Daa'imni waggaa afurii baddee torban lamaan booda akkamiin lubbuun argamte?

Daa'ima waggaa afurii Kilihoo Ismiiz

Madda suuraa, WA POLICE

Awustiraaliyaa baadiyyaa keessatti daa'imni waggaa afurii baddee turte guyyoota 18 booda lubbuun argamuushee poolisiin biyyattii beeksise.

Akkamii fi eessatti argamte?

Daa'imni maqaan ishee Cleo Smith jedhamtu kun magaalaa Kaarnaariivoon jedhamtu keessatti ture kan ija maatiishee jalaa miliqxe.

Daa'imni kun miliquu hordofees poolisoonni guyyoota kana hundaaf hanga ijibbaatanitti barbaadan.

Barbaachi poolisoonni osoo dadhabne hin jedhiin taasisan lafatti hin hafne, mucaan kun baddee guyyoota 18 booda argatan.

Daa'imni kun mana nama umuriin isaa waggaa 36 ta'e tokkootti kan argamte yoo ta'u, poolisoonni mana nama kanaa cabsanii seenuun lubbuu daa'imattii baraaranii namicha to'annoo jala oolchuun qorataa jiru.

Poolisii Westarn Awustiraaliyaatti Itti-aanaa Komishinaraa Koloneel Bilaanch turan kan kana beeksisan.

Daa'imni kun yeroo argamteetti gaaffiin jalqabaa isheef dhiyaate 'maqaan kee eenyu?' kan jedhu yoo ta'u, miseensa poolisii tokkotti maqaashee himachuu Koloneeliin kun himeera.

Daa'imni kun maatiishee muddama cimaa keessa turan waliin kan wal argite yoo ta'u, 'maatiin keenya hir'atee ture amma guuteera' jechuun haati daa'ima kanaa Elii Ismiiz fuula Instagram irratti barreessite.

Namichi daa'imni biratti argamtee to'annoo poolisii jala oolfame kun ammoo maatii daa'ima kanaa waliin hariiroo kamiyyuu akka hin qabne ibseera.

Madda suuraa, ABC

Poolisiin ammoo akkaataa Kileyoo argee baraare ilaalchisee wanta jedha akka qabu himuun yeroon isaa wayita gahu akka ifa godhu dubbateera.

Kora jijjiirama haala qilleensaa Iskootilaand, Gilaasgootti gaggeeffamurratti hirmaachaa turanii gara biyyaatti deebi'aa kan jiran pirezidantiin Awustiraaliyaas oduu daa'imni kun argamuu dhaga'uu isaaniif gammachuu itti dhaga'ame fuula tiwiitara isaaniirratti isan.

Aanga'oonni daa'imni kun eessa akka jirtu nama eerumsa kenneef dolaara miliyoona tokko akka kennuuf waadaa galanii turan.

Hanga ammaa waa'ee taatee kana wanta beekamu?

Maatiin Kileeyoo bashannanaaf gara magaalattii deemanii dunkaana dhaabbatan keessa Kileeyoofi obboleettiin ishee kutaa dunkaanichaa tokko keessa rafanii turan.

Kutaa biraa keessa kan bulte haati Kileeyoo guyyaa itti aanu ganama barii yeroo deemtutti Kileeyoo akka dhabde dubbatti.

Kana hordofee poolisiin karaa qilleensaan, akkasumas galaanarrallee garee bobbaasuun dhalattuu kana barbaachisaa turee dhumarratti argachuu danda'eera.

Madda suuraa, AFP

Koreen miseensota poolisii 100 of keessaa qabu magaalaa guddoo kutaa biyyattii Perzirraa garasitti bobbaafamee kan ture yoo ta'u, galaana, lafaafi samiirra injiranii barbaadaa turaniiru.

Daa'imni kun baduun biyya keessaarra darbee hanga addunyaatti qalbii hawwatee tureera.

Komishinarri Itti-aanaa Bilaan Bilaanch waan akka "lilmoo cidii keessa barbaaduu" waan tureef odeeffannoo kumaan lakkaa'aman walitti qabataa turre jedhe.

"Kibxata darbe galgala garuu odeeffannoo arganne gargaarumuun Kileeyoo argachuu dandeenyeerra."

Poolisiin odeeffannoon waa'ee konkolaataa tokko ilaallatu akka gargaaraman himeera, garuu konkolaataan jedhamu kun akkamiin akka isaan gargaare hin ibsine.

ABC News akka gabaasetti ammoo, namni daa'imni keessatti argamte tokko dhiyeenya kana osoo daayipparii bituu warri ollaa arganiiru.

"[Daayipparii] kana eenyuuf akka bitu garuu hin qoranne," jechuun ABC News'tti dubbate jiraataan ollaa namichaa kun.