Atileet Daraaraa kophee injifannoon maraatoonii isaa akka jalaa haqamuuf sababa ta'e akkamiin godhate?

Atileet Dararaa Hurrisaa

Madda suuraa, Getty Images

Dorgommii maraatoonii erga injifatee booda qabxiinsaa kan jalaa haqame atileet Daraaraa Hurrisaa "baay'ee gaddeera" jechuun leenjisaafi manaajarri isaa Obbo Gammadoo Daddafoo BBCtti hime.

Dorgommii maaraatoonii Dilbata darbe biyya Ostiriyaa magaalaa Viyeenaatti adeemsifame injifatee kan ture atileet Daraaraa Hurrisaa, kophee inni kaawwatee ture ol ka'inni isaa hanga heyyamameerra seentimeetira tokkoon kan furdate ta'uun isaa erga argamee booda injifannoon isaa haqameera.

Atileet Daraaraan dorgommicha sa'aatii 2:09:22n xumurus, dorgommichi xumuramee daqiiqaa 45 booda seera dorgommii cabseera jedhamuun bu'aan isaa haqameera.

Atileetiin biyya Keeniyaa dorgomicha lammaffaa ta'uun xumure Liyoonaard Laangaat injifataa dorgommichaa ta'eera.

Maaliif kophee hin heyyamamne godhate?

Leenjisaafi manaajarri atileet Daraaraa Hurrisaa Obbo Gammadoo Daddafoo, atileet Daraaraan hubannoo malee kophee dorgommicharratti hin heyyamamneen fiiguu isaa BBCtti himaniiru.

Akkaataa taatichi itti ummame yeroo ibsanis, "kopheen ittiin fiigu Finfinneetti kennameefii ture. Shaakalliis ittiin hojjetaa ture. Korojoon (shaanxaan) isaammoo poostaadhaan ergame [gara Viyeenaatti]. Shaanxaa fudhatee kophee kana keessatti arginaan shaakalliif kophee kana godhate. Galgala kophee nuti dura kennineef galmeessise. Ganama immoo ni jijjiire," jedhan.

Atileetichi shaakalliif, deemsa lafoof akkasumas dorgommiif kopheewwan garaagaraa akka qabu kan himan Obbo Gammadoon, atileet Daraaraa Hurrisaa kophee dorgommii osoo hintaanee kophee shaakallii godhatee dorgomicharratti hirmaachuu himan.

"Kopheen kun itti ulfaata malee wanti isa gargaaru hin jiru. Kophee kana godhatee wanti inni buufate hin jiru" jedhan.

Qopheessitoonni dorgommichaa, kopheen atileetonni kaawwachuu qaban faanni isaa furdina seentimeetira afur ta'uu qaba jedhu. Kopheen atileet Daraaraa kaawwatee ture garuu furdina sm5 qabaachuu isaa, qopheessitoota dorgommichaa eeruun Reuters gabaaseera.

"Dogongora duubatti deebisuu hin dandeessu…"

Atileet Daraaraa Hurrisaa injifannoon isaa erga haqamee booda baay'ee gadduusaa leenjisaafi manaajarri isaa Obbo Gammadoo Daddafoo BBCti himaniiru.

"Dogongorri umameera. Dogongora duubatti deebisuu hin dandeessu. Atileetichi daa'ima. Nama boru fiiguu danda'udha" jechuunis abdii atileetichi gara fulduraaf qabu himan.

Taatee atileet Daraaraa mudate kana ilaalchisee qopheessitoota dorgommichaa gaafachuu isaanii kan himan Obbo Gammadoon "gaafachuu yaallerra garuu wanti nuti argannu hinjiru. Wanta seerarra taa'etu jira. Osoo fiigicha hin seeniin 'kana hin fudhatin, kana hin godhin' sin jedha. Isa eeguu kan qabu si'i," jechuun himan.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa,

Atileet Dararaa dorgommicha mo'atee daqiiqaa 45 booda qabxiin jalaa haqamuu itti himameera

Waa'ee Atileet Daraaraa Hurrisaa …

Atileet Daraaraa Hurrisaa atileetii lamummaan Itoophiyaafi umriin waggaa 24 akka ta'e ragaan Dhaabbata Atileetiksii Addunyaa agarsiisa.

Atileetichi dorgomiiwwan atileetiksii fageenyawwan meetira 5,000, kilomeetira 10, walakkaa maraatoonii fi maraatoonii guutuu dorgomaa tureera.

Kunneen keessaayis dorgommii maraatoonii Mumbaay biyya Hindii bara 2020 taasifameen sa'aa 2:08:09 xumuruun injifateera.

Bara 2017 immoo dorgommii walakkaa maraatoonii biyya Tarkiitti adeemsifamerratti hirmaachuun yeroo sa'aa 1:03:36 ta'een tokkoffaa ta'uun injifate.

Dabalataan dorgommiiwwan walakkaa maraatoonii bara 2017 Shaanhaay Chaayinaatti akkasumas bara 2019 Kiyeev Yukreenitti adeemsifaman lammaffaa ta'uun xumureera.