Naannoo Beenishaangul Gumuzitti nageenya fiduuf yaalii godhameefi danqaalee mudatan

Pirezidantii naannichaa Obbo Ashaadlii Hasaniifi bakka bu'aa hidhattootaa Obbo Jagnaammaaw Maangiwaa

Madda suuraa, Metekel Zone Communication

ALI Ebla 10/2013 magaalaa Gilgal Balasitti waliigalteen nageenyaa hidhattoota Gumuuziifi mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz gidduutti raawwatame nageenya naannichaaf abdii horee kan ture ta'us ammallee rakkoon nageenyaa itti fufeera.

Waliigalteen pireezidantii naannichaa Ashaadil Hasaniifi gama hidhattoota Gumuuziin ammoo Obbo Jagnaammaaw Maangiwaa gidduutti raawwatame qaamota lamaaniirra gaafatama kaahuun nagaan akka dhufu kan kaayyeffate ture.

Ergasiis haleellaawwan namoota nagaarratti irra deddeebiin raawwatamu haala nageenyaa naannichaarratti gaaffii jabaa uumee dhiyeenya naannoleen humnoota nageenyaa naannichaa deeggaran akka ergan sababa ta'eera.

Waayee haleellaawwan naannichatti raawwatamanii hanga ammaa maal beekna?

Naannoo Beenishaangul Gumuuz godinaalee Kaamaashii, Matakkaliifi Asoosaa jechuun caaseffamee jira.

Lafa bal'aa kan qabatu Matakkal bakka Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa itti ijaaramaa jiru aanaa Gubaa dabalatee aanaalee jaha ofkeessatti hammata.

Naannoo Amaaraa fi Sudaan Kibbaa waliin daangaa kan qooddatu Godinni Matakkal aanaalee akka Bulan, Dibaaxee, Wanbaraa, Paawwii, Daanguuriifi Maandur keessatti irra deddeebiin haleellaa raawwataman of jalaa qaba.

Oromiyaa wajjiin daangaa kan qooddatu godina Kamaashii keessattis nageenyi wayyaa qabu jraatus, haleellawwan nama nagaa rifaasisan raawwatamaa turan. Torbanoota muraasa darban keessa haleellaa qaqqabeenis yoo xiqqaate lubbuun namoota 40 darbuu gabaasaaleen ni agarsiisu.

Asoosaa keessattis akkasuma namootni nagaan xiyyeeffannoo haleellaa ta'uun dhiyeenyumallee haleellaa raawwatameen lubbuun namoota hedduu darbeera.

Qorataan haleellaawwan kana naannicha keessa ta'aanii qorachaa turaniifi nageenya isaaniif jecha eenyummaa isaanii akka hin ibsinee gaafatan tokko gareen hidhattootaa haleellaawwan kana raawwatu caasaa (izzii) jedhamu lama akka qabu BBC'tti himaniiru.

Gareen aanaa Gubaa keessa socho'i nama maqaa ''Shabaan'' jedhu qabuun akka durfamu amanama jedhan maddi BBC kun.

Gareen inni biraan aanaa Bulan keessa akka jiruufi gareen Guubaa jiru didus mootummaa wajjiin araara buusuuf kan waliigalee ture garee kana ta'uus himaniiru.

Gareen ''hidhattoota Gumuuz'' jedhamu kun hidhattoota biroo waliin wal bira yeroo qabamu caasaa sirnaawaa, uffata dambii fi maqaa addaa ittiin beekamu hin qabuu jedhu namootni BBC'n dubbiseen.

Qorataan biroon sochii waraanaa kana ji'ootaaf hordofaa turan gareen gara Gubaa jiru caasaa sirnaa wayya'aa kan qabuufi inni gara Kamaashee jiru ammoo walitti bu'iinsa sabaa(communal violence) irratti kan xiyyeefatu akka ta'e himaniiru.

Godina Kamaashii keessatti walitti bu'iinsi hammaatee ture jaarsolii biyyaa naannolee Oromiyaa fi Gumuuziin wayyaa'uus himaniiru.

ALI Fulbaana 15 bara 2011 hooggantootni godina Kamaashii marii Asoosaatti godhame irratti hirmaatanii yeroo deebi'an naannoo Oromiyaa bakka Maqaabiilaa jedhamutti qaamolee hidhataniin ajjeefamuufi konkolaataan ittiin imalaa turan gubachuun ni yaadatama.

Sana hordofees godina Kamaasheetti Fuulbaanaa hanga Guraandhala bara 2011'tti qofa naannolee lameen irraayyuu namootni nagaan 200 ta'an ajjeefamaniiru. Erga yeroo dhiyoo garuu haalli nageenyaa godinichaa tasgabbii agarsiiseera.

Qabiyyeen waliigaltee nageenyaa maali?

Waliigalteen hidhattootaa fi mootummaa naannichaa gidduutti Guraandhala bara darbee mallateeffame qabxiilee 11 kan of keessaa qabu ture. Qabxiileen kun qabiyyee siyaasa fi dinagdee of keessaa qabu.

