Feltimaan har'aa jalqabee gara UAE, Tarkii fi Masrii imaluun waa'ee Itoophiyaa mari'atu

Madda suuraa, Getty Images
Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa US Jeefrii Feltimaan, dhimma Itoophiyaa irratti mari'achuuf gara Yunaayitid Arab Emireetis (UAE), Tarkii fi Masrii ni imalu.
Dubbi-himaan Waajira Dhimma Alaa Ameerikaa Ned Piraayis ibsa Roobii kennaniin, Ambaasaaddar Feltimaan Muddee 09 irraa eegalee imala isaanii eegalu jedhan.
''Lolli kaaba Itoophiyaa jiru, nageenyaafi tasgabbii Gaanfa Afrikaaf sodaa akka tahe ni beekna,'' kan jedhan Ned Piraayis, Aabba Feltimaan gara biyyoota kanaatti imaluun, michoota wajjiin ni mari'atu jedhan.
Dubbi-himaan kun dabaluun, mootummaan Ameerikaa lola kanaaf tarkaanfiin waraanaa furmaata hin tahu jedhee akka amanu yaadachiisan.
Ergamni ambaasaaddarichaas, waraana kana dhaabsisuuf ''dippiloomaasii - furmaata isa duraa, dhumaafi isa qofaa'' tahe gochuun qaamoleen wal waraanan, haalduree tokko malee dhukaasa dhaabuun, garaagartee isaanii mariin akka furan taasisuudha jedhan.
Aabba Feltimaan yeroo dhumaatiif gara Itoophiyaa kan dhufan, finciltoonni TPLF magaalota Daseefi Kombolchaa to'achuun, magaalaa Finfinnee galuuf fedhii akka qaban wayita himaa turanitti.
Feltimaan torban lamaan dura imalasaanii Itoophiyaa keessaa goolabuun wayita ibsa kennanitti, kaayyoon MM Abiy Ahimad finciltoota TPLF naannolee Amaaraafi Affaar keessaa godaansisuudha jedhanii turan.
''Humnoota Tigraay dhiibuun gara kaabaatti deebisuun akka danda'amu amanu. Kanarratti garuu gaaffiin qaba. Dhuma Waxabajjiitti yeroo raayyaan ittisa biyyaa Tigraay gadhiisee bahee booda kaartaa yoon ilaalu, dhimma kanarratti shakkii natti uumeera,'' jechuun dubbatanii turan.
Haa tahu malee MM Abiy waraana hoogganuuf gara adda waraanaatti duuluu isaanii hordofee waraana gaggeeffameen, naannoleen hedduu finciltootarraa bilisa bahaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa magaalota kanneen kan gadi dhiisise injifannoo waraanaatiini yoo jedhu, TPLF garuu tarsiimoof jecha magaalota kana gadi dhiisuu hime.
Imala Feltimaan naannichatti taasisan
Ambaasaaddar Feltimaan waa'ee Itoophiyaa mari'achuuf biyyoota dhiyeenyatti argaman mariisisuun isaanii kun kan jalqabaa miti. Namni siyaasaa kun amma durallee biyyoota Baha Giddugaleessaa kaanitti imalanii turan.
Ji'ootaan duras Sudaan, Keeniyaa, Ertiraa fi Masrii imaluun dhimma Itoophiyaarratti marii taasisanii turan.
Ji'a Caamsaa keessas waa'ee Hidhaa Haaromsaa Laga Abbayyaa irratti ijaaramaa jiruufi nageenya Gaanfa Afrikaa irratti mari'chuuf kaayyoo jedhuun, Qataar, Sa'udii Arabiyaa, UAE fi Keeniyaa imalanii turan.
Imalli gara UAE, Tarkiifi Masrii maaliif?
Yunivarsiitii Kiil, UK argamutti barsiisaa seeraa kan ta'an Dr Awwal Aloo imalli Feltimaan dhiibbaa dippilomasii qaamonni lola keessa jiran lola dhaabanii mariitti akka seenan fiduuf kan kaayyeffate akka ta'e himu.
Mootummaan Itoophiyaafi TPLF lamaanuu ''injifanneeti rakkoo kana furra,'' ilaalcha jedhu qabu kan jedhan Dr Awwol, qaamota kana mariitti fiduuf sababa Ameerikaan michuu biyyoota kaan barbaaddef akkanaan himu.
''Waraanni kuni itti haa fufuuf gaheen biyyoota kanaa murteessaa waan ta'ef biyyoota kana wajjiin hubannoo hanga tokko qabaachuun barbaachisaadhaa wanta jedhurraa natti fakkaata,'' jedhan.
Biyyoonni sadan kunniin, Itoophiyaafi biyyoota naannichaa biroo wajjin hariiroo michummaa akkasumas muddamaa kan qaban wayita tahu, nageenya naannichaa keessa kallattiinis tahe al-kallattiin gahee qabu.
Tarkii fi UAE'n mootummaa Itoophiyaa wajjin hariiroo dhiyeenyaa akka qaban kan himamu oggaa tahu, dhimmoota garagaraan akka waldeeggaran gabaasaaleen bahan ni mul'isu.
Finciltoonni TPLF mootummaa wajjin wal waraanaa jiran, Tarkii fi UAEn meeshaalee waraanaa mootummaa Itoophiyaaf dhiyeessu jechuun himatu.
Kanaaf ragaan qabatamaa jiraachuudhaa baatus, mootummaan Tarkii amma dura ''mootummaa Itoophiyaaf qarqaarsa gosa kamuu taasisuuf'' qophiidha jedhee ture.
Dabalataanis MM Abiy Ahimad dhuma ganna dabree keessa affeerraa Pireezidant Erdogaanin taasifameen gara Ankaaraa imaluun, mootummaa Tarkii wajjiin waliigalteewwan waraanaafi diinagdee taasisanii turan.
Ambaasaaddar Feeltimaan turtii isaanii Kaayiroon ammoo, dhimma hidhaa walfalmisiisaa Itoophiyaan ijaaraa jirtu irratti, akkasumas waa'ee nageenya Gaanfa Afrikaa kaasuun dubbachuu akka malan ni eegama.
Mootummaan Itoophiyaa US TPLF'f loogde jechuun himata, mootummaan Ameerikaa garuu kana hin fudhatu.
''Fedhiin adda addaa jiraachuu danda'a. Gara caalu akka natti fakkaatutti nageenyi akka dhufu barbaadani,'' jedhu Dr Awwal.
Dabalataan, waraana kana irratti yakki raawwateera kan jedhan ogeessi seeraa kuni yakki yoo raawwate ''miseensonni addunyaa wanta sana irrati dubbachuufi itti gaafatamni akka jiraatu dirqama qabani,'' jedhu.
Sochiin ammatti waraanni Itoophiyaa keessaa akka dhaabatu qaamoleen Gamtaa Afrikaa, US fi kaaniin taasifamaa jiru mootummaa fi TPLF irratti kan xiyyeeffatedha.
Ta'us, qaamoleen Itoophiyaa keessatti lola keessa jiran kaanis jiru isaaniis hammachuu qaba jedhu Dr Awwal.
''Mariifi adeemsi araaraaf godhamu hundayyuu kan hin hammanne taate rakkoo kana guutummaa guututti hiikuu hin danda'u.''