Sudaan ambaasaddarashee Itoophiyaarraa gara biyyaatti waamuun dhaga'ame

Namoota laga qaxxaamuraa turan

Madda suuraa, Reuters

Sudaan ambaasaddara biyyashee kan Itoophiyaadhaa gara biyyaatti waamuushee maddi oduu Rooyitars gabaase.

Waamichi ambaasaddaraa Hagayya 8, 2021 akka ta'e himame kanaaf sababiin yaada mariii haraaraa Sudaan waraana naannoo Tigraayiitti gaggeeffamaa jiru irratti dhiyeessite erga aanga'oota Itoophiyaatiin fudhatama dhabeen booda jedhameera.

Haalli Itoophiyaan Sudaan irratti amantaa qabaachuu dandeessisu umamu malee Sudaaniin akka jaarsa marii amanamtuutti fudhachuun kan rakkisu ta'u Sekreetaariin Pireesii Waajjira Ministira Muummee Itoophiyaa Bileen Siyyum dhiyeenya kana dubbachuun ni yaadatama.

''Gutummaatti yaalii ishee kuffisuurra...Itoophiyaan waan Sudaan gochuu dandeessu yoo yaadde ejjannoo ishee ni fooyyeessiti,'' jechuun ibsa baasee Minisitirri Dhimma Alaa Suudaan.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antonii Biliinkan gama isaanitiin lola kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamu gara naannoolee Amaarafi Affaariitti babalachuufi haalli namoommaa Tigraay keessaa badaa dhufuu ilaalchisuun yaaddoo qaban kaasanii Ministira Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook waliin mari'achunsaanii ni yaadatama.

Waajjirri Dhimma Alaa Ameerikaa ibsa guyyaa Roobii baaseen, aanga'oonni lamaan, akkasumas waa'ee gabaasaalee loltoonni Ertiraa ammas Tigraay seenaniiru jedhaniifi dhiibbaa tasgabbii naannichaa irratti qabaatu ilaalchisunis mari'achuu himee ture.

Waraana naannoo Tigraayiitti uumameen walqabatee Sudaan baqattoota kuma 53 ol ta'an simmachuun ni yaadatama.

Yaandi haraarsuu Ministirri MM Sudaan Abdallaa Amdookis kunis haaluma dambii (firemwoorkii) pirezidaantummaa isaa IGAD, kan biyyoonni akka Keeniyaa, Itoophiyaa, Jabduutii, Sudaan, Yugaandaafi SOmaaleen keessatti argamanitiin ta'uu ibsichi kaaseera.

Dhimma waamicha Ambaasadara Sudaan kana ilaalchisuun Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaas ta'e dubbi himtoonni Minisitira Muummee gaaffii Rooyitarsiin dhiyaateef deebii hin kennine.

Haata'u malee, Kamisaa gaazexessitootaaf ibsa kannennii kan turan Billeen Sayuum, ''Sudaaniin akka jaarsaaatti fudhachuun dura haala wal amanuu irratti gadi fageenyaan itti deemamuu qaba jenneeti ammanna,'' jechunsaanii ni yaadatama.

Keessattuu loltoonni Sudaan daangaa Itoophiyaa keessa galuun walqabatee, walitti dhufeenyi Itoophiyaafi Sudaan jidduu ture rakkoo uumachuufi amantaan aanga'oota olaanoo jiddu jirus hir'ataa dhufuu Billaneenii himaniiru.

Sudaaniifi Itoophiyaa lafa gabbataa qonnaaf mijataa ta'eefi kan daangaa Alfaashiqaatti argamurratti kan kootii jechuun walgaarreeffannaa keessa erga galanii baatiiwwan lakkoofsiiseera.

Sudaan tibba waraanni Tigraayiitti eegaleetti raayyaan Itoophiyaa naannicha gadhiisee bahuu hordofee bakkicha to'achuunshee ni yaadatama.

Biyyoonni lamaanuu waldhabdee daangaa kanaaf gara waraanaatti seenuu akka hin barbaadne ibsanilleen, loltoonni biyyoota lamaanii yeroo garaa garaatti walitti akka bu'an ni dhagahama.

Sudaan haala waliigalte Angilo-Itoophiyaa bara 1902tti taasifameetiin kaarataarratti Alfaashiqaan kan ishee ta'uu sirriitti mul'isa jechuun ibsiti.

Akkasumas, daangaalee biyyoota lamaanii kiloometiroota baayyee dheeratu haalaan waan hin sararamneef, bara 1980ta irra qabee milishoonni Itoophiyaa daangaa qaxxaamuruun gara biyyattii akka seenan himatti.

Waldhabdeen daangaa biyyoota lamaan jidduu jiru kunis wayita Sudaan, Ioophiyaafi Masriin dhimma Hidha Guddicha Haroomsaa Itoophiyaa ijaaraa jiruun wal qabate umamee hiikuuf yaaliin taasisaa jiraniitti.