'Dubartiin kamiyyuu gochaa ani dalageef saaxilamuu hin qabdu'

Nama miidhaa mana keessaa raawwachuurraa barnootaan deebi'e
Miira isaaf jecha maqaa Rob jedhuun seenaa isaa kan qoode dargaggoon tokko 'Dubartiin kamiyyuu gochaa akka ani dalageef saaxilamuu hin qabdu' jedha.
Rob barnoota miidhaa saalaa mana keessaa hambisuuf kennamu kan mana murtii maatiin itti murtaahe erga fudhatee xumuree gocha isaatti saalfaachuu hime.
Amma dura hidhamee kan ture ta'us, miidhamtuun isa himachuuf fedha akka hin qabne ibsuu ishee hordofee poolisiin tarkaanfii biroo hin fudhanne
UK bulchiinsa Laanshaayeritti sagantaan 'Make the Change Perpetrator Prevention Programme' namoota miidhaa saalaa mana keessaa raawwatan barsiisuutti jira.
Barnootni kun bara 2011 jalqaba kennamuu kan eegale yeroo ta'u, dhiironni 216 ta'an badii isaanii amananii amala isaanii jijjiiruuf yaalaniiru.
Namoota leenjii kana gariin ykn guutummaatti xumuran keessaa walakkaa ol kan ta'an waggaa tokko keessatti miidhaa kamuu hin geessifne.
'Ofittoon ture'
Barnoota kana eegaluun dura xiqqoo yaadda'een ture jedha Rob.
''Dhugaa dubbachuuf bakka kanatti argamuu hin barbaadu ture. Amalli koo duranii rakkoo qaba jedhee hin amanun ture.''
Amma garuun sagantaan kun deeggarsa argachuun isarra jiru akka ta'e hubateera.
''Jaalalaan yeroon ture...qoricha sammuu hadoochuuniin si'aawa, baayyeen aara, baayyeen hammaadha, ilaalcha sirrii hin taane waaniin qabaadhuuf harka koo jaalallee koorratti nan kaasa ture'' jechuun BBC'tti himeera.
Miidhaa mana keessaa akka ta'e hin beekun ture leenjii kanaaniin hubadhe jechuunis dubbata.
''Of akkan ilaalu na taasiseera. Yeroon jaalallee qabaachaa ture ofittoon ture.
''Kaniin ani jedhuun malee karaan hin jirun jedha. Jaalallee koorraa yoon waa barbaade akkamittuu ta'een argachuuf fala barbaada, miiraan miidhuunis ta'e qaamaan miidhuun. garuu michummaan akkas miti'' jedha.
Enyuyyuu jijjiiramuu danda'as jechuun akkaataa ittiin jijjiiramu isa sirrii aragachuun barbaachisaa ta'uu hima.
Aaron Thornley namoota barnoota kana qindeessan keessaa tokko
Qindeessaan barnoota kanaa Aaron Thornley dhiibbaa miidhaan mana keessaa qabu mara ni beeka, ofiis mana rakkoon akkasii keessa jiru keessatti guddate. Abbaan biddeenaa isaa harmeesaa yoo miidhan araa guddate.
Namni hunduu carraa lammataa argachuu qaba jedhee amana.
Miidhaan yeroo qaqqabu kan sammuutti nu dhufu adabbiidha hidhaa fa'a garuu achii booda maaltu ta'a? jechuun gaafata.
Achii booda isaan dhiifna? gocha isaaniitti yoo deebi'an ni dhiifna moo sagantaa akka kanaan gidduugallee gargaarra? jechuunis gaaffii dabalataa dhiyeessa.
''Qaama oduu milkaahinaa ta'uu qabna. Namni tokko jijjiiramee osoo nama hin miidhiin yoo deemee jireenya wayyaa'aa gaggeesse hojiin keenya milkaaheera'' jedha.
Sagantaa kanaan jijjiirame Dean gama isaan namoota lama irratti miidhaa geessisuun yakkameera.
Dhugaatiin qaama rakkoo kanaati jedha.
''Rakkoo tokko furuu keen dura rakkoo qabaachuu kee amanuu qabda'' jedha.
Wantoota hunda gochaa ture sirriitti hubatee gochaa akka hin turre jedha.
Dean gocha isaatti qaana'uu fi daandii isaa sirreessuf murteessuu dubbate.
''Jaalalee keenya fuula duraaf gaarii ta'uu qabna, ijoollee koof. Ijoollee koof jedheen kan godha.''
Michelle Hill 'namootni jijjiiramuu danda'u' jettee amanti
Mootumman UK miidhaa mana keessaa fi dhiibbaawwan biroo inni hordofsiisu hanqsuuf dhaabbilee akka kanaaf £11m ramadeera.
Hooggantuun Talk Listen Change Maanchistar jiruu Michelle Hill ''Namootni amala isaanii jijjiiruuf kaka'uumsa yoo qabatan carraan sun kennamuufi qaba'' jettee amanti.
''Adeemsa dheeraa fi walxaxaa ta'us dhumarratti ni hojjeta jennee amanna qaama hojiilee miidhaa mana keessaa hambisuutis'' jetti.