Hongee Afrikaa Bahaatti bineensota bosonaafi loowwan galaafachaa jiru

Hongee Afrikaa Bahaatti bineensota bosonaafi loowwan galaafachaa jiru

HUBACHIISA! Odeessi viidiyoo kun raqa bineensotaafi loowwanii kan agarsiisu oggaa tahu, daawwattoonni tokko tokko kanaan jeeqamuu malu.

Gaanfa Afrikaatti lammiileen miiliyoona 26 tahan, hongee irra deddeebi'ee mudaturraa kan kahe, nyaata argachuuf rakkachaa jiru jedhame.

Goginsi kaaba Keeniyaa, Somaaliyaafi gama kibba Itoophiyaan amma mudachaa jiru haga bara dhufuttis itti fufa jedhamee kan eegamu oggaa tahu, kunis jireenya uummata hedduu balaaf saaxileera.