Afrikaan Chaayinaa fi US walmorkuu caala akka waliin hojjetan feeti
- Dikeens Oleeweetiin
- BBC News

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoonni Afrikaa kudha torba yaa'ii Dimookirasii guyyaa lamaa pireezidantiin US Joo Baayidan qopheessan irratti hirmaachaa kan jiran yoo ta'u, sagantichi aardii kana keessatti morkiin US fi Chaayinaa jabaan jiraachuu kan irratti calaqqise jedhu ogeeyyiin.
Yaa'iin kun kan eegalame Foramiin Tumsa Chaayinaa- Afrikaa(Focac) magaalaa guddoo Senegaal Daakaaritti gaggeefamee torban tokko booda.
Chaayinaan aardii Afrikaa keessatti michuu daldalaa guddoo taatee argamaa jirti.
Pireezidantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing biyyi isaanii hojiilee inveestimantii Afrikaaf dameelee akka qonnaa, diinagdee dijitaalaa, jijjiirama qilleensaa, indaastiriif jecha doolaara biiliyoona 40, dabalataan ammoo talaallii Koronaa doozii biiliyoona tokko ramaduu isaanii beeksisaniiru.
Dhaabbata 'Center for Global Development' jedhutti qorataa imaammataa kan tahe W Gyude Moore ''Biyyi hammuma dimookraatawaa deemte, gara Chaayinaatti siiqxi'' jedha.
''Afrikaa keessatti wanti akkaan barbaadamaan bu'uura misoomaati. Waggoota 20 darban deeggarsaaf kan itti deeman ammoo Chaayinaadha'' jechuunis ibsa.
Madda suuraa, Twitter/Nairobi Expressway
Daandii saffisaa Naayiroobi km 27 dheeratu kan fandii Chaayinaan ijaarame
Filannoofi Bu'uura misoomaa
Afrikaa keessatti bu'uurri misoomaa qaama filannoo biyyaalessaati. Gaambiyaatti, pireezidant Adamaa Baaroow riqicha guddaa Chaayinaan hojjetamee fi daldala Seenegaal waliin si'eesse akkasumas piroojektii daandii guddaa Chaayinaa ijaarsisuuf karoorfameen deeggaramanii marroo lammataaf filatamaniiru.
Walgahii Focac isa Senegaalitti qophaaye irratti Seeraaliyoon riqicha guddaa km 7 dheeratuufi magaalaa guddoo Firiitawuniin buufata xiyyaaraan walqunnamsiisu Chaayinaan akka ijaartu walharkaa fudhiinsi raawwatameera.
Piroojeektii Ministiroonni haajaa alaa biyyoota lamaanii eegalsiisan kun baasii doolaara biiliyoona 1.2 ijaarama.
Yunivarsiitii Okisfoorditti gargaaraan qorannoo Folashade Soule-Kohndou namootni siyaasaa Afrikaa irra hedduu waadaa filannoof galan kabajuuf yeroo hedduu deeggarsa maallaaqaa ijaarsa bu'uura misoomaa Chaayina fedhu jedha.
Akka Baankiin Misoomaa Afrikaa jedhutti fedha bu'uura misoomaa guutuuf biyyootni Afrikaa waggaatti biiliyoona 130-170 isaan barbaachisa haata'u malee ammatti kan argachaa jiran doolaara biiliyoona 68-108 gidduudha.
Ta'us qaawwi kun deeggarsa Gamtaa Awurooppaa doolaara biiliyoona 340 ta'uufi sagantaa Build Back Better kan mootummaan US bu'uura misoomaarratti hojjetu duuduu mala.
Tokkummaa Chaayinaa fi US
Ogeessii daldalaa Francis Mangeni sagantaaleen biyyoota lamaanii adda addaa wal dorgomuu caala waliin ta'uurratti xiyyeeffachuu isaaniitu Afrikaaf bu'aa buusa jedha.
''Dhiibbaa Chaayinaan Afrikaa keessatti uumaa jirtu akka rakkootti ilaalanii dorgommiifi morkachuurra kan nattii fakkaatu humnoonni biroonis walsimsiisanii deemuu qabu'' jedha.
Humnoonni kunniin walsimanii deemuu akka danda'an biyyootni Afrikaa gahee akka qabaniis himaniiru.
Moore'n Afrikaan madda maallaqa ijaarsa misoomaa bu'uuraaf feetu babal'isuu qabdii jedhu. Itti dabaluunis Chaayinaan bu'uura misoomaa gatii madaalwaan hojjechuun Afrikaa keessatti filatamaa kan jirtu ta'uufi kunimmoo kaampaniiwwan US'tti dorgomuuf qormaata ta'uu dubbata.
''Haata'u malee US misooma humna namaan jabduudha. Yunivarsiitileen isaanii addunyaarratti isaan gaariidha. Sirni Fayyaasa akkasuma. Chaayinaan Hospitaala yoo ijaarte US ammoo hakiimota leenjisuu danda'u'' jedha Moore.
Baayyinni uummata Afrikaa bara 2050'tti dachaan dabalee biiliyoona 2.5 gaha jedhamee kan tilmaamamu yeroo ta'u, misoomni diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa murteessadha.
Madda suuraa, Getty Images
Pireezidant Shii Jiinpiin viidiyoon Focac irratti yoo hirmaatan
Daldala waloo biyyoota Afrikaa cimsuuf sagantaan Amajjjii darbe eegale , 'Africa Free Continental Trade Agreement (AfCTA)' kaayyoowwan qabaman galmaan gahuuf gahee guddaa qabaata.
Wixinee Chaayinaan sagantaa 'Belt and Road' fi sagantaa walitti daldala biyyoota Afrikaa cimsu AfCTA walitti hidhuu ammoo daldala aardichaa fi kan achii oliitiifis gumaata guddaa qabaa jedha Mangeniin.
Afrikaa keessatti daldala qaala'aa wanti godhu baasii geejibaati. ''Namootni Chaayinaa qeeqan bu'uura misoomaa irratti hojechuuf itti hin lixne'' jechuunis dubbatu.
Yaa'ii Dimookiraasii US irratti kan hin affeeramne pireezidantiin Ugaandaa Yuweerii Museveenii abbootii qabeenyaa Chaayinaaf karra isaanii banaa godhaniiru. Kanneen warra Lixaa fedha hedduu hin qabanis jedhama.
Chaayinaan misooma Afrikaa keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraattis biyyootni Afrikaa imaammata waloo qabaachuu qabuu jedha Centre for Africa-China Studies irraa kan ta'e Davice Monyae.
''Chaayinaan erga bara 2006 dhimma Afrikaa ilaalchisee imaammata sadii baafteetti Afrikaan garuu hanga ammaa Chaayinaa waliin hojjechuurratti imaammata tokko hin baafne'' jedha.
Afrikaan dirree dorgommii ta'uu caalatti hoogganootni aardittii walitti dhufanii hiree isaaniirratti murteessuu qabuu jedhu xiinxaltootni.