'Guutummaa Itoophiyaatti namootni miliyoona 23 deeggarsa namoomaa barbaadu'

Buqqaatuun naannoo Affaar hojjetaa Fannoo Diimaaf odeeffannoo wayita kennitu

Madda suuraa, IFRC

Ibsa waa'ee suuraa,

Buqqaatuun naannoo Affaar hojjetaa Fannoo Diimaaf odeeffannoo wayita kennitu

Guutummaa Itoophiyaatti namooti miliyoona 23 ta'an deeggarsa namoomaa akka barbaadan Federeeshiniin Waldaalee Fannoo Diimaa fi Addeessa Diimaa Idil-Addunyaa fi Waldaan Fannoo Diimaa Itoophiyaa ibsa waloo kennaniin beeksisan.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa waggaa tokko lakkoofsise namoota miliyoonaan jiruu fi jireenya isaanii diigeera jedhe ibsichi.

Waraana Kaaba Itoophiyaatti dabalataan ongee, hanqina nyaataa, weerara dhukkubaa, hoji dhabdummaa, dhukkubni midhaanii fi buqqaatiin uummataa rakkoo jiru hammeesseera jedhan barreessaa olaanaa Waldaa Fannoo Diimaa Itoophiyaa Obbo Geetaachoo Xahaa.

"Ariitiin tarkanfiin hin fudhatamu yoo ta'e, lubbuu namoota miliyoonaan lakkaa'amuu gaaga'uu danda'a" jedhan.

"Rakkoowwan duraan turanirratti waraanni dabalamee rakkoo namoomaa ture hammeesseera" jedhan Obbo Geetaachoon.

Itoophiyaan durumaanuu biyya jijjiirama qilleensaa, weerara hawwaannisaa, hanqina roobaa, weerara Covid-19 fi danqaalee hawaas-diinagdee biroon raafamaa turte yoo taatu kanarratti waraanni yoo dabalamu lakkoofsa namoota gargaarsa fedhanii guddiseera.

Hanqinni nyaataa sadarkaa yaaddessaarra gaheera, gargaarsi namoomaa kaanis akkanuma barbaachisa.

Nyaata, Bishaan, maallaqa, tajaajila fayyaa, dawoo, meeshaalee bu'uuraa mana keessaa, meeshaalee qulqullinaa fi deeggarsi xiin-sammuu gargaarsa namootni miliyoona 23 ta'an kunneen barbaadan keessaati.

IFRCn gargaasa kennaa jiru guddisuun, 'gargaarsa yeroo hatattamaa' labseen dabalataan namoota 660,000 bira gahuuf akka jiru hime.

Haata'u malee fedhi jiruu fi leeccaloon dhaabbatichi qabu kan wal madaalu akka hin taane hime. Dabalataan firaankii Siwiiz miliyoona 27 akka barbaadu beeksise.

Dhiyeessii deeggarsaa

UNtti waajjirri deeggarsa namoomaa qindeessu (OCHA)n ibsa baaseen ammallee namoonni hedduun Lixa Tigraay, Amaaraa fi Affaar keessaa buqaa'aa jiraachuu hime.

Hanga yeroo dhiyootti to'annoo finciltootaa jala kan turan magaalota akka Shawaa Roobiit fi Laalibalaa keessaa namootni kuma kudhaniin lakkaa'aman buqq'uu himeera dhaabbatichi.

Namootni Lixa Tigraay irraa buqqa'anis gara godinaalee ollaa Tigraayitti baqachuu himeera.

Dhaabbatichi Onkoloolessa 1 hanga 7 jidduu konkolaattonni gargaarsa namoomaa fe'an 44 gama Affaariin Tigraay seenuu beeksiseera.

Guyyaatti konkolaataa gargaarsa namoomaa fe'ee Tigraay seenuu qabu 100 waliin yoo madaalamu kan seenaa jiru xiqqaadha jedhe.

Onkoloolessa 25 hanga sadaasa tokko Tigraay keessatti namoota 43,000f deeggarsi godhamuus ibseera.

Naannoo Amaaraatti hospitaalonni fi man-kuusawwan nyaataa akkasumas dhaabbileen tajaajila uummataa hedduun saamamaniiru jedhe OCHAn.

Naannoo Amaaraatti Onkoloolessaa as namoota 947,000 ta'aniif gargaarsi namoomaa kennamuu hime.

Naannoo Affaaritti ammoo lakkoofsi namoota gargaarsa namoomaa argatanii 16,000 ta'uu ibse.

Komiishinarri Komiishinii Ittisa Sodaa Balaa Federaalaa Mitikkuu Kaasaa ibsa Kamisa miidiyaaleef kennaniin mootummaan Itoophiyaa naannolee waraanaan miidhaman gargaarsi namoomaa akka dhaqqabu gochuuf hojjechaa jiraachuu himan.

Keellaa sakatta'iinsaa xiqqeessuu, hojjettoota gargaarsa namoomaaf Viizaa dheeressuu, imala hayyamuu, meeshaa qunnamtii fi maallaqa callaa hayyamuu kaasan.

Haata'u malee UN gocha TPLF rakkoon namoomaa akka hammatu gochaa jiru balaaleffachaa hin jiru jechuunis himatan.