalaafii humnootii TPLF jidduutti kan ka'e.

Lola kanaan lammiileen kumaan lakkaa'aman yoo lubbuu dhaban, miiliyoona tokko ol kan ta'an immoo qe'eefi qabeenyarraa buqqa'aniiru.

Lolichi Tigraay irra darbee Afaariifi Amaaraatti ce'uun lammiileen dabalataa kuma hedduun lakkaa'aman akka buqqa'an taasiseera.