Gatiin boba'aa Itoophiyaa biyyoota ollaa waliin yoo ilaalamu maal fakkaata?

Nama boba'aa guutaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Gabaa boba'aa addunyaarratti dabalullee gatii qinxaaboo boba'aa ji'ootaaf bakkuma jirurra turerratti jijjiirama taasisuu Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannoo beeksiseera.

Haaluma kanaan ji'a Mudderraa eegalee guutummaa biyyaattitti gatii qinxaaboo boba'aarratti sirreeffamni kan taasifame yoo ta'u, omishaalee boba'aa gara garaarratti gatiin dabalee mul'ate salphaa miti.

Sababiiwwan gatii qinxaaboo boba'aa kanarratti dabaluun barbaachiseef keessaa, gabaa boba'aa idil-addunyaarratti gatiin dabalamuun isa tokkodha.

Kaan ammoo, gatiin boba'aa Itoophiyaa keessa jiru kan biyyoota olla keessa jiru waliin yeroo ilaalamu gadi-aanaa waan ta'eef omishaaleen boba'aa daldala kontorobaandii olaanaatiif saaxilamuunsaa eerameera.

Weerara koronaavaayirasii mudate hordofee fedhiin boba'aa hir'achuusaatiin gatiin boba'aa sadarkaa idil-adunyaatti baay'ee gadi bu'ee kan ture ta'us, wagga tokkoon booda gatiinsaa suuta suutaan dabalaa dhufee sadarkaa amma irra jiru kanarra gaheera.

Ji'oota darban keessa gatiin boba'aa osoo walirraa hin citiin dabalaa kan dhufe yoo ta'u, kun ammoo dinagdeen addunyaa sababa weerara koronaavaayirasiitiin qabbanaa'ee ture gara duraan turetti deebi'uudhaaf yeroo jedhutti boba'aan faayidaarra oolu akka dabalu taasise.

Itoophiyaatti gatiin boba'aa dabale maal fakkaata?

Gatiin beenzilaa ji'ootaaf liitiriin tokko Birrii 25 fi saantiima 85n gurguramaa ture, gatii amma dabaleen ammoo beenzilli liitiriin tokko Birrii 31 fi saantiima 74tti akka gurguramu murtaa'eera.

Kun ammoo liitira tokkorratti Birriin ja'aa ol akka dabalu kan taasise yoo ta'u, gatiin dabaluun kun ammoo shaqaxoota biroofi tajaajilawwan biroorrattillee mul'achuu akka danda'u muuxannoon kanaan dura turan ni mul'isu.

A L I Sadaasa 30, 2014 irraa kaasee liitirii tokkotti naafxaan adii Birrii 28 fi saantiima 94, gaaziin adiis Birrii 28 fi saantiima 94, naafxaan gur'aachi salphaan Birrii 23 fi saantiima 73, akkasumas boba'aan xiyyaaraaf oolu Birrii 58 fi saantiima 77 gatii ta'een akka gurguramu Ministeerri Daldalaafi Walitti Dhufeenya Qaxanaa beeksiseera.

Gatiin boba'aa Itoophiyaa biyyoota ollaa waliin yeroo ilaalamu

Gatii yeroo yerootti dabalaa deemu duukaa kan deemu ta'ulleen, Itoophiyaan biyyoota Afrikaa boba'aan gatii gadaanaa ta'een keessatti gurguramu keessaa tokkodha.

Akka dhaabbata odeeffannoo gabaa boba'aa guutummaa biyyoota adunyaa hiyeessu 'Istaatistiks Taayims' jedhamuutti, Itoophiyaan biyyoota boba'aa omishan akka Angoolaa, Naajeeriyaafi Aljeeriyaatti aantee Afrikaa keessatti omishoota boba'aa gatii gadaanaa ta'een biyyaa ummatasheef dhiyeessitudha.

Biyya Afrikaa Bahaafi ollaa Itoophiyaa kan taate Keeniyaan biyyoota qaxanicha keessa jiran keessaa boba'aa gatii qaala'aa ta'een akka dhiyeessitu himama. Akka odeeffannoo Istaatistiks Taayimsitti Keeniyaatti boba'aan liitiriin tokko dolaara 1.19 gatii ta'een gurgurama.

