Dhiibbaa dabalamuu gatii tajaajila dhaabilee fayyaa wal'aanamtoota irraan gahe

Siree

Madda suuraa, Getty Images

Salaamaawiit jiraattuu Magaalaa Finfinneeti. Haatiishee sababii rakkina fayyaa qabaniin yeroo hunda mana yaalaatti deddeebii'u. Dhiheenya kanas akkuma yeroo biraa haadhashee qabachuun buufata fayyaa naannoosaaniitti argamutti qajeelte.

Haata'u malee haala Kanaan dura hin baramneen osoo hin taane gatiin kaardii kan birrii 5 ture 50 ta'u dhaggeesse.

''Kaardii qofaa osoo hin taane, tajaajjilli hundi gatiin dabaleera,'' jetti Salaamaawiti. Kanas ta'e filmaanni jiru bakkuma fe'e maallaqa barbaaduun wal'aanamuudha.

Dhaabbilee wal'aansa fayyaa dhunfaatti ammoo isa caala. ''Carraan qabu manatti bilbilee maallaqa dabalanii akka naaf fidan gochuu qofa ture,'' jetti.

Kana malees tajaajilliwwan bilisaan turan gatiin baheefiira. Dabalamuun gatii dhaabbilee fayyaa kunis Finfinnee keessatti qofaa miti. Fakkeenyaaf hospitaala Yunvarsitii Gondar keessattis haalli walfakkaataan jiraachutu barame.

Dr Suraafel Ayyala Hospitaala Yuunvarsitii Gondariitti hakiimiidha. Gatii tajaajilaafi wal'aansaa haalaan dabaluu dubbatu.

''Daballi ajaja federaalaa irra dhufe jedhaniin kunis baay'ee dinqisiisaadha,'' jechuun BBCtti hima.

''Kaardiin duraan birri 5 ture amma Birrii 60, ciisanii wal'aanamuuf sireen guyyaatti birri 10 ture amma gara 180 gaheera. Akkasumas baasiin laaboraatoriifi kan kaanis dabaleera,'' jedhan.

Akka Dr Suraafeel jedhaniitti, tajaajilloonni kana dura bilisaan turan amma gatiin murameefiira.

'' Wal'aanamtoonni hi'ina nyaataa ciisanii bilisaan wal'aanamaa turan (SAM patients) amma warruma kaaniin walqixa sireef birri 180 kanfalaa jiru. Maatiin sababii hir'ina nyaataa hiyyuumaatiin mucaan jalaa huqqatee guyyaan Birrii 180 akka kanfalu taasifamaa jira,'' jedhu.

Daballii gatii dhaabbilee wal'aansa fayyaa motummaa keessatti taasifame kunis garaagarummaa qabaachuu BBCn maddeen garaa garaa irraa mirkaneeffatera.

Kana malees Dr Yonaas Laaqawu Ispeshalistiin wal'aansa sammuu, dabala gatii Hospitaala Amaanu'el ilaalchisuun marsariitii oggeessoota fayyaa 'Hakiim' jedhurratti akkasiin barreessaniiru.

''Gatiin kaardii Birrii 5 irraa 50, kanneen ciisanii wal'aanaman ammoo qabsiifamu Birrii 400 irraa gara 9,000 ta'e. Sireedhaaf guyyaatti Birrii 3 kan ture 118 ta'e.''

Akkasumas Dr Fadilu Jinifaa hospitaala Konpireehensiv Waraabeetti, hakiima ispeshaalisitii dhukkuba keessooti. Hospitaala isaan keessa hojjataniitti gatiin walfakkaatu jiraachu dubbatu.

Gatiin altiraasawundii Birrii 150 ture amma 300 ta'u, kanfaltiin siree guyyaatti birri 47 ture amma 170 gahuu himan.

Madda suuraa, Getty Images

Daballiin gatuu hunda hin ilaalatu

Aadee Firewayinii Ababa dhaabbata Inshuraansii Fayyaa Itoophiyaatti Daarektara waliigalaa yoo ta'an, jijjirama gatii kana kan taasisee Ministeera Fayyaa ta'u himu.

''Gatii hanga ammaa hojiirra ture kan bara dheeraa ture yoo ta'u, dandeettii birri wal madaalchisuun barbaachisaa waan ta'eef,'' jedhu.

Kana malees tajaajila dhaabbilee fayyaa motummaa irratti komiiwwan dhiyaatan jiru. Komiiwwan kanneen hiikuuf ammoo qabeenyaatu barbaachisa jedhu Addee Firewayiniin.

''Adeemsa tureen baatiin damee wal'aansaatiif taasifamu harka 60 ykn 70 kan ta'u motummaan kan haguugamuudha. Kan hafetu hawaasaan hagugama,'' jedhu.

Daballiin gatii kunis isaan inshuraansii fayyaa qaban hin ilaallatu. Dr Yoonaas Laaqawu ''ammalleen kanneen inshuraansii fayyaa kan qaban bilisumaan wal'aanamu. Kan hin qabne garuu tajaajila argachuuf kanfalu qabu'' jedhan.

