Itoophiyaafi Sudaan: Sudaan meeshaan waraanaa xiyyaara Itoophiyaan geeffame seera qabeessa ta’u mirkaneessite

Buufata xiyyaaraa Kaartuum Sudaan

Madda suuraa, ASHRAF SHAZLY

Ministirri Biyya Keessaa Sudaan meeshaaleen waraanaa sanduuqa 70 ol qondaaltota biyyattiin xiyyaara Itoophiyaa Sambata Kaartum buufaterraa to'atame seera qabeessa ta'u mirkaneeffachuu hime.

Aanga'oonni Sudaan meeshaa waraanaa Itoophiyaa irraa fe'amee xiyyaara Daandii Qilleensaa Itoophiyaan biyyattii seensifame, buufata xiyyaaraa Kaartuumitti to'annoo jala oolchuun qorachaa akka turan himanii turan.

Daandiiin Qilleensaa Itoophiyaa gama isaan meeshaan waraanaa gara Sudaan fe'e 'seera qabeessaa fi ragaalee barbaachisoo mara kan guuttate' akka ta'e ibsa baasen beekiseera.

Aanga'oonni biyyattii meeshaan waraanaa kun "yakka biyyarratti raawwatamuuf" faayidaarra akka ooluuf ergame jedhanii akka shakkan Eejansiin Oduu Sudaan (SUNA) gabaasee ture.

Rooyitars galgala kana akka gabaasetti meeshaan qabamee ture dhaabbata seeraa meeshaa daldaluufi 'Wael Shams Eldin' jedhamuun biyyatti akka galu taasifame.

Maaltu ta'e?

Meeshaan kun buufata xiyyaaraa Kaartuumitti Sanbata galgala qondaalota gumuruukaa biyyattiin kan to'atame yoo ta'u, koreen mootummaa duraanii Omaar al-Bashir kan bara 2019 fincila uummataan aangoorra buufame akka diiguuf hundeeffame dhimmicha qorachaa jira jedha gabaasni SUNAn Dilbata baase.

Akka koreen kun jedhutti meeshaan waraanaa kun Caamsaa bara 2019 magaalaa guddoo Raashiyaa Mooskoo irraa gara Itoophiyaa kan gale yoo ta'u, 'aanga'oonni Itoophiyaa waggoota lamaaf to'annoo isaanii jala tursiisanii, akeekkachiisa tokko malee amma gara Sudaan fe'ame'.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa maal jedhe?

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa ibsa dhimma kanarratti BBC'f ergeen gabaasni Eejansii Oduu Sudaan (SUNA) dogoggora jedhe.

Meeshaan waraanaa garas fe'ame qawwee adamoof bitame yoo ta'u, 'seera qabeessaa fi ragaalee barbaachisoo nama ergee fi nama itti ergamee mara kan guuttate' ta'uu hime.

Daandiin qilleensaa Itoophiyaa meeshaa kana kafaltiin kan geejjibsiisee fi dhimma daldalaa ta'uu hime.

SUNAn akka gabaasetti meeshaaleen waraanaa kun eenyuuf akka ergame adda hin baafamne.

Haata'u malee koreen dhimmicha qorachaa jiru, meeshaan waraanaa kun kan ergame deeggartoota Omar al-Bashir - kan mootummaan Sudaan ce'uumsa gara diimokiraasiitti biyyattiin gochaa jirtu danquuf socho'u jechuun himatuuf ta'uu akka hin oolle shakkii qabaachuu himeera.

Qawween adamoo kun yeroo dheeraaf qondaalota nageenyaan Finfinneetti to'atamee turuu ibsi Daandii Qilleensaa Itoophiyaa ni hima.

Qaamni meeshichi itti ergame mana murtii Sudaanitti daandiin qilleensichaa meeshaa kana akka dhaqqabsiisu ykn ammoo adabbii doolaara 250,000 akka kaffalu himachuu ibse.

Kana hordofuun dhaabbatichi qondaalota nageenyaa Itoophiyaarra adeemsa qulqulleessaa erga xumurreen booda, meeshaa kana gara Sudaan fe'uu isaafi xalayaa Ministeeraa Haajaa Alaa Sudaan irraa barraa'e dabalatee ragaalee barbaachisoo mara kan qabu ta'u hime.

Gama mootummaa Itoophiyaatiin dhimmicharratti wanti jedhame hin jiru.

Itoophiyaa fi Sudaan

Biyyootni lamaan, Sudaan fi Itoophiyaan duraan hariiroo gaarii kan qabaachaa turan ta'us, erga yeroo dhiyootii as wal-dhibdeen isaanii hammaachaa jira.

Biyyootni lamaan yeroo ammaa lafa qonnaa daangaa irratti argamu al-Fashaga irratti akkasumas dhimma ijaarsa hidha haaromsaa irratti dhibdee yeroo dheeraa ture qabu.

Waraanni Kaaba Itoophiyaatti humnoota Tigraay fi mootummaa federaalaa jidduutti adeemaa jiru ammoo dhibdee dabalataa waan uume fakkaata.

Torbee darbe Waraanni Itoophiyaa humnoota Tigraay gama Sudaaniin Itoophiyaatti ce'uuf turan irratti tarkaanfii fudhachuu beeksisuun, Sudaan hidhattoota kana deeggaraa jiraachuu akeekee ture.

Dubbii Himaan Waraana Sudaan Birgaader Janaraal Al-Xaahir Abu Haja himannaan Itoophiyaa ''bu'uura hin qabu'' jechuun ibsuu Sudaan Tiribuun Jimaata gabaasee ture.

''Sudaanii fi waraanni ishii dhimma keessoo Itoophiyaa keessaas ta'e biyyoota ollaa kaan keessa hin seenu,'' jechuun himan.

Gama kaaniin torbanoota dura loltoonni Itoophiyaa ergama nagaa kabachiisuu UN jalatti nagaa eegsisuuf Sudaan Abiyee jiran akka bahan Sudaan UN waliin waliigaluun ishii ni yaadatama.

Sudaan kana kan goote, Itoophiyaan amma booda biyya walaba nagaa kabachiisuu dandeessu miti jechuunidha.

Haaluma wal-fakkaatuun MM Sudaan marii aanga'oota Ameerikaa waliin godhaniin booda waraana Kaaba Itoophiyaa mariin furuu keessatti qooda fudhachuuf wayita fedhii qabaachuu himan, mootummaan Itoophiyaa Sudaan akka qaama walabaatti hin lakkoofnu jechuun kuffisee ture.