Bu'uura waliigaltee kanaan miseensonni hidhattootaa waraana hiikkatanii leenjii mootummaan kennu fudhachuun lafa mana jireenyaa irratti ijaarratan dabalatee hojii fedha isaanii irratti akka bobba'an deeggarsi akka dhiyaatuuf waliigalame.

Dabalaatiinis naannoorraa eegalee hanga aanaatti caasaa jiru keessatti gaafatama aangoo adda addaa jiru akka argatan jedhamee ture.

Gama nageenyaanis miseensonni muuxannoo qaban leenjii fudhatanii humna nageenyaa naannichaatti akka makaman waliigalamee ture.

Gama hidhattootaan wanti eegamu waraana hiikanii waamicha nageenyaaf owwachuu qofa jedhamee akka tures hoogganaan biiroo ijaarsa nageenyaa naannichaa obbo Abiyoot Aliboor dubbataniiru.

''Humni hidhannoo hiikkatee dhufe du'aa fi buqqa'uu namootaaf sababa ta'uu hin qabu kan jedhu dhimma xiyyeeffannoo argate ture'' jedhu.

Kanneen karaa nagaatti dhufaniif diinagdeen akka of danda'an dameeleen qonnaa, albuuda baasuu, horsiisa loonii keessumaa dubartootaaf ammoo gama hojiilee maayikiroofi xixiqqaatti galchuuf qophiin godhamuullee himan.

Waliigaltee kanaan miseensi hidhattootaa duraanii kan aangoo mootummaa qabatii booda irraa kaafaman tokko BBC'tti yoo himan ''waliigalteen mallattaa'ee ture humna addaa, raayyaa ittisaa, Poolisiifi hooggansa irratti ramadamuu irratti kan xiyyeefate ture jedhan.

Raawwiin waliigaltichaa maal fakkaata?

Ittigaafatamaan waajira Nageenyaafi Nagaa Naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Abiyoot akka jedhanitti hamma yoonaa marsaa lamaan hidhattoonni 2500 ol leenjii haaromsaa fudhataniiru.

Akkasumas waajirri dhimma kana raawwachiisu dhaabbateera. Dabalataan koreen isaaniin hogganamu hundaa’ee haala raawwiisaa hordofaa fi hogganaa jira.

Madda suuraa, BBC

Ibsa waa'ee suuraa,

Baatii Mudde darbe haleellaa hidhattoonni Godina Matakkal Aanaa Bulanitti raawwataniin namoonni 200 ol ajjeefamaniiru

‘’Karaa mootummaa gaaffiin baayyeen deebii argatee jira. Gaaffii diinagdeedhaaf garuu fedhiin isaanii fudhatamee bittaan meeshaalee karaa mootummaa akka raawwatuuuf adeemsarra jirra,’’ jechuun Obbo Abiyoot ni himu.

Waliigaltee kana booda deebi’anii bosona kan galan miseensi garee hidhataa kanaa kanarratti walii hin galan.

‘’Mootummaan taphatti jira,’’ jechuun adeemsicha qeequ. ‘’Itti gaafatamaa itti aanaa waajira Gilgal Balasin ture. Achiin yeroo namoonni ajjeefaman arginee deebinee bosonotti galle,’’ jedhu.

Kanaafis waliigaltichi hojiirra akka hin oolle ibsuun,’’hanga yoonaa ganda keenyatti kan muudame nama afur qofaa dha.

Nuti immoo kan waadaa nuuf seename hundi akka nuu kennamu barbaanna. Deebiin mootummaan naannichaa kennu garuu ‘’booda, booda’’ waan jedhu dha jechuun komii isaanii ibsu.

Obbo Abiyoot immoo, gaaffiiwwan diinagdee raawwachiisuuf baajata guddaa kan gaafatuufi baajata naannichaan qofa kan hin danda’amne tahuu dubbatu.

Sababa kanaan mootummaan federaalaa gaafatamee waliigaltichi hojiirra akka ooluuf mootummaan hojii garagaraa dalagaa jira jechuun himu.

Kana raawwachiisuuf piroojektiiwwan birrii miiliyoona 300 hanga 500 baasan nu barbaachisa jedhu.

‘’Waamicha nagaa fudhatanii erga dhufaniin booda mootummaan jechasaa hin kabajne sababa jedhuun warreen bosona galan shiftaa tahuu warreen barbaadani dha,’’ jedhu

‘’Hojiiwwan yeroo gabaabaa keessatti raawwataman jiru akkasumas kanneen yeroo gaafatan jiru. Kunis gamaaggamarra jira,’’ jechuun himaniiru.

Namni gara bosonaatti deebi’an waliigalteen hojiirra ooluu dhiisuun dabalataan sodaa nageenyaa akka sababaatti kaasu.

Kanaafis namoota Shariifoo Adamiifi Gidduu Daanyaw akka fakkeenyaatti kaasuun waliigalteen booda itti gaafatamummaa erga argatanii ajjeefamuu eeru.

