Waraana Itoophiyaa: 'Humnootni TPLF nmagaalota aannoo Amaaraa lama keessatti jumlaan nama fixan' - HRW

Milishaa naannoo Amaaraa awwaala namoota Cinaatti ajjeefamanii bira dhaabbatee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Milishaa naannoo Amaaraa awwaala namoota Cinaatti ajjeefamanii bira dhaabbatee jiru

Humnootni TPLF naannoo Amaaraa keessaa magaalota qabatanii turan lama keessatti namoota nagaa hedduu jumlaan ajjeesaniiru jedhe dhaabbatni mirga namoomaaf falmu Humna Raayits Waach (HRW).

Dhaabbatichi gabaasa baaseen ajjeechaan kun kan raawwate maagalota Kaaba Gondar aanaa Daabat, ganda xiqqaa Cinaa jedhamtuu fi magaalaa Qobboo keessatti Hagayya 31 hanga Fulbaana 9, 2021 yeroo humnootni TPLF qabatanii turan keessattidha jedhe.

Human Raayits Waach ragaa argadheen humnootni TPLF Cinaa fi Qobboo keessatti namoota nagaa 49 ajjeesaniiru jedhe.

Ajjeechaan kun Manni Maree Mirga Namoomaa UN ariitiidhaan bakkeewwan waraanichi babal'ate keessatti sarbama mirga namoomaa qaamolee waraanicha irratti hirmaataniin raawwate adda baasuuf qorannoo idl-adunyaa gaggeessuu akka qabu akeeka jedhe.

Gabaasichi wayita waraanni mootummaa federaala magaalota finciltootaan qabamnii turan gadi dhiisisaa jiruutti bahe.

Magaalota finciltoota TPLFn qabamanii turan amma to'annoo humnoota federaalaa jalatti deebi'an keessatti finciltoonni namoota nagaa ajjeesuu fi hospitaalota dabalatee qabeenya hedduu barbaadeessuu mootummaan himeera.

Mootummaan injifannoo waraanaa argateen magaalota kana deebisee to'achuu yoo himu, TPLF tarsiimoof jecha gadi dhiisee bahuu hime.

Gabaasni HRW maal jedha?

Hagayya 31 humnootni TPLF ganda Cinaa jedhamtu galuun humnoota waraanaa mootummaa federaalaa fi milishaa Amaaraa waliin waraana hamaa gaggeessan.

HRW jiraattota irraa iyyaafadhe akka jedhutti humnootni TPLF hanga gandicha gaafa Fulbaana 4 gadhiisanii bahanitti bakkeewwan adda addaa 15tti namoota nagaa 26 ajjeesaniiru.

Akkasumas magaalaa Qobboo keessatti Fulbaana 9, bakkeewwan afuritti namoota nagaa 23 ajjeesuu isaanii hime.

Ajjeechaan kunis haleellaa qonnaan bultootaan guyyaa sana dursuun humnoota TPLF irra gahee ture haloo bahachuuf akka tahe namoota ijaan argan irraa odeeffadhe jedhe.

Humnootni TPLF namoota to'annoo isaanii jala jiran ajjeesuun "lubbuu dhala namaa fi seera waraanaa homaatti hin lakkoofne,'' jedhe HRWtti daarikterri yeroo balaa fi walitti bu'insaa Lamaa Fakii.

''Ajjeechaan kunii fi haleellaan waraanichaan qaama hundaanuu dhaqqabe Itoophiyaa naannoo Tigiraayii fi Amaaraa keessatti yakki waraanaa raawwatamuu qorachuun akka barbaachisu agarsiisa" jedhe.

TPLF amma dura ajjeechaa kana raawwachuu waakkatee, qorannoon walabaa akka godhamuuf waamicha dhiyeessee ture.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Awwaala Jumlaa namoota magaalaa xiqqoo Cinaa jedhamtutti ajjeefamanii

Ji'a Fulbaanaa fi Onkoloolessaa keessa Human Raayits Waach fageenyarra taa'uun namoota 36, yeroo ajjeechaan kun raawwate ijaan argineerra jedhanii fi maatii miidhamtootaa dubbisee ragaa argadhe jedhe.

Cinaa fi Qobboo keessatti namootni nagaan 49 ajjeefamuu iyyaafachuun maqaa namoota ajjeefaman 44 namoota gaafadhe irraa argadheera jedhe.

Dhaabbanni kun akka jedhutti humnootni TPLF ofumaan namoota nagaa ajjeesuu qofa osoo hin taane mooraa jiraattotaa keessa dahoo godhachuun humnoota mootummaa federaalaatti dhukaasaaa akka turan jiraattota irraa dhagaheera jedhe.

Kun ammoo ''uummata dahoo'' godhachuutti akka ilaalamu ibseera.

Mudde 4 HRW waa'ee ajjeechaa kanaaf deebii akka kennaniif qondaalota TPLF'f gaafatus deebii akka hin kennine hime.

Sadaasa 2020 erga waraanni Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigiraay keessatti jalqabeen as humnootni waraanaa mootummaa federaalaa, humna waraanaa Ertiraa, humna addaa fi milishaa naannoo Amaaraa waliin tahuun humnoota TPLF waraanaa turan.

Dhaabbanni Humna Raayits Waach fi dhaabbileen mirga namoomaa biroon qaamolee waraanicha keessatti hirmaatan hundaan naannoo Tigiraay keessatti yakka waraanaa fi yakka namoomaa irratti raawwate tahuu kan malan qorachuun galmeeessuu isaanii ibsaniiru.

Ji'a Adolessaa keessa ammoo waraanichi gara naannolee ollaatti babal'achuun kumaatamaan qe'ee isaanii irraa buqqisuun walumaagalatti uummata miliyoona 9.4 tahan ammoo deeggarsa namoomaa akka barbaadan taasiseera.

Manni Maree Mirga Namoomaa UN waraana Tigiraay keessatti yakkoota namoomaa fi waraanaa raawwachuu malan adda baasuuf qorannoo idil-adunyaa tahe gaggeessuu akka qabu HRW himeera.

Manni Maree Nageenyaa UN Itoophiyaa ajandaa isaa keessatti qabachuun qaamolee waraana keessatti hirmaachuun sarbama mirga namoomaa raawwatan irratti tarkaanfii qabatamaa fudhachuun sarbani dabalataa akka hin raawwanne gochuu qaba jedhe.

Dabalataan qoqqobbiiwwan adda baafaman fudhachuu fi dhorkaa gurgurtaa meeshaalee waraanaa dabarsuu akka qabu Humna Raayits Waach hime.