Sa'uudii Arabiyaatti gaalawwan kosmotiksii dibatan dorgommii bareedina gaalaa irraa ari’aman

Madda suuraa, AFP
abbootiin seeraa haala kana dura hin turreen tekinolojii ''ammayyaawaa'' dhimma bahuun qorannoo taasisu
Dorgommii bareedinaa gaalaa Sa'ud Arabiyaatti adeemsifamaa jiruun wal'aansa fuula bareechuu fayyaduufi kosmotiksii fayyadamuun gaalli 40 ol dorgommii keessaa ari'aman.
Festivaala Gaalaa Mootii Abdullaazizin moggaafame kanaan walumaagala badhaasni dolaara miiliyoona 66 qophaa'eera.
Fesivaala kanarratti dorgommii beeridina gaalotaa taasifamuun, ulaagaaleen kan akka hidhii dheeraa qabaachuu, kan gadi rarra'e qabaachuu, akkasumas funyaan guddaa qabachuun gaalota badhaasaaf dorgomaniif murteessoodha.
Miidiyaan Mootummaa Eejansii Pireesii Sa'udii (SPA) jedhamu akka gabaasetti, abbootiin seeraa haala kana dura hin baramneen tekinolojii ''ammayyaawaa'' dhimma bahuun qorannoo taasisu.
Jalqabuma gaalonni kunneen galma guddaatti oofamuun qaamni isaaniifi sochiin isaanii ispeeshaalistotaan qoratama.
Mataan isaanii, akkasumas mormi isaanii raajii (X-ray) akkasumas altiraasawundii ni kaafama. Saamudi fudhatamee qorannoon qaccee sanyii dabalataa ni taasifama.
Hanga ammaa gama dorgommii waancaa Majahemiin gaalonni 27 qaama diriire waan qabaniif dorgommiirraa haqamaniiru.
Kudha jaha kan ta'an ammoo wal'aansa fuula bareechu fudhachuu isaaniin ari'amuu SPA'n gabaaseera.
Dhaabbanni dorgommii kana qopheessu, Camel Club, jedhamu gaala bareechuuf wantoota taasifaman dhaabsisuuf akka dalagan kanneen raawwataniis cimsanii adabuuf yaada akka qaban ibsuun isaanii gabaafameera.
Waan irra gahanis yoo himan, wal'aansi gogaa dadacha'e sirreessu (Botox) hidhii gaalaa, funyaan, mangaagaafi mataa isaanii irratti waraanuun maashaa isaanii diriirsuuf akka kennamef ibsaniiru.
Kana malees, talaallii biraa fudhachuun hidhiifi funyaan isaanii guddaa akka fakkaatu, akkasumas maashaa guddisuuf kanneen hormonii wal'aanan akka jiran himan.
Dabalataan, dhiigi qaama isaanii keesa akka hin yaane dhorkuun qaami isaani bokokee guddatanii akka mul'atan kan taasisaniin jiru jedhan.
Festivaalli Gaalaa Mootii Abdullaaziz addunyaa keessaa dorgommii gaalaa isa guddichadha.
Akka miidiyaan biyya keessaa gabaasetti, abbootiin qabeenyaa gaalaa 33,000 ol US, Raashiyaa, akkasumas Faransaayirraa dabalatee dhufanii irratti hirmaatu.
Dorgommiin Mudde 1 irraa eegalee guyyoota 40f tura jedhameera.
Turistoonni 100,000 ta'an lafa dorgommii kiiloo meetira 32 dheeraturra guyyuu as bahanii dorgommii kana daawwatu jedhamee eegama.
Dorgommiin kun magaalaa guddoo Sa'udii, Riyaad, irraa gama kaaba-bahaan bakka kiiloo meetira 100 fagaattee argamutti adeemsifama.