Haamid Nuuri: Akkaataa Siwidiin shakkamaa yakka waraanaa Iraan itti to'atte

Buufata xiyyaaraa Istookolm Arlaandaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Haamid Nuriin bara 2019 Siwiidiin buufata xiyyaaraa Istookolm Arlaandaa keessatti to'atame

Buufata Xiyyaaraa Istookolm Ayarlaand keessatti poolisonni Siwidiin nama barbaachisaa tokko eegaa turan.

Xiyyaara Iraan irraa ka'e keessa qondaalli Iraan Haamid Nuurii kan yakka waraanaatiin shakkaman jiraachun itti himame.

Obbo Nuuriinis Sadaasa 9, 2019 buufata xiyyaaraa irraa kallattiin gara mana hidhaatti geeffaman.

Yeroo muraasaan booda, qondaaltoonni Siwiidiin bilbila bilbiluun nama buufata xiyyaaraa tureef, ''amma gara manaa deemu dandeessa,'' jedhan.

Namni kuni to'atamuu Nurii miiraan eeggataa tureefi akka to'atamu kanneen gargaaran baay'ee keessaa tokkodha.

Namoonni kunneenis gaaffiifi deebii BBC waliin taasisaniin, gahee olaanaa dhimma kana keessatti bahan himaniiru.

Kanaan dura yakka ajjeechaa jumlaa fi dararaa hidhamtoota siyaasaa Iraan bara 1988 keessa raawwatameef kan yakkaan himatame homtuu hin turre.

Obbo Nuuriin gahee yakka kana keessatti bahaniif qabamuun himataman. Isaan garuu waakkataniiru.

Danbiiwwan aangoo seera idil-addunyaa fayyadamuun Obbo Nuriin kan to'atan yoo ta'u, ammaan tanas Siwidiin keessatti himannaarratti argamu.

Yakki kunis wayita waraanni Iraaniifi Iraaq jidduutti gaggeeffameetti raawwatamuutu himama.

Wayita waraanni gara xumuraatti adeemaa jirutti ture hogganaa olaanaan Iraan kan yeroo sanaa, Ayaatolaah Homenii hidhamtoonni siyaasaa 5,000 akka ajjeefamaniif ajaja kan dabarsan.

Baayyeen isaanis garee mormituu kan Iraaq deeggaruuufi 'Ummata Mujaaheddiin Iraan' jedhee of waamudha.

Yeroo sanattis, Obbo Nuurin mana hidhaa dhiheenya Teehiraan keessa hojjachaa akka turan abbootiin alangaa himaniiru.

Madda suuraa, Getty Images

Himannaan kunis yeroos pirezidantii haaraa Iraan kan turan, Ibraahim Raa'isi kan dhaabbanni Aminastii Intarnaashinaal miseensa garee bara 1988'tti ''ajjeechaa jumlaa raawwatan'' keessa jiru jedhe himateef oduu gaarii hinta'u.

Akkasumas rogeeyyii mirga namoomaa ajjeechaa raawwatameef haqa gaafataa turanif kun taatee olaanaadha. Isaan keessaa Iraaj Mesdaaghi, hidhamaa siyaasaa Iraan fi kan ajeechaa jumlaa 1988 irraa hafe tokkodha.

Wayita mana hidhaa Iraan keessa tureetti yakkawwan dubbatamu hindanda'amne argu hima.

Bara 1990'oota keessa erga Iraanii baqateen booda, haala sarbama mirga namoomaa Iraan keessaa qorannoo gaggeessuuf guyyaa tokko namoonni yakka kanaan himataman seeratti akka hidhaatan abdataa turuu hima.

Onkololeessaa 2019 keessa wayita carraa kun argamuttis mamii tokko malee waliigale.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Deeggartoonni garee mormitoota Iraan mana murtii Aaanaa Siwidiin fuulduratti mormii yeroo gaggeessan

Osuma hin eegamiin maddi tokko Mesdaagiitti odeeffannoo tokko hime. Innis Obbo Nuurin gara Siwidiniitti imala taasisuuf karoorfataa jiru kan jedhu ture.

