Tarkiin fayyaa pirezidaant Erdogan ilaalchisee barreeffama maxxanfaman qorachaa jirti

Madda suuraa, Getty Images
Aanga'oonni Tarkii namoota 30 waa'ee fayyaa Pirezidaant Resiip Tayiip Erdogaan ilaalchisuun oduu burjaajessoo ta'an karaa tiwiitaraa tamsaasan jedhan irratti qorannoo seeraa gaggeessuu jalqaban.
Poolisiin akka jedhutti, namoonni qorannoon seeraa irratti jalqabame kunneen "barreeffama qabiyyeen isaa dhiibbaa hin taane uumu" Tiwiitara irratri karaa hashtag #olmus (Tarkii keessatti du'e) jedhu oofaa jiru.
Wanti hashtag kun yeroo fayyaa Pirezidant Erdogaan ilaalchisee shakkiin dabalaa jirutti tatamsa'uu jalqabe.
Deeggartoonni Pirezidaantichaa ammoo suura isaa yeroo inni hojiitti jiru qoqqooduudhaan shakkiiwwan ka'aa jiran kana busheessuuf yaaluutti jiru.
Namoonni siyaasaa mootummaa Pirezidant Erdogaaniin morman yeroo baayyee waa'ee fayyaa pirezidaantichaa gaaffii yeroo kaasaniifi olola qabatamaa hin taane waggootaaf oofan ni dhaga'ama.
Umuriin isaa yeroo ammaa waggaa 67 kan ta'e Pirezident Eroogaan, bara 2011 keessa marrummaan gara gadiirratti wallaansa baqaqqasanii yaaluu taasifatanii ture.
Erga bara sanaatii Pirezidaantichi gabaasaaleen dhibeen isaa kun kaanserii ta'a jedhamuun shakkamu si'a baayyee haalaa turan.
Torban kana keessa shakkiin miidiyaa hawaasummarratti akka haaraatti ka'uu hordofee aanga'oonni paartii biyya bulchaa jiru Paartii Haqaafi Misoomaa (AKP) hojiiwwan pirezidaantichaa maxxansaniiru.
Gaafa Roobii, Pirezidant Erdogaan waggaa 19ffaa paartiin isaa aangoo biyyattii itti qabate kabajuudhaaf sagantaawwan baay'ee magaalaa guddoo biyyattii Ankaaraa keessatti qophaa'erratti hirmaataniiru.
"TDursaan kun Istaabul irraa gara ankaaraa dhufaniiru. Fayyaan isaanii haala baayyee gaariirra jira," jechuun miseensa paartii AKP kan ta'e Ahimet Hamii Kamliin barreesseera.
Kun osoo kanaan jiruu, daarektarri Komunikeeshinii Pirezident Erdoogaan, Faahretiin Altuun, viidiyoo gababaa yerpp pireziaantichi kokolaataa waajiraa isaanii keessaa bahan agarsiisu tiiwiitara irratti gadhiisaniiru.
"Michootaaf abdii, diinotaaf ammoo sodaa," jechuun barreesse Obbo Altuun.
Miidiyaaleen Tarkii akka jedhanitti shakkiin waa'ee fayyaa pireziaant Erdogaan kan hafarfame viidiyoo Jimaata darbe yeroo pirezidaantichi suuta deeman agarsiisu bahe booda ture.
Dhukkubsachuu pirezidaantichaa ilaalchisee hamiin wal fakkaatu ji'a darbe dhaga'amnaan, qondaalli komunikeeshinii Pirezidant Erdogaan viidiyoo tokko osoo inni kubbaa kachoo taphatuu qoode.
Waa;ee fayyaa Pirezidant Erdogaan ilaalchisee wallaansa marrummaan baqaqqasanii yaaluu bara 2011 isaaniif taasifameetiin ala yeroo hedduu ifatti hin ubbatamu.
Pirezidaantichi kanaan dura hojiitti yeroo ko'oommatan mul'atu. Yeroo hedduus hawaasa duratti dhiyaatanii haasaa dheeraa taasisuun beekamu.
Pirezidant Erdoogan dhiyeenya kana guyyoota sadiif gara Afrikaatti imalanii kan turan. Akkasumas, kora gaggeessitoota addunyaa G20 Xaaliyaan Room keessatti gaggeeffamerratti hirmaataniiru.
Pirezidant Erdogaan kora jijjiirama haala qilleensaa COP26 UN Gilaasgootti gaggeeffamurratti Wixata argamuuf karoorfatanii ture garuu saganaataa isaanii haqaniiru. Sagantaa kanarraa hafuu Pirezidaantichaa ilaalchisuun waajirri isaanii sababiiwwan dhimma nageenyaan walqabateen hafan jedheera.