Paartileen dabalataa lama filannoo Naannoo Somaalee keessaa of baasan

Madda suuraa, National Electoral Board of Ethiopia-
Filannoo biyyaalessaa ja’affaa Naannoo Somaalee irratti paartileen hirmaachuuf turan lama filannoo keessaa of baasuu beeksisan.
Naannoo Somaaleetti mana maree bakka buutota uummataafi mana maree naannoof kaadhimamtoota dhiyeessanii kan turan paartii IZEMA fi Paartiin Bilisummaa fi Wal-qixxummaa, filannoo adeemsifamuuf jiru keessaa of baasuu isaanii beeksisaniiru.
Paartilee lameeniin alatti ONLF filannoo Fulbaana, 20 A.L.I adeemsifamu keessatti akka hin hirmaanne torbee darbe dubbateera.
ONLF filannoo kanarratti hin hirmaadhu kan jedhe galmeen filattootaafi rakkoowwan biroo ilaalchisee iyyatni dhiyeesse furmaata gatii hin arganneefi jechun waajira paartichaa Finfinnee jirutti Daariktara olaanaa kan tahan Obbo Ahimad Abdullaahii BBCtti himaniiru.
IZEM fi Paartiin Bilisummaa fi Wal-qixxummaas haaluma wal-fakkaataan galmee filattootaa dabalatee seera filannoo waliigalaan wal-qabatee komiin boordii filannoof dhiyeessine furmaata argachuu ijaa hin dandeenyeef filannoo kanarraa of baasneerra jedhaniiru.
Paartileen lameen filannoo kana dura tureen miyooti filannoo miyoota haaraa biroon akka bakka buufaman gafannus kaardii saamamee tureen gara filannoo galamuun amanamummaa akka hin jiraanne godha,’’ jedhaniiru ibsa waloo baasaniin.
Kana malees caasaan Boordiin Filannoo Biyyaalessaa caasaa mootummaa waliin waan walitti makameef haqaafi amanamummaa ni dhabsiisa kan jedhuufi sababiiwwan biro tarreessuun filannicharratti akka hin hirmaanne ibsaniiru.
Boordiin Filannoo gamasaan filannoo kana ilaachisee ibsa Wiixata kenneen Naannoo Somaalee lafa filannoon hin taasifamnetti galmeen filattootaa adeemsifamaa yeroo turetti paartilee irraa komiin dhiyaatee akka ture himeera.
Haaluma kanaanis naannichatti buufataalee torba keessatti galmeen filattootaa irra deebiin adeeemsifameera jedheera.
Filannoo keessaa bahuun Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen /ONLF/ adeemsa filannoo Fulbaana 20, 2014 ademsifamurratti 'jijjiirama bu'aas ta'e hojimaataa hin fidu' jedhanii ture gorsituun dhimmoota komunikeeshinii boordichaa Soliyaanaa Shimallis.
Galmeen kunis murtee garee qulqulleessaa boordichi bobbaaseen taasifames jedheera.
Fulbaana 20, 2014 A.L.I Naannoo Somaalee, Hararii fi Naannoo Kibbaattii filannoon kan adeemsifamu yoo tahu guyyuma kanatti Kibba-Lixa Itoophiyaattis murtoon naannoo tahuu ni adeemsifama.
Filannoo fi riifarandamii kanarratti sagalee kennuuf uummanni miiliyoona 7 galmaa’uu Boordiin Filannoo Itoophiyaa beeksiseera.
Sababa rakkoo nageenyaa adeemsa galmee filattootaa irratti danqaawwan mul’ataniin komii dhiyaatan qulqulleessuuf yeroon waan barbaachiseef guyyaan sagaleen itti kennamu naannolee tokko tokkotti akka geedddarmu taheera jedheera.