Keeniyaatti aanuudhaan naannawichatti gatii boba'aa olaanaa ta'e biyyoonni qaban Sudaaniifi Yugaandaa yoo ta'an, boba'aa kan omishtu Sudaan liitira tokkotti dolaara 1.03 kaffalchiifti.

Dhiyeenya kana zayita boba'aa kan argatte Yugaandaan ammoo liitira tokkotti dolaara Ameerikaa 1.09 gatii ta'een dhiyeessiti.

Addunyaarratti biyyi lammileenshee gatii boba'aa xiqqaa kaffalchiiftuufi ofiinillee boba'aa omishtu garuu dinagdeenshee baayyee kan jalaa kufe Venzuweelaadha.

Akka Giloobaal Petirool Piraayis jedhutti biyya Venzuweelaa keessatti Birrii Itoophiyaa 1 (Dolaara Amerikaa 0.02)n boba'aa liitira tokko bitachuun ni dana'ama.

Afrikaa keessatti biyyoota boba'aan gatii olaanaan keessatti gurguraman keessaa Afrikaan Kibbaa adda-durummaan eeramti. Akka ragaaleen gabaa kun mul'isanitti boba'aan liitiriin tokko Dolaara 1.25 gatii ta'een gurgurama.

Biyyoonni guddatan kanneen akka Neezerlaandis, Noorway, Xaaliyaaniifi Hong Kong boba'aa liitira tokkotti Dolaara Ameerikaa 2 ol (gara Birrii 95 kan siqu) gaafatu.

Boba'aa kan hin omishne Itoophiyaan, biyyoota boba'aa omishaniin olitti gattii salphaatiin boba;aa lammileef dhiyeessiti.

Kan kan ta'eef ammoo mootummaan damee kanaaf sababa tumsa taasisuufidha.

Biyyattiin baajata waggaasheerraa sharafa alaa guddaa ramaduudhaan boba'aa dhiyeessiti.

Madda suuraa, FBC

Itoophiyaan boba'aa eessaa galchiti?

Itoophiyaan boba'aa fayyadamtu biyyoota omishan gara garaarraa kan galfattu yoo ta'u, caalmaan biyyoota Baha Giddu-galeessaafi Galoo-Galaanaarraa argatti.

Itoophiyaan yeroo ammaa kana zayita boba'u ishee barbaachisu Sa'ud Arabiyaafi Kuweetirraa fichiisiifata kan jirtu ta'uu ragaan Dhaabbata Boba'aa irraa argame ni mul'isa.

Interpiraayizii Dhiyeessa Boba'aa Itoophiyaa akka jedhutti taanaan yeroo ammaa kanatti omishoonni zayita boba'uu gara Itoophiyaa kan galan karaan tokkichi ulaa galaanaa Jabuutiitiin qofadha.

Akka odeeffannoo BBCn ji'a afur dura Interpiraayizii Dhiyeessa Boba'aa Itoophiyaarraa argate mul'isutti, boba'aan biyyattiin fayyadamtu guyyaa guyyaan beenzila liitira miliyoona 2.5 fi naafxaa liitira miliyoona 8 kan ta'utu dhiyaata.

Kana guutuuhaaf ammoo wagga waggaadhaan hanga boba'aa biyyattiin fayyadamuudhaaf ishee barbaachisu dhaabbileen gara garaa waliin ta'uudhaan, Interpiraayizii Dhiyeessa Boba'aa Itoophiyaa waggaaf boba'aa hangam akka barbaachisu odeeffaanoo gara garaarratti hundaa'uudhaan alaa galchuuf karoorsa.

Akaakuuwwan omishawwan boba'aa Itoophiyaan biyya alaatii galchitu shanidha. Isaanis: beenzila, naafxaa, boba'aa xiyyaaraafi tajaajila industirriif kan oolan naafxaawwan gosa lamadha.

Akkaataadhuma kanaan waggaatti beenzila meetirk toonii kuma 700, naafxaa meetirik toonii miliyoota 2.8, boba'aa xiyyaaraa meetirik toonoo kuma 600, akkasumas naafxaawwan industirii gosa gara garaa meetirk toonoo kuma 70 akka biyya alaatii akka galu Obbo Taaddasaa Hayilemaariyam himanii ture.