Sababii kanaatinis namoonni wal'aansa argachuu qaban argataa hin jiran jedhan. ''Baay'inni lakkoofsa dhukkubsattootaa hir'ataa jiraachuu hakimoonni waliigalaa ni himu. Namoonni silaa hospitaala ciisanii wal'aanamuu qaban sababii gatii kanaatiin osoo hin galiin kan hafan jiraachuu dhagaheera,'' jedhu Dr Fadiluun.

Baay'inni wal'aanamtootaa hir'achuu irratti kan waliigalan Dr Suraafeel, ''Gatiisaa akkuma baraniin karraa irraa deebii'u. Namoonni baay'eenis sababii gatii dabale kanaatiin rakkataa jira. Kanneen wallaansa adda kutanii bahuuf dirqaman, kaan qoricha ykn qorannoo barbaachisu argachuuf rakkataa jiru,'' jedhan.

Kun ammoo namoota baayyee wal'aanamun fayyuu malan akka du'aan dhabnu taasisuu mala jedhu Dr Fadiluun.

Inshuraansii fayyaa qaban eessatti wallaanamu?

Dhimmi biraa oggeessoonni fayyaa kunneen kaasan ammoo, namoonni inshuraansii fayyaa qaban dhaabbilee fayyaa hundatti tajaajila argachu akka hin dandeenyeedha.

''Hojiimaatinni jiruu kan godinaan caaseeffameedha. Inshuraansiin Zoonii tokko keessati bahee kan hojjatu achuma zoonii sana keessatti qofaadha. Fayyadamtoonni godinaalee ollaa irraa dhufan tajaajila hin argatan waan ta'eef kanfaluuf dirqamu.''

Dr Fadiluun akka jedhaniitti kan sadarkaa biyyaatti hojjatu ta'u qaba ture.

Rakkoon kun bakka hunda jiraachu Dr Suraafel illeen ni himu. Namni Gondar irraa inshuraansii fayyaa qabu wal'aansa barbaacha Baahir Daar osoo dhufe kanfalee wal'aanamu qabaata jechuudha jedhan. Kanaafu kan inshuraansii qabu bilisaan wal'aanama hin jechisiisu jedhan.

Addee Firhiwoot ammoo ''adeemsi hojii amma jiru kan sirna riifaraalii hordofee deemuudha,'' jedhu.

Kana jechuunis yoo namni tokko riifaraaliin gara ittaanuutti ergame bilisaan wal'aanama. Garuu ofuumaan wal'aansa fooyya'a barbaacha bakka itti inshuraansii argate ala deemnaan kanfalu qabaata jechudha. Haala kanas furuuf hojjatamaa jiraachu dubbatu.

Kanaafis galmeen inshuraansii fayyaa dijitaalaan waan hin taaneef akka sababaatti kaafameera.

Inshuraansii fayyaa hundaaf hinqophoofne

Akkasumas inshuraansiin fayyaa kan hawaasa muraasa qofaa jidduugala taasifateedha.

Hojjattoota motummaafi oggeessoota fayyaa dabalatee kanneen inshuraansii fayyaatiin hin hamatamne jiraachu kan himan Dr Suraafeel, hawaasni kunneen ammoo balaaf saaxilamuudha jedhu.

Inshuraansiin fayyaa kanneen damee hojii idilee hin taaneefi kan mindaa ji'aa hin qabneefi kan jireenya gadaanaa jiraatu jedhaman irratti xiyyeeffateedha.

Namoonni miiliyoona 40 ta'an Inshuraanii fayyaa galan

Inshuraanisii fayyaa jechuun kan maatiin tokko waggaatti maallaqa murtaa'ee kanfaluun, wayita miseensi maatii Sanaa dhukkubsatuutti tajaajila bilisaa ittiin argatuudha.

Kunis kaayyoonsaa namoonni yeroo hin eegamneetti hawaasni baasii hin eegamne keessa akka hin gallee gochuuf jedhu Aaddee Forehiwooti.

Kunis hawaasa hojii idilee ta'e hin qabnee fi kan mindaa ji'aa hin kanfalamneef irratti xiyyeefata jedhan.

Ammattis miseensa miiliyoona 40 akka qabu barameera. Miseensoota jiran keessaa harki 24 (mil 8 kan ta'an) haala jireenyaa sadarkaa gadaanaa irratti kan argaman yoo ta'an, baasii isaanii motummaatu haguuga.

Kanfaltiin isaas waggaatti al tokkicha kanfalamuun miseensa ta'ama. Fakkeenyaaf Finfinneetti abbaan warraa tokko waggaatti birri 350 kanfaluun galmaa'a ture bara darbe.

Haata'u malee haaluma kanfaltii tajaajila wal'aansa fayyaa dhaabbilee fayyaa motummaa irratti taasifameetiin wal qabatee, kanfaltii waggaa inshuraansii irratti jijjiramni jijjiramni jiraachu akka danda'u Aaddee Firehiwot dubbatan.

Dhimma kanarratti yaada Ministeera Fayyaa dabaluuf yaaliin taasifne nuuf hinmilkoofne.