Waaraana Tigraay: Waywaannaa haadholiifi daa'imman Walloo Kaabaatti waraanaan buqqa'an

Dubartii daa'ima baattee jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Waraana Itoophiyaa Kaaba Tigraayitti eegalee naannoo Amaaraa Walloo Kaabaafi naannoo Afaaritti babal'ateen namoonni kumaatamaan lakkaa'aman qe'ee isaanii gadi dhiisanii baqachuuf dirqamaniiru.

Kanneen naannoo lolli itti gaggeeffamaa jirutti hafan beela dabalatee rakkoo fayyaa adda addaaf saaxilamaa jiraachuutu himama. Haata'u malee naannolee kana bilbillis ta'e intarneetiin waan hin dalagneef haala keessa jiran sirnaan hubachuun rakkisaadha.

Naannoo Amaaraatti namoonni qe'eerraa buqqa'an hedduun kan jiran Kibba Walloo magaalaa Dasee fi naannawa ishiiti.

Wayita ammaa magaalattii keessa buufataalee buqqaatota 14tti dabalataan manneen barnootaa keessallee namootni kuma 100 ta'an qubatanii jiru.

Isaan keessaa irra hedduun daa'imman haadholii reefu dahanii fi haadholii ulfaati.

Buufataalee buqqaatota kana keessatti ji'a tokko darbe qofa keessa haadholiin 118 dahuu isaanii itti gaafatamtuun waajjira fayyaa godina Walloo Kaabaa Aadde Salaamaawiit Ayyaaleewu BBC'tti himaniiru.

Haadholii kana keessaa tokko magaalaa Haaraa irraa kan buqqaate Aadde Aayyaal Sammawudha. Aayyaan haadha ijoollee sadiiti. Achuma magaalaa Haaraatti dhalattee guddattee, bultiis ijaarratte.

Daa'imashee afraffaa ganna kana deesseef qophii erga eegaltee bubbuulteetti. Waraanaan qe'eerraa buqqaatee daa'imni ishii dawoo buqqaatotaa keessatti akka dhalatu abjuunuu yaaddee hin beektu.

Dahuuf torban muraasni yoo hafan qe'een ishii dirree waraanaa taate. Isheenis ijoollee sadi waliin qe'ee fi qabeenya ishii gattee Dasseetti baqatte.

Haaraa hanga Dassee karaa garii geejjibaan garii miilaan imaltee Dassee kan geesse Aayyaal, maallaqa harkaa qabdu karaatti waan fixxeef dawoo buqqaatotaa mana baruumsaa 'Qidaamee Gebeyaa' jedhamu keessa qubatte.

Guyyoota saddeet booda ciniinsuun ishii qabee, buufata fayyaa dhiyeenya jirutti daa'ima ishii afraffaa deesse.

Dahuumsa booda gara mana barumsaa 'Qidaamee Gebeyaa' deebite. Firri fi ollaan ishii kunuunsu hin jiru. Ijoollee ishee waliin rakkina keessatti kuftee jirti.

Daa'ima ishee reefu dhalatte qabattee kutaa tokko keessa namoota 30 waliin kan jiraattu Aayyaal, erga deesse guyyoonni 15 darbaniiru.

"Allaah galatni isaa hin badiin, waan kanarra hamaa nurraa haa qabu," jetti. Haalli keessa jiran rakkisaa ta'ullee lubbuu ijoollee ishee oolchuu akka carraa gaariitti fudhatti.

"Nyaata gahaa hin argannu, nama 30 waliin wal dhiibaa jiraanna waan ta'eef fayyaan koos ta'e kan ijoollee kootii na yaaddessa. Gargaarsi nuuf kennamaa jiru gahaa miti, hanga har'aa maallaqa xiqqoo nu hafteen abbaan warraa koo na gargaaraa ture. Amma garuu waan qabnu waan fixanneef yaaddootti kufneerra."

Madda suuraa, DASSEE CITY ADMIN.

Alamtshahaay Makonnin ammoo Aanaa Habruu irraa buqqaatee daa'ima ishii jalqabaa dawoo buqqaatotaa keessatti deesse.

Yuunivarsiitii Waldiyaa Kaampaasii Marsaa keessa hojjechaa kan turte Alamtsahaay, abbaan warraa ishiis hojjetaa mootummaa waan ta'eef galii argataniin jireenya gaarii jiraachaa akka turan himti.

