Waraana Tigraay, Sudaan: Tarkii fi Itoophiyaan dhimmoota waraanaa fi kaan irratti wal-ta'uuf waliigalan

Pireezidantii Tarkii Rejeb Tayiip Erdogaan fi MM Itoophiyaa Abiy Ahimad Alii

Madda suuraa, Abiy Ahmed Ali/twitter

Itoophiyaa fi Tarkiin dhimma deeggarsa maallaqaa, waraanaa fi bishaanii irratti wal-ta’uuf waliigalteewwan walii mallatteessan.

Sirni waliigaltee walii mallatteessuu kun Tarkii daawwataa kan jiran MM Abiy Ahimad akkasumas pireezidantiin Tarkii Tayiip Erdogaan bakka argamanitti magaalaa Ankaaraatti Roobii raawwate.

Gama waraanaan biyyootni lamaan waliigalteewwan lama, waliigaltee walta’iinsa maallaqa waraanaa (Military financial cooperation agreement) fi waliigaltee qajeelfama waraanaa (Military framework agreement) walii mallatteessaniiru.

Itoophiyaa bakka bu’uun waliigalteewwan kana kan mallatteessan ministira Raayyaa Ittisaa Dr Qana’aa Yaadataati.

Dabalataan dhimma bishaanii fi deeggarsa maallaqaa irratti biyyoonni lamaan waliigalteewwan waliif mallatteessaniiru.

MM Abiy Ahimad afeerraa pireezidant Tayip Erdogaan godhaniif fudhachuuni Roobii gara Tarkii kan imalan.

Masaraa biyyaalessaa Tarkii magaalaa Ankaaraa jiruttis simannaan ho’aan taasifameefi jira.

Sababa waraana Tigraayiin biyyoota lixaarraa dhiibbaan guddaan mootummaa isaaniirra gahaa kan jiru MM Abiy, erga waraanichi eegalee biyyoota ollaa akka Keeniyaa, Jabuutii fi Eertiraa irraa kan hafe fagaatanii yoo imalan kun kan jalqabaati.

Torbee lama dura MM Abiy fi pireezidant Erdogaan bilbilaan erga mari’atanii booda, Tarkiin Itoophiyaaf deeggarsa barbaachisu mara akka gootu Erdogaan waadaa galanii turan.

Hogganoonni lamaan maal jedhan?

Waliigaltee Roobii biyyoonni lamaan walii mallatteessan booda, Itoophiyaan yeroo rakkisaa keessa jirti kan jedhan pireezidant Erdogaan, haala naannoo Tigraay keessa jiru irratti MM Abiy waliin mari’achuu dubbataniiru.

Itoophiyaan biyyoota Afrikaa murteessoo keessaa tokko ta’uu himanii, birmadummaan daangaa ishee kabajamuu fi nagaan biyyattii Tarkiif barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Kanaafis waraanni kun furmaata akka argatu waan dandeenyu mara ni goona jedhaniiru.

Waraanichi furamuu baannaan biyyoonni ollaas waraanichaan miidhamuun waan oolu miti jedhan.

Sudaan fi Itoophiyaan lafa qonnaa al-Fashagaa irratti wal-dhibdee qabaachuu kaasuun kan dubbatan Erdogaan, dhimma kanas MM Abiy waliin mari’achuu dubbataniiru.

Dhimma kana torbe darbe Tarkii kan daawwatan walitti qabaa mana maree waraanaa Sudaan jeneraal Abdulfattaa al-Burhaan waliin mari’achuus himaniiru.

Wal-dhibdeen kun furmaata akka argatu Tarkiin Jaarsummaa kan dabalatu, garuu ammoo isa qofatti kan hin daangofne deeggarsa barbaachisu kamuu gochuuf qophii ta’uu dubbataniiru.

Gama diinagdeen hariiroon daldala Itoophiyaa fi Tarkii jidduu jiru gara daldala doolaara biliyoona tokko baasuutti ol guddisuuf hojjechaa jiraachuu dubbatan.

Tarkiin Itoophiyaa keessaa invastimantii doolaara biliyoona 2.5 gahu qabaachuu eeranii, kaampaniiwwan tarkii lammilee Itoophiyaa 10,000 oliif carraa hojii bananiiru jedhan.