Obbo Abiyoot immoo, ‘’ajjeechaan hin raawwatamne. Kunuunsa addaa waliin gara naannoo isaanii akka deebi’ani dha godhame. Haa tahu malee erga deemanii gara shiftummaatti deebi’anii, lammiilee nagaa irratti haleellaa kanneen raawwatan yoo jiraatan mootummaan dhimmatti tarkaanfii hin fudhanneef hin qabu jechuun dubbataniiru.

BBC’n jiraattota magaalaa Bulan lama bu’aan waliigaltee kanaa akkami jechuun gaafateera. Ajjeechaan ammas itti fufuufi hidhattoonni muudamaan dhufan tokko tokko kana dura namoota ajjeesuu isaanii irratti komii akka qaban himu.

‘’Gidiraa yeroo ammaa gahaa jiru himu ni sodaanna. Raayyaattis himuu ni sodaanna. Ammaallee namoonni guyyaa guyyaatti ajjeefamu. Isin kan dhageessan namni 10 ykn 20 yeroo ajjeefamu dha. Nuti garuu har’aafi bor keessaa du’uu keenya hin beeknu,’’ jechuun yaaddoo qaban ibsu.

Aanaa Bulanitti miseensa garee hidhataa afur, ittigaafatamaa garee milishaa, itti gaafatamaa waajira barnootaa, af-yaa’ii mana mare aanichaa akkasumas af-yaa’ii mana qopheessaa tahuun muudama argatanii akka turan maddeen hojii mootummaa keessaa dalagan BBCtti himaniiru.

Ammaa garuu afran isaaniyyuu bosonatti deebi’uu kan himan yoo tahu kana bulchaa godina Mattakkal irraa qulqulleeffachuu yaallus deebii garuu hin arganne.

Naannicha tasgabbeessuuf hirmaannaa naannolee biroo

Naannoon Beenishaangulgumuz hamma yoonaa naannolee biro sadii waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteesseera. Isaanis Gaambeellaa,Oromiyaafi akkasumas Naannoo Amaaraati.

Hogganaan waajira nageenyaa Obbo Abiyoot, ‘’naannolee ollaa waliin misoomuuf, obbolummaa fi hojii nagaa waliin hojjechuu akkasumas lammiileen naannoo kanarra jiran hundi nagaa amansiisaa argatanii jiruu isaanii akka dalaganiif waliigaltichi barbaachisee,’’ jedhan

Kana malees naannolee humnooti addaa Gaambeellaa, Sidaamaafi Naannoo Kibbaa naannicha keessatti bobbaafamuu isaanii himaniiru.

Humnoonni kunneen komaand poostii naannichatti hundaa’een kan ajajaman yoo tahu kunis haala nageenyaa iddicha jiru kan tilmaama keesaa galche dha jedhan.

‘’Kunis kan tahe naannichi lafa Hidhi Haaromsaa itti argamuufi TPLF gama Sudaaniin galuun haleellaa itti raawwatuu danda’u waan taheefi,’’ jechuun BBCtti himaniiru.

Yaaddoo kana boodaa

Mootummaan naannichaa waliigateen kuni kan duraaniirra nagaa fideera jedhee amana. Hidhattoonni meeshaa isaanii lafa kaa’anii hojii garagaraa irratti akka bobba’an gochuun filannoo isa tokko malee isa dhumaa mitii ejjennoo jedhu qaba.

‘’Adeemsa nagaa buusuuf godhamu keessattis warreen waamicha nagaa hin fudhanne irratti tarkaanfii waraanaa fudhachuun naannicha farreen nagaa irraa qulqulleessuun filannoo isa kaan tahuu,’’ itti gaafatamaan biiroo nageenyaa naannichaa BBCtti himaniiru.

‘’Nutis nagaa barbaanna,’’ jedhu namni bosonatti deebi’anis,’’mootummaan nagaaf birrii miiliyoonaan lakkaa’amu baasaa jira. Nutis fudhanneerra,’’ jedhanillee, haleellaan akka irratti raawwatuufi hoji-maatni loogii akka jiru himu.

Himannaa sabooti biroo naannichaa akka bahan barbaadu jedhamuun irratti ka’uuf, ’’nuti hojimaatni loogii akka dhaabbatu barbaanna.

Nuti eenyuyyuu Beenishaangulii dhaa haa bahu yaada jedhu hin qabnu. Waliin akka hojjennuufi qixxee fayyadamoo akka taanu barbaanna. Lolli akka hin jiraanneefi nagaan akka bu’u dha fedhiin keenyi. Waliin hojjenna jechuun yakka dha? Jedhu.

Waliigalteen baatii shan lakkoofsise hanga barbaadame bu’aa akka hin fidne jiraattonni ni dubbatu. Jiraattonni magalaa Asoosaa fi Bulan ajjeechaa namootaan alatti jireenyi qaala’eera jedhu.

Daandii gara naannichaa geessurra rakkoo nageenyaa jiruun eegumsa malee iddoo dhaa iddootti socho’uun rakkisaa waan taheef jiruu guyyuu isaanii jalaa danquu himu. Gara fuulduraattii waliigaltichi jijjiirama fida yoo taheef abdii akka qaban dubbatu.