'Itoophiyaan biyya Sahaaraa gadii gaazexeessitoota hedduu hiite lammaffaadha' - CPJ

Madda suuraa, Reuters/Tiksa Negeri
Dhaabbanni idil-adunyaa mirga gaazexeessitootaaf falmu CPJ gabaasa bara 2021 isaa keessatti Itoophiyaan gaazexeessitoota sagal hidhuun biyyoota Sahaaraa gadii keessaa lammaffaa irra jirti jedhe.
'Committee to Protect Journalists' (CPJ) gabaasa har'a baaseen biyyoota Sahaaraa gadii keessaa gaazexeesitoota hidhuun biyyi jalqaba irra jirtu Eertiraa tahuu ibse.
Gabaasichi gaazexeesitootni sagal Itoophiyaa keessatti hidhaarra jiraachuu isaanii ibsuun kunis waggoota muraasa dura fooyya'insa biyyattiitti mul'atee ture duubatti deebiseera jedhe.
Waggoota sadii dura MM Abiy Ahimed erga gara aangootti dhufanii booda Itoophiyaan waggoota 13 booda biyya gaazexessaan tokkollee keessatti hin hidhamne jedhamuun ishee ni yaadatama.
Yeroo sanas guyyaan Walabummaa Pireesii Adunyaa magaala guddoo biyyattii Finfinneetti kabajamee ture.
"Biyyoota Sahaaraa gadii keessaa Itoophiyaatti walabummaan pireesii akka malee duubatti deebi'eera. Mootummaan Abiy Ahimed gaazexeesitoota hidhuun Eertiraatti aanuun lammaffaa taheera,'' jechuun CPJtti Daarikterri Editooriyaalii Arleen Geets dubbataniiru.
Waraanni mootummaa federaalaa fi humnoota finciltootaa naannoo Tigiraay keessa jiran waliin gaggeeffamaa jiru hidhaa kanaaf sababa tahuu himaniiru.
Haaluma kanaan gaazexeesitoota hidhaarra jiran sagal keessaa jaha walakkaa ji'a Onkoloolessaa eegaluun erga waraanichi hammaatee labsiin yeroo muddamaa labsamee kanneen hidhamanidha jechuun daarikterittiin himaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa gabaasa CPJ'n baase irratti hanga ammaatti waanti jedhe hin jiru.
Walumaagalatti aardii Afrikaa keessaa gaazexessitoota 25 hidhuun Masiriin tokkoffaa yoo taatu Itoophiyaa fi Eertiraan sagal sagal hidhuun lammaffaa fi sadaffaa qabataniiru.
Akkasumas CPJ'n gabaasa isaa keessatti gaazexessaa dhaabbata OBN kan ture Siisay Fidaa kan naannoo Oromiyaa magaalaa Dambi Doollootti ajjeefame dabaluun caqaseera.
CPJ'n waa'ee Siisay Fidaa irratti gabaasa kana dura baaseen namoota eenyummaan isaanii hin beekmnee 'Abbaa Torbee' jedhamaniin ajjeefame jechuun qondaalonni naannichaa ibsuu caqasuun gabaasee ture.
Walumaagalatti adunyaa irratti gaazexeesitootni 19 bara kana ajjeefamaniiru. Bara darbe gaazexeesitoota 22 ture kan ajjeefaman.
Dabalataan gaazexeesitootni sadii bakka waraanni jiru seenanii osoo gabaasanii lama ammoo fincila marfata irraa osoo gabaasanii ajjeefamuu isaanii CPJ'n gabaaseera.
Indiyaa fi Meksiikoon biyyoota gaazexesitootni baay'inaan itti ajjeefaman jalqabaa tahuun yoo dursan, Burkinafaasoo, Somaaliyaa fi Kolombiyaan itti aanu.
Chaayinaan waggoota sadiif walitti aansuun hidhaa gaazexeesitootaan sadarkaa tokkoffaa yoo qabattu, bara 2021 xumuramaa jiru kanatti gaazexeesitoota 50 hiiteetti.
Maayinamaar, Masirii fi Veetinaam Chaayinaatti aanuun sadarkaalee itti aanaan qabatu. Itoophiyaan ammoo akka adunyaatti hidhaa gaazexeesitootaan sadarkaa 1ffaa kan qabatte yoo tahu, walumaagala adunyaa kanarratti gaazexeesitootni 293 hidhamanii jiru.
Isaan keessaa %14 kan tahan dubartoota. CPJ'n lakkoofsi kun erga ragaa walitti qabuu jalqabeen as isa guddaa tahuu fi biyyootni adda addaas baratti seera teeknolojii haaraa itti baasan tahuu eerere.