Waraanni magaalaa Marsaa yoo gahu Alamtsahaay dahuuf guyyoota muraasatu ishee hafe ture.

Waraanichi dafee furmaata argata jettee waan yaaddeef waan dahuumsaaf qopheeffataa turte osoo hin fudhatiin abbaa warraa fi haadha ishii dhukkubsattuu waliin gara Dasseetti baqatte.

Dassee geessee guyyaa sadaffaatti dhiira deesse.

"Wanta na mudate yoon yaadu imimmaantu na qaba. Daa'ima koo jalqabaa waan ta'eef haalaan itti qophaa'aan ture, waan qopheesse tokkollee osoon hin fayyadamiin kunoo harka namaarratti kufe," jetti.

Amma nama mana gandaa keessa jiraatu tokkotti maxxananii nama sagala ta'anii jiraatu.

"Nyaata gahaa waan hin arganneef harmi koo naaf cobuu dide, daa'imni koos beela'ee boo'ee najalaa miidhamaa jira," jetti.

***

Iyyaruus Taaddasaa ammoo mucaa ishee ganna 8 waliin Waldiyaa irraa buqqaate. Ulfaa yoo taatu dahuumsaaf guyyoota muraasatu ishee hafa.

Dawoo buqqaatotaa magaalaa Dassee jiran keessaa tokko kan ta'e mana barumsaa Daawudoo keessa kan jiraattu Iyyaruus, nama ishee gargaaru tokkollee akka of biraa hin qabne himti.

Sababa dhiibbaa dhiigaa qabduuf daa'ima ishee duraa baqaqsanii suphuun kan deesse Iyyaruus daa'ima lammataas ciniinsuun dahuu akka hin dandeenye itti himamee ture.

Guyyoota shan booda hospitaalaatti baqaqsanii suphuun dahuuf jirti. Bakka turtu waan hin qabneef kutaa namoota 37 waliin keessa jiraattutti deebiti.

Dahumsa boodaaf qophii qabdu gaafatamtee, "homtuu hin jiru, akkanumaan jiraanna. Nyaatuma gosa tokko nyaanna, kan jiraannus warra dhukkubsatan, jaarsaa fi jaartii, daa'imman waliini, kunuu yaaddoo tokko," jetti.

Haadholiin kun warra Dassee dhaqqabuu danda'an keessaa muraasa, kanneen achi gahuu hin dandeenye hedduun maal keessa akka jiran baruun rakkisaadha.

"Jiddugaleessaan godina Kaaba Walloo keessatti ji'a tokkotti haadholiin 6000 ni dahu ture. Amma warra 118 asitti dahaniin alatti warri kaan akkam akka ta'an quba hin qabnu," jedhu itti gaafatamtuun waajjira fayyaa godinichaa Aadde Salaamaawiit Ayyaaleewu.

Godina Kaaba Walloo keesatti hospitaalonni jaha, dhaabbileen fayyaa dhunfaa hedduun fi buufataaleen fayyaa haadholiif hordoffii ulfaa fi dahumsaa kennaa turan finciltoota Tigraayiin barbadaa'anii tajaajilaan ala ta'aniiru jedhu Aadde Salaamaawiit.

Haadholii deessuun alatti namoonni lubbuun turuuf dirqama qorichoota adda addaa fayyadaman "amma lubbuun jiru jechuuf nu rakkisa," jechuun maal keessa akka jiran akka quba hin qabne dubbatu.

Godinicha keessa dhukkubsattoonni dhibee sukkaaraa kuma 18 ol, qoricha HIV kan fudhatan namootni kuma 20 ol akkasumas kanneen TB yaalaman 1145 akka jiran himu.

Mootummaan federaalaa fi kan naannoo Amaaraa humnooti Tigraay magaalota naannoo Amaaraa fi Affaar to'annoo isaanii jala turan keessatti namoota nagaa ajjeesuu dabalatee dhaabbilee fayyaa fi kaan saamuu fi barbadeessuun himatu.

Humnooti Tigraay garuu haleellaa namoota nagaa irratti qiyyaafate kamuu akka hin raawwanne waakkatu.

Qaamoliin lamaan dhukaasa dhaabanii deeggarsi namoomaa kanneen rakkoo keessa jiran akka sirnaan dhaqqabu dhiibbaan hawaasni idil-addunyaa godhu itti fufeera.