Vilaadmiir Putiin yeroo Sooviyeet Yuuniyen diigamte konkolaachisaa taaksii ta'ee hojjedheera jedhan

Madda suuraa, Getty Images
Suura faayila keessaa: Putiin bara 20210
Diigamuun Sooviyeet Yuuniyen akka isaan gaddisiisu kan himan Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin, yeroo sanatti jiruu isaaniif galii argachuuf konkolaachisaa taaksii ta'anii hojjechuun dirqama itti ta'uu dubbatu.
Bara sana keessa Yuuniyeniin sun diigamuun burkutaa'uu dinagdee qaqqabsiise lammileen Raashiyaa maallaqa argachuudhaaf maddawwan galii haaraa ta'an akka barbaaddatan isaan dirqisiiseera.
Bara 1991 konkolaachisaa taaksii ta'uun kan hojjetan Putiin, diigamuuniifi addaa adda bahuun Sooviyeet Yuuniyen, "kufaatii biyya seena-qabeetti Raashiyaati" jechuun ibsan.
Yaadni pirezidaant Putiin kun miseensa Sooviyet Yuuniyen duraanii kan turte Yukireen ilaalchisuun ejjennoofi fedhii qaban waan akeeku ta'uu mala jedhamaa jira.
Naannoo daangaa Yukireen loltoota kuma 90 ol kan qubsiiste Raashiyaan, Yuukireeniin weeraruuf jirti yaaddoon jedhu jira.
Raashiyaan himannaa kana kan waakkatte yoo ta'u, Yuukireeniin ammoo gama isheen dubbii na barbaadaa jirti jechuun himatti.
Putiin diigamuu Sooviyeet Yuuniyen akka wanta gadisiisaa ta'etti ilaaluun isaanii haqa ta'us, waa'ee dhimma dhuunfaa isaanii yaadni kennan ammoo waan haaraadha.
Yeroo tokko tokko maallaqa dabalataa argachuun dirqama ture kan jedhan Putiin, "dhugaa dubbachuudhaaf konkolaachisaa dhuunfaa ta'anii maallaqa dabalataa argachuun wanta namatti hin tolledha. Haata'u malee, haala nama gadisiisuun akkasuma ammoo ta'ee ture," jechuun ibsan.
Bara sana keessa taaksiin Raashiyaa keessa baay'ee hin argamu ture. Namoonni konkolaataa qaban namoota biroo gargaaruudhaaf namoota hin beeknellee fe'achaa turan. Tokko tokko ammoo konkolaataawwan hojii kan akka ambulaansiiyyu akka taaksiitti itti fayyadamaayyu turan.
Pirezidantii Raashiyaa yeroo ammaa kan ta'an Putiin, hojjetaa dhimma tikaafi nageenyaa Sooviyet Yuuniyen duraanii kan KGB jedhamuu turan.
Baroota 1990 gara jalqabaa keessa ammoo waajira Kantiibaa Sent Piitersiberg, Anaatolii Soobichaak keessas hojjetaniiru ture.
Hagayya 1991 erga fonqolchi mootummaa USSRf ykn Soovyet Yuuniyeniif sababa ta'e pirezidantii Sooviyeet Yuuniyeen Mikaa'el Gorbaachoov irratti gaggeeffameen booda miseensummaa KGB akka gadhiisan dubbatu.