Gama deeggarsa namoomaa fi misoomaatiinis biyyootni lamaan dhimmoota gara garaa irratti waliin hojjechaa jiraachuu himan.

Hariiroon Tarkii fi Itoophiyaa jaarraa 16ffaa keessa kan eegalee fi seena-qabeessa ta’uu kan himan MM Abiy Ahimad, erga bara 2018 as biyyoonni lamaan hariiroo kana cimsuun waliin hojjetaa turani jedhan.

Waliigalteewwan gara garaa biyyoonni lamaan waliif mallatteessan hariiroo kana daranuu kan cimsan ta’uu MM Abiy himaniiru.

“Yeroo barbaachisaa kanatti Tarkiin michummaa dhugaa Itoophiyaaf qabdu ni dinqisiifanna,” kan jedhan MM Abiy, hariiroo daldalaa fi invastimantii biyyoota lamaan jidduu jiru guddisuuf mootummaan Itoophiyaa kutannoo akka qabus dubbatan.

MM Abiy Ahimad gara Tarkii kan imalan wayita ergamaan addaa Ameerikaa kan Gaanfa Afrikaa Jeefrii Feeltiman dhimma waraanaa Tigraay irratti mari’achuuf Itoophiyaa jiranitti.

Jeefrii Feeltiman kan Kibxata Finfinnee galan, gara Itoophiyaa kan dhufan yeroo lammataaf yoo ta’u waraanni Kaaba Itoophiyaatti babal’ataa dhufe mariin akka xumura argatu Joo Baayidaniin ergamanii gara Itoophiyaa dhufuu Rooyitars gabaaseera.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa baatilee saddeetiif naannoo Tigraay keessatti daangeffamee ture, naannolee ollaa Amaaraa fi Affaaritti babal’atee lammilee nagaa kuma dhibbaan lakkaa’aman qe’eerraa buqqiseera.

Waraanichi ammallee itti fufee kan jiru yoo ta’u humnooti Tigraay gara fuulduraa imaluun magaalota naannoo Amaaraa to’achaa jiraachuu yoo himan,naannoo Amaaraa fi raayyaan ittisa biyyaa humnoota kanarratti tarkaanfii fudhachaa jirra jedhu.

Waliigalteen kuni maal fayyada?

Biyya Ingilizitti kan jiraataniifi dhimma Gaanfa Afrikaa kan xinxalan lammiin Ertiraa Abdurrahmaan Sayiid waliigalteen kuni biyyoota lamaanuu fayyada jedhu.

Madda suuraa, Abiy Ahmed/Twitter

''Biyyattiin humna waraanaa fi teeknooloojii millitarii cimaa qabdi. Waliigalteen kun egaa gama waraanaan Itoophiyaaf tumsa cimaadha.''

Gama kaaniin biyyi Somaaliyaatti buufata waraanaa qabdu Turkiin deeggarsi taasistu waraana Itoophiyaa keessa jiru irratti jijjiirama fiduu mala ilaalcha jedhu qabu.

''Sababni isaa waraanni amma deemaa jiru akka waraana kanaan dura turanii meeshaalee waraanaa sasalphoo fi raayyaa hidhate qofaan miti kan raawwatamuu danda'u.

''Barbaachisummaan teeknooloojii olaanaadha. Gama kanaan Tarkiin akkaan Itoophiyaa fayyaduu dandeessi,'' jechuun ibsan.

Turkiin waraanni gama Kaaba Itoophiyaa jiru nagaan akka furamu akka barbaaddu Erdogaan ibsaniiru. Ta'us, kanaaf deebiin Itoophiyaa maal akka ta'e hin beekamu.

Gama kaaniin Turkiin invastimantii garaa garaa Itoophiyaa keessaa qabdi. Nageenyi yoo jiraate malee invastimantiif rakkisaa ta'a.

''Tarkiin Itoophiyaa keessa investimantii doolaaraa biiliyoona 2.7 hanga biiliyoona sadiitti tilmaamu qabdi.

''Kanaafuu investimantiinsaanii akka hin miidhamnee fi faayidaansaanii akka hin tuqamneef Itoophiyaan tasgabbaa'uu qabdi. Itoophiyaan biyya jabduu akka taatu Tarkiin kanaaf barbaaddi,'' jechuun himan.