Olompika Gannaa Beejing 2022: Chaayinaan biyyoonni Olompikiirraa hafan 'gatii baasu' jechuun akeekkachiifte

Madda suuraa, REUTERS
Olimpikiin Bonaa Beejingi Guraandhala keessa gaggeeffama
Chaayinaan biyyoonni dorgommii Olomikii Gannaa Beejing 2022 irraa hafuu lagannaa dippilomaasii akka godhan beeksisan "gocha dogoggora isaanii kanaaf gatii baasu" jette.
Ameerikaa, UK, Awustiraaliyaafi Kanaadaan bakka bu’oota mootummaa biyyasaanii tapha kanarratti hin ergan.
Sarbamiinsa mirga namoomaarratti galmee Chaayinaan qabduun yaaddoo qabanirraa ka’uudhaan hirmaachuu kan lagatan.
Sarbamiinsi mirgaa kunis mirga hawaasa Muslimaa lakkoofsan Chaayinaatti muraaasa ta’an Ugihur jedhamanirra gahu ni dabalata.
Ganna dhuftu biyyi dorgommicha keessummessuuf jirtu Firaans lagannaa kanatti akka hin dabalamne beeksifte.
Dorgommiin Olimikii Gannaa Beejingitti ji’a Guraandhalaa dhuftu keessa gaggeeffama.
‘’Ameerikaa, Biriteen fi Awustiraaliyaan Olimpikii bu’aa siyaasaaf itti gargaaramaniiru,‘’ jedhan Dubbi-himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Wenbin.
Miidiyaaleen Chaayinaa Roobii akka jedhanitti, "Beejiing Ameerikaafi qondaalota siyaasa biyyoota lixaa biroo ‘lagannaa dhaadhessan’ tasumayyuu hin haffeerre."
Ameerikaan biyya yeroo jalqabaatiif lagannaa dippiloomaasii kan beeksifte yoo taatu, biyyoonni akka Awustiraaliyaa, Kanaadaafi UK ammoo itti aananii beeksisan.
Tarkaanfiin biyyoota kanaa atileetotni akka itti hin hirmaanne ittisuurra kan of qusate ta’uusaa Pirezedantiin Koree Olimpikii Idil-Addunyaa Toomas Baach haala gaariin simataniiru.
‘’Qondaaltonni mootummaa sirnicharratti argamuun murtoo siyaasaa mootummootaa kanarratti hundaa’a. Kanaafuu qajeelfamni bilisa ta’uu Koreen Olimpikii Idil-Addunyaa qabu hojiirra oola,’’ jedhan.
Hariiroon biyyoota irratti lagannaa dippiloomasii gaggeessuuf jiran biyya Chaayinaa waliin qaban waggoota dhiyoon asitti muddama keessa jira.
Ameerikaan biyyi Chaayinaa Ugihur fi hawaasa Musilimaa lakkoofsan muraasa ta'an naannoo Shijiyaang jiran cunqusuun dugguggaa sanyiitii irratti raawwachuun himatti.
Chaayinaan garuu himannaa sarbamiinsa mirga namooma kan hundaa haaluun, neetiwoorkii kaampii iddoo tursiisaa Shijiyaangitti argamu warra Ugihur fi Musilooomta naannicha jiraatan biroo "keessatti deebisne barsiisuuf’’ kan qophaa’edha jetti.
Kana malees, hariiroon kanaan dura biyyoonni kunneen waliin qaban kan gufate ukkaamsaa bilisummaa siyaasaa Hoongkoong keessa jirudha.
Dhimmi taphattuu teenisii Chaayinaa beekamtu, Peeng Shuwayii, qondaala mootummaa qoccollaa saalaatiin erga himattee torban muraasa as eessa akka jirtu wallaalamuu kan hariiroo kana miidhedha biraadha.
Hariiroon biyyattiin Kanaadaa waliin qabdu kan raafame hojii- gaggeessaan kaampanii teeknolojii Chaayinaa guddicha Huwaawween walqabata.
Ta’ii kana hordofuun lammileen Kanaadaa lama Chaayinaatti hidhamaniiru.
Haaata’u malee, namoonni hidhaman sadanuu jalqaba bara kanaatti hidhaarra gadhiifamaniiru.
Biyyi Niwuzilaand qondaaltota biyya ishee sababii weerara dhibeef jecha akka hin ergine ibsite, garuu biyyattiin dhimmoota mirga namoomaa Chaayinaa keessa jirurratti yaaddoo qabdu ibsitee turte.
Kana malees, biyyoonni akka Jaappaan fa’aan lagannaa dippiloomaasii kanarratti hirmaachuufi dhiisuu ilaalcha keessa galchaa jiru.
Itaaliin garuu lagannaa kanatti hirmaachuuf karoora hin qabu jetteetti.