Daa'imni gaaf dhalattu 'hamma aappilii geessu' baatilee 13 booda hospitaalaa baate

Baatilee 13 booda Kuweek Yuu Zhuwaan hospitaalaa wayita baatu

Madda suuraa, NUH, Singapore

Ibsa waa'ee suuraa,

Baatilee 13 booda Kuweek Yuu Zhuwaan hospitaalaa wayita baatu

Daa'imni wayita dhalattu addunyaarraa ishee xiqqoodha jedhamte wal'aansa baatilee 13 booda hospitaalaa baateetti.

Singaappooritti kan dhalatte Kuweek Yuu Shuwaan bara darbe gaaf dhalattu giraama 212 - hamma aappilii tokkoo - qofa ulfaatti ture. Dheerinni ishee ammoo seentiimeetira 24 ture.

Daa'imni tokko jiddugaleessaa torbee 40tti kan dhalatu yoo ta'u, isheen torbee 25tti dhalatte.

Daa'imni xiqqoon kan amma dura rikoordii qabattee turte gaafa dhalattu giraama 245 kan ulfaattu yoo taatu Ameerikaa Ayoowaatti dhalatte.

Haati Yuu Shuwaan wayita ulfa baatii jahaa fi torbee tokko turte dhiibbaa dhiigaa olaanaa kan ishees daa'imashees du'aaf saaxiluu malu waan dhukkubsatteef oppireeshiniin deesse.

Yuu Shuwaan amma baatilee 13 booda kiiloogiraama 6.3 ulfaatti.

Daa'imti tun wayita dhalattu lubbuun jiraachuuf carraa daran dhiphaa qabdi turte jedha Hospitaalli Yuunivarsitii Biyyaalessaa Singaapoor (NUH).

"Rakkoolee fayyaa wal xaxoo wayita dhalattu qabdu dandamachuun guddachuu eegalte, kanaanis namoota naannawa ishee jiran hedduutti hamilee horte. Daa'ima addaa bara Covid-19ti - abdii bara raafamaati," jedhe hospitaalichi ibsa baaseen.

Madda suuraa, Kwek Family

Ibsa waa'ee suuraa,

Yuu Shuwaan baatilee afur dursitee dhalatte

Daa'imti tun wayita hospitaala turte yaaliin adda addaa kennamaafi ture, meeshaa gara garaanis deeggaramaa turte.

Doktoroonni ammatti fayyaan ishii haala gaariirra jira jechuun hospitaalaa akka baatu murteessan.

Yuu Shuwaan ammallee dhukkuba sombaa cimaa kan qabdu yoo ta'u, hafuura baafachuuf deeggarsa barbaaddi. Doktoroonni yeroo keessa wayyaa'aa deemti jedhan.

Haati ishee Woong Meeyi Liing miidiyaa Singaappooritti akka himtetti gaaf dhalattu ulfaatinni ishee naasuu itti uumee ture. Mucaan ishee angafaa kan ganna afurii yeroodhumatti nagaan ture kan dhalate.

Maatiin Yuu Shuwaan baasii wal'aansaa isheef duulaan doolaara 366,884 walitti qabanii ittiin wal'aansifatan.