Gaazexeessaa Taammiraat Nagaraa to'annoo jala ooluu maatiin himan

Madda suuraa, Tamerat Negera
Hundeessaafi qopheessaan sagantaa miidiyaa hawaasaa Taraaraa Neetwoork gaazexeessaa Taammiraat Nagaraa mana jireenyaa isaatii poolisiin qabamuu waahillaniifi maatiin isaa BBC'tti himan.
Gaazexeessaan duraanii Addis Nagar fi jireenya baqaa booda biyyatti deebi'ee waltajjii miidiyaa hawaasaa Taraaraa Neetwoork jedhamu hundeesse kan sagantaalee adda addaa qopheessu gaazexessaa Taammiraat Nagaraa, qaamolee nageenyaa mootummaan to'annoo jala ooluu haati warraa isaa Salaam Balaay BBC'tti himte.
Taammiraat Jimaata gara waareetti mana jireenyaa isaatii sababni qabameef osoo hin ibsamiin gaaffiif akka barbaadamu qofa himamee qaamolee nageenyaa magaalaa Finfinneen qabamee mana hidhaa 'Soostanyaa Poolis Xaabiyaa' geeffamuu waahillan isaa mirkaneessaniiru.
Aadde Salaam qaamoleen nageenyaa gara mana isaanii dhaqan namoota uffata siviilii uffataniifi miseensota Poolisii Federaalaa hidhannoo qaban ta'uu fi boodas gara bakka hojii isaa deemuu dubbataniiru.
- 'Iyyaaspeed na wal'aanaa osoo jiruu manatti ol lixanii fudhatan' - Harmee Iyyaaspeed
- 'Itoophiyaan biyya Sahaaraa gadii gaazexeessitoota hedduu hiite lammaffaadha' - CPJ
- Labsiin yeroo muddamaa mirga bilisaan yaada ofii ibsachuurratti dhiibbaa uumee?
- Facebook Itoophiyaa keessa walitti bu’iinsa hammeessuun itti gaafatamaa?
Mana jireenyaafi bakka hojii isaatii meeshaalee hedduu fudhatanii deemuu ''hidhaan isaa hojii isaa wajjin kan walqabatu ta'uu isaa yeroo isaan bakka hojii isaa deeman barreerra'' jedhan haati warraa isaa.
Taammiraatin manaa fuudhanii bakka hojii isaa geessanii erga sakatta'anii booda manatti deebi'anii mana si'a lammataaf sakatta'uu isaaniis himaniiru.
''Dhuma irrattis uffata kennaaf jedhanii fuudhanii deeman.''
''Abukaatoo fidnee akka dhiyaannu, sababa itti hidhamu nutti himaa jennaan 'isa qorannoo fi gaaffii booda beekna'' jedhan. 'Amma homaa waan isiniin jennu hin jiru. Gaaffiif isa barbaanna' jedhanii deeman,''
BBCn hidhamuu gaazexessaa Taammiraat Nagaraa ilaalchisee hoogganaa hariiroo uummataa Komishinii Poolisii Finfinneetti bilbilee ture. Komaandar Faasikaaw Fantaa waayee hidhaa isaa waan beekan akka hin qabne himanii ''qulqulleeffannee deebii kennina'' jedhaniiru.
Sakattaa manaa fi bakka hojii gaazexessaa Taammiraatitti gaggeeffameen laappitooppii, koompiitaroonni, waraabduun sagaleefi meeshaaleen biroon fudhatamuu haatii warraa isaa himteetti.
Taammiraat dhiibbaa irra gahaa tureen waahillan isaa waliin waggoota dura biyyaa bahu isaan dura, barruu beekamtii guddoo horate Addis Nagar jedhamu irratti xiinxala siyaasaa kennuun beekama ture.
Taammiraat biyya Ameerikaa jiraachaa erga turee booda jijjiirama waggaa sadii dura dhufe hordofee biyyatti deebi'e. Bara darbe ammoo YouTube gubbaatti waltajjii Taraaraa Neetwoork jedhamu hundeessee dhimmoota adda addaarratti hojjetaa ture.
Dhimmootni inni dhiyeessus miidiyaa hawaasummaa gubbaatti falmisiisoo ta'uun isaanii dabalaa dhufeera.
Guyyaa lama duras akkasuma gaazexessaafi dargaggoon siyaasa xiinxaluufi hundeeessaa Ubuntu TV ta'e Iyyaaspeed Tasfaayee magaalaa Finfinneetti qaamolee mootummaan to'annoo jala oolfameera.