Bul/Magaalaa Naqamtee: Ajjeechaa Obbo Malkaamuu Fayyisaan kanneen shakkaman to'atamaa jiru

Madda suuraa, Melkamu Feyisa/Facebook
Obbo Malkaamuun naannawa mana isaaniitti ajjeefamuu bulchiinsi magaalichaa beeksiseera
Kanneen ajjeechaa qondaala bulchiinsa Magaalaa Naqamtee Obbo Malkaamuu Fayyisaan shakkaman to'atamaa jiraachuu bulchiinsi magaalichaa BBC'tti hime.
Obbo Malkaamuu Fayyisaa, ganna 35, guyyaa kaleessaa Sambataa waaree booda naannoo sa'aatii 11 ajjeefamuu ibsameera.
Kominikeeshiniin magaalichaa Fesbuukiiaan akka beeksisetti qondaalli kun naannoo mana isaanii bakka Waldaa Araaraa jedhamee beekamutti rukutaman.
Erga haleellaan irratti raawwatee booda Hospitaala Ispeshiyaalizdii Naqamtee seenuu isaanii BBC'n odeeffateera.
''Namoonni shakkamanii to'ataman jijjiru. Namoonni muraasni shakkiidhumaan to'atamaniiru, ganaa qulqullaa'a,'' jechuun Itti-gaafatamaan Bulchinsaafi Nageenya Magaalaa Naqamtee Obbo Misgaanuu Waaqgaarii BBC'tti himaniiru.
''Qaama hin beekamneen rukutamee fuudhamee hospitaala galee ture. Hospitaalatti boqoteera. Kaleessuma galgala boqote,'' jechuun himan.
Obbo Misgaanuun waa'ee namoota to'ataman jedhan lakkoofsaan hin himne.
Obbo Malkaamuun yeroo ammaa Itti- gaafatamaa Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Magaalaa Naqamtee ta'uun tajaajilaa turan.
Erga ajjeechaan isaanii kaleessa raawwatee booda guyyaa har'aa owwaalchi isaanii raawwatameera.
Magaalaa Naqamteefi magaalota Lixa Oromiyaatti ajjeechaan irra deddeebbii qondaalota mootummaa irratti xiyyeeffate raawwataa ture.
Ajjeechaawwan kanaan duraa kanaaf mootummaan garee 'Abbaa - torbee' jedhamuufi damee WBO paarlaamaan Itoophiyaa galmee shororkeessummaatti labseeti jechuun himata tureera. Isaan garuu kana ni waakkatu.
Ammatti sababni ajjeechaa kanaa ajjeechaa kana dura raawwataa turaniin walfakkaachuu isaa hin baramne.
Obbo Malkaamuun eenyu, nama akkamiiti?
Obbo Malkaamuun baranuma baatii Fulbaana keessa damee barnootaa Bulchiinsa Biiznasiin Digirii Lammataan eebbifaman.
Madda suuraa, Melkamu Feyisa/Facebook
Obbo Malkaamuun baatii tokko dura digirii lammataan eebbifaman
Osoo sadarkaa bulchiinsa magaalaa Naqamteetti hin hojjetin kutaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee Calalaqii jedhamutti dalagaa turuu BBC'n odeeffateera.
Namoonni waa'ee qondaala kanaa gaafanne 'nama gaarii, nama nama gargaaruun beekamuufi nama taphaatu' jechuun ibsan.
Bulchiinsi magaalichaas '' halkaniifi guyyaa utuu dadhabe hin jedhin rakkoo hoji dhabdootaa furuuf nama ifaaju,'' jechuun isaan ibse.
Waa'ee qondaala ajjeefame kanaa kan gaafanne Itti-gaafatamaan Bulchinsaafi Nageenyaa Magaalaa Naqamtee Obbo Misgaanuunis kanuma ibsu.
''Nama guddaa, nama jaalala biyyaaf qabu, quuqama sabaaf qabu, nama hooggansa jiru keessa qaxalee ta'e. Xiqqaafi guddaa biratti jaalalaafi ulfina guddaa nama qabudha,'' jechuun himan.
Oduulee walitti dhihaatan:
- Qondaalli mootummaa Wallagga Lixaatti ajjeefaman
- Ajjeechaa Naqamtetti raawwatamerratti waan odeeffanne
- Itiyoo telekoom Obbo Gammachis du'a oolchuu danda'a turee?
- Qondaalli nageenyaa magaalaa Buraayyuu ajjeefaman, kaan madaa'an
- Ajjeechaan kantiibaa Gullisoo hojjettoota mootummaa rifaasise
- Gabra Gurraachaatti hidhattoonni ajajaa poolisii rukutani