Obbo Meesdaagi maqaa kana sirriin beeku turan. Kanaafu eenyutti bilbiluu akka qaban waan beekaniif bilbilaan itti himan.

Kaaveh Musaavii abbaa alangaa mirgoota namoomaa beekamaa lammii Biritish- Iraanidha. Obbo Musaavi erga Obbo Mesdaagii waliin Landaniitti wal arguun dubbataniin booda dhimma kana hordofuuf waliin galan.

Waggaan duras yeroo namoota ajjeechaa jumlaa bara 1988 keessatti himaatan himachuun danda'ameetti Obbo Mesdaagi gargaaruuf afaanumaan waliigalan.

''Amma dhimmi guddaan attamiin aangoo Siwidiin waliin akka adeemuu irratti hojjachuufi adurreen akka bakka qabame keessaa hinbaane eeggachudha,'' jedhan Obbo Musaaviin.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Rogeeyyiin mormitoota Iraan bara 2019tti Paariis keessatti kanneen miidhaman wayita yaadataniitti

Obbo Musaavin deeggarsa abbootii alangaa biraa waliin ta'un jecha ragaalee walitti qabuun himannaa yakkaa qopheessaniiru.

Obbo Nuuriin sababii maatiif jecha gara Siwiidiin dhufaa kan turan yoo ta'u, achumaan biyyoota Awurooppaa keessatti yeroo dabarfachuu akka yaadan maddi maqaa akka hineeramne gaafate tokko himeera.

Erga guyyaan balaliinsa isaanii itti baramee kaasuun ture Obbo Musaaviin abbootii alangaa Siwidiiniitti iyyata kan galfate.

Tarkaanfiin itti aanes haaluma aangoo seera idil-addunyaatti to'annoo jala oolchu ture.

Aangoon seera idil-addunyaas, himannaawwan ajjeechaatiif eessattuu yoo raawwatame manni murtii biyyaaleessaa himachuu ni danda'a jedha.

Yaadni kunis abbootii alangaa mirga namoomaatiif, yakkamtoota waraanaa itti-gaafatamoo taasisuuf gargaareera.

Miseensi Naazii duraanii Adolf Eichmann, ajeechaa Holookoosti keessatti gahee qabaniif bara 1961 Israa'el keessatti himatamun dhimma akkanaatiif fakkeenya beekamaa ture.

Dhiheenya kana ammoo manni murtii Jarman qondaala poolisii Iccitii duraanii Sooriyaa gocha yakka namoomaa raawwachuufi gargaarsa taasisuun himateera.

Sadaasa 9, 2019 irratti ammoo abbootii alangaa Siwiidiiniin tarkaanfiin wal fakkaatu fudhatame.

Madda suuraa, Handout

Ibsa waa'ee suuraa,

Obbo Nuuriin himannaa irratti dhiyaate waakkachuun himannaan dhiyaate tarii kan nama biraa ta'u mala jedhan

"Hanga to'atamuutti hinamanneen ture,'' jedhu Mr Mesdaagi.

Shakkii jiru qulqulleefachuuf abbootiin alangaa Obbo Mesdaagi akka dhaddacha irratti dhiyaachuun ragaa bahaniif affeeraniiru.

Obbo Mesdaagi gama isaanitiin dhaddachicha irratti tibba ajjeechaa jumlaa bara 1966'tti muuxannoo mana hidhaa Gohaardaash keessa ture kaasuun himaniiru. Isaaniifi ragaan biraa Obbo Nuurii maqaa dhahaniiru.

Faallaa kanaatiin ammoo, abbookaatoowwan Obbo Nuurii nama gara biraatiin kan wal dhahameedha jechuun falmaniiru.

Kanaafu jechi ragaalee sirrii ta'u shakkii qabaachufi yakka waggoota 30n dura raawwatame sirriin yaadachuu danda'usaanii irratti gaaffii kaasaniiru.

Ebla bara 2022'tti wayita dhaddachi kun xumuramuuttis, mormiin kun caalaa akka isaan amansiseerratti murtee ni